#Yesus koo michuu garaakoo🥹🥹
Sin dhoksu dhimma koo hundaa sitti himadha
Akka abbaa koottan siinan marii'adha
Jaalalleenkoo sidha kanan mararfdhu
Dhoksaa garaa kootii kanan itti himadhu
Jechoota filadhu siin marii'achuudhaa
Dursitee hubatta atoo dhoksaa garaa koodhaa
Wantan Namatti hin himanne icciitii keessa koo
Sittan odeeffadha misxira garaa koo
Sin dhoksu keessa koo fedha garaa kootii
Sin marii'dha gooftaa ati michuu kooti
Jecha koo miti ati garaa koo ilaalta
Dubbii koo duras keessa koo hubatta
Hin rakkadhu anoo sitti himachuuf miira koo
Jallistees hin hubattu atoo jechoota koo
Yesus koo gooftaa koo michuu garaa kootii
Ati yeroo hundumaa fira dhiyoo kooti
Yeroo filadhu anoo sitti dubbachuudhaaf
Beellamas naan qabdu sitti dhiyaachuudhaaf
Galgala yoo ta'es halkaan waarii lafaa
Ganamas yoo ta'e guyyaa waaree saafaa
Atoo yerooma hundumaa anaan dhaggeeffatta
Qophummaa Koo's ana irraanfachiistaa
Yommuun rafus ati na wajjiniin jirta
Hirribaa yoon ka'us durseen si argadha
Argamni kee gooftaa koo anaaf yeroo hunda
Narraa hin fagaattu atoo na utubda
Dhugum Yaa michuukoo jaalallee garaa koo
Baraan naaf jiraadhu gooftaakoo yesuuskoo
Naaf gaddeebi'uun kee nan dagachiisu goftummakee
Na waliin ta'uun kees na tuffachiisu guddummaakee
Gooftaa koon siin jedha siifan bula yesuuskoo
Fedha koo siif dhiiseen siif laadha yeroo koo
Siif of hin qusadhu siin laadha waan hunda koo
Atis na gargaarta nan dhiistu gooftaa koo
Natti hin saalfanne atuu naaf ta'uuf abbaa koo
Cubbamaa jaallatteem ulfaadhu gooftaa koo
Anaa waliin teesse qixa koo dhaabattee
Bakka koo buuteeyyuu anaaf arrabsabte
Muddama koo hundaas naaf baatteem safuudha
Osoo siin qabaannee eenyutan boqodha
Eenyutu dhufa gara koo osoo beekuu yakkakoo
ijas hin jabaadhun tureem siin jechuuf abbaakoo
Osoo ati hin dhufneetii barbaacha gara koo
Osoo na gaaffatte ta'ees ulaagaa waan tokkoo
Eenyutu naaf guuta waan narraa eegamu
Maaltu naa kanfala gatii narra jiru
Akkanumaan na jaallatte abbaa koo safuudha
Tollii fi gaarummaan kee qalbii koo na fuudha
Waan baasuus hin qabu gatii oolmaa kee
Gooftaa koo yesuuskoo naaf haa ulfaatu maqaankee
✍🏻 Dr. Cimdeessaa.
🔔GWP-Media 📺
🔥Join and Share 🙏🙏🙏
═🌟═🌟═🌟•🌟•🌟═══╗
https://t.me/Gosp22
https://t.me/Gosp22
https://t.me/Gosp22
═🌟═🌟═🌟•🌟•🌟═══╝