😱YESUUS KIRISTOOS WAAQA TA'UU ISAA DUBBATEERAA?
Kutaa 4ffaa
(https://ewnetlehulu.net/or/yesuus-rabbi/)
________________________________________
🩸Yesuus Waaqa Ta’uu Isaa Karaa Ittiin Mul’ifatee fi Dubbii Isaa (kan itti fufe)
2. Duumessa Samiin kan Dhufu “Ilma Namaa” Ta’uu Isaa Dubbachuun:
🔻Yesuus Kristos irra deddeebi’uun maqaa “ilma namaa” jedhuun yommuu fayyadamu argina ( Mar. 13:23-27, 14:60-64).
🔻“Ilma namaa” kan jedhu iccitii moggaafama isaa kan argannu Macaafa Daani’el Raajicha 7:13-14 irrattiidha.
[“Kunoo, ilma namaa kan fakkaatu duumessoota waaqaatiin dhufuu isaa halkan mul’ataan nan arge; yommuus inni gara isa bara baay’ee dheeraa jiraate sanaa dhaqee isa duratti in dhi’eeffame. Warri saba garaa garaa, warri gosa garaa garaa, warri afaan garaa garaa dubbatan hundinuu akka isa waaqessaniif, gooftummaan, ulfinni, mootuumaan isaaf in kenname; gooftummaan isaa kan hin darbineedha, inni gooftummaa bara baraa ti; mootummaan isaas isa balleeffamu miti”]
🔻Akka luqqisii kanaan qaamni ilma namaa jedhame kun saba hundumaa kan bulchu, kan hin dabarre, bulchiinsa bara baraa kan qabaatuu fi mootummaa hin balleeffamne kan qabaatuudha.
🔻Waaqayyoon alatti sabni hundi kan isaaf bitamuu maluu fi mootummaa fi bulchiinsa bara baraa qabaachuu kan danda’u eenyuudha?
🔻Yesus maqaa “ilma namaa” kan jedhutti fayyadamuun isaa Waaqa foon uffatee dhufuu isaa argisiisuuf akka ture raajii kanarraa ni hubanna.
3. Wanta Waaqayyo qofti hojjechuu danda’u raawwachuudhaan:
📍Kanaaf fakkeenya gaarii kan nuuf ta’u Yesuus cubbuu namaaf dhiifama gochuuf dandeettii qabaachuu isaa argiisuu isaati (Mar. 2:1-12).
📍Waaqayyoon alatti cubbuu kan namaaf dhiisuu danda’u eenyuudha?
3. Kabaji Waaqayyo Abbaaf kan malu hundi isaafis akka kennamuu malu dubbachuun:
“Abbaan ofii isaatii homaattuu hin faradu, firdii hundumaa harka ilma isaatti kenneera malee. Hundinuu abbaadhaaf ulfina akkuma kennanitti, ilmaafis ulfina haa kennan; ilmaaf ulfina kan hin kennine, abbaa isa ilma isaa ergeefis ulfina hin kennu” (Yoh. 5:22-23).
📍Waaqayyo Abbaa kan kabajnu isa waaqeffachuuniidha. Yesusiin ammoo akkuma Waaqayyo Abbaa kabajnuun kabajuu kan dandeenyu ulfina Waaqayyo Abbaaf kenninu hunda yommuu isaaf laannuudha.
4. Gara isaa akka kadhannuu fi innis kan kadhannu hundumaa akka nuuf raawwatu dubbachuuniidha:
“..... Abbaan ilma isaatiin ulfina akka argatutti, waanuma isin maqaa kootiin kadhattan ani nan raawwadha. Waanuma tokko isin maqaa kootiin yoo kadhattan, ani nan raawwadha” (Yoh. 14:12).
📍Yesuus kadhata nama hundumaa dhaga’uuf bakka hundumaatti argamuunii fi wanta hundumaa beekuun isarra jiraata.
📍Wanna kadhannu hundumaa raawwachuuf ammoo hundumaa kan danda’u ta’uun isaaf mala.
📍Waaqa tokkichaan kan hafe kadhata keenya dhaga’uun wanta kadhannu hundumaa raawwachuu kan danda’u eenyuudha?
📍Yesuus garuu kana hundumaa raawwachuu akka danda’u nutti himeera, kanaafuu Waaqa ta’uu isaa dubbateera.
5. Bakka hundumaatti argamuu akka danda’u dubbachuun:
“.... Iddoo namoonni lama yookiis sadii maqaa kootiin walitti qabamanitti, ani achitti isaan gidduutti nan argama” (Mat. 18:19-20).
“... Waanan isin abboome hundumaa eeguu isaan barsiisaa! Kunoo, ani immoo hamma dhuma baraatti guyyaa hundumaa isinii wajjin nan jira” (Mat. 28:19-20).
📍Gooftaan keenya Yesuus Kristos bakka walitti qabamnu hundumaatti gidduu keenyatti argamuu kan danda’uu fi hamma dhuma baraatti nuu waliin ta’uu kan danda’u dandeettii ittiin bakka hundumaatti argamuu danda’uun qofadha.
📍Kanaafuu Yesuus kana gochuu akka danda’u dubbachuun isaa karaa biraatiin Waaqa ta’uu isaa dubbachuu isaa ti.
🔺Kutaa 3ffaa Argachuuf
👉🏼https://t.me/Gosp22/1166
📅 Kutaa 5ffaan Itti fufa...Halkan Gaarii Isiniif Hawweera❣️!!
Yohaannis 8:32
32 Dhugicha in hubattu; dhugichis birmaduu isin in baasa” jedhe.
🔔GWP-Media
|| Sagalichi Jireenyadha!
🔴JOIN US ON 👉🏼 https://t.me/Gosp22
🔴Nutti Makamuf 👉🏼 https://t.me/Gosp22