𝙃𝙞𝙞𝙠𝙖𝙖 𝙔𝙖𝙖𝙙𝙖𝙖 ✍️✍️✍


Гео и язык канала: Эфиопия, Английский
Категория: Другое


💊 Arraba kee eeggadhu!
💊 Fayyaa kee eeggadhu!
💊 Kabaja kee eeggadhu!
==https://t.me/hiikaayaadaa

Связанные каналы  |  Похожие каналы

Гео и язык канала
Эфиопия, Английский
Категория
Другое
Статистика
Фильтр публикаций


Haati warraa Artist Andualem Gosaa #Keneni_Adugna boqottee jirti. Lubbuu ishee haa maaru. Maatii, Firaa fi hiriyoota ishee maraaf jajjabina haa kennu. Duuti kichuu akkanaa nama rifachiisa, abdii nama kitachiisallee!

Nagaan boqodhu😭😭😭😭


Barataa fi Barsiisaa

Barataan Yunivarsiitii tokko barsiisaa isaa kan ta'e "piroofeesera tokko wajjiin iddoo bashannanaa taa'ee haasa'a. "Piroofeesarichi, kun barattoota isaa hunda keessaa barataa kana waan sirriitti jaalatuuf akka hiriyyaatti ofitti dhiheessa. Osoo taa'anii wajjin haasa'anii fuuldura isaaniitiin hojjataa qulqulleessaa kan ta'e namichi tokko kophee isaa baafatee kan biqiltuu fi marga naannoo haara galfannaa sana jiru kunuunsaa jiru argan.

Barataan kun barsiisaa isaatiin akkana jedhe. "Barsiisaa nuti lachuu har'a mukoofnee jirra. Maaliif akkana hin goone? Namicha kana kophee isaa kana jalaa fuunee erga dhoksinee booda yommuu kophee isaa dhabu waan inni ta'u maaf hin ilaalle?" Piroofeesarichis, barataa isaa gateettii irra qaqqabaa "Yaa jaala koo hagam tokko iyyuu mukoofnee jiraannus harka qalleeyyii dararaatiin mukuu ba'uu yookiin immoo gammaduu hin qabnu.

~Mee haga san nuti maallaqa qabna waan ta'eef maallaqa keenya kanaan gammachuu kanaa olii haa barbaannu! Deemii kophee namicha kanaa keessa osoo inni hin argin maallaqa keessa kaa'iitii deebi'i! Sana booda yommuu kophee isaa deebi'ee godhatu waan inni ta'u dhokannee wajjin ilaalla jedheen. Barataanis deemee akka barsiisaan isaa jedhe sanatti maallaqa hedduu fuudheetiin osoo namichi isa hin argin kophee namichaa keessa kaa'ee deebi'e. Sana booda dhokatanii haala namichaa cal jedhanii hordofuu jalqaban.

~Namichis dalagaa isaa xumuree kootii isaa godhatee kophee isaa kaawwachuu eegale. Haa ta'u garuu kopheen isa quuqee jennaan mulqatee gadi hurgufe. Yommuu kophee isaa gadi hurgufu maallaqni hedduun keessaa gadi harca'e. Namichi ni rifate. Naannawa isaa yommuu ilaalu homtuu hin jiran. Irra deddeebi’ee bitaa fi mirga isaa ilaale. Garuu nama tokkoyyuu arguu hin dandeenye. Namichis mataa isaa raasee mallaqa guurratee kophii isaa keessatti kaawwate. Sana booda kophee isa lammaffaas yommuu kaawwachuuf jedhu bifa walfakkaataa ta'een maallaqa keessatti argate. Namichi amanuu hin dandeenye! yoosuu jilbaan lafatti gadi jilbiiffatee morma isaa gara samiitti ol qabuu dhaan akkana jechuun iyye. "Yaa Gooftaa koo! Kuni hundi dhukkubsachuu haadha manaa kootii argiteetii mii. Si malee eenyuu ishee akka hin gargaarre waan beektuufii mii. "Yaa Gooftaa koo! Kuni hundi ijoolleen koo daabboo nyaatan dhabanii akka rakkatanii jiran argiteetii mii. "Yaa Gooftaa koo galanni siif haa ta'u!" jedhe.

~Baratichi yommuu haala namichaa kana dhokatee daawwatuu fi dhaga'u onneen isaa ni xuqamte. Ijji isaa imimmaan guurte. Piroofeesarichis, akkana isaan jedhe "wanta duratti isa irratti yaadde dalaguun mukuu ba'uu fi itti gammaduu barbaadde caalaa isa kanaan akka gammachuu argatte shakkii hin qabu" jedheen. Baratichis imimmaan isaa ija irraa haqataa, "piroofeeser dhugaa isiniin jedha wantoota hanga har'aatti na barsiiftan keessaa kan barumsa akka har'atti na barsiiftanii hin beektan. Dhugaa dha fudhachuu irra kennuun caaltuu dha" jechuun deebiseef. "Nutis maaloo wantoota gaggaarii qofa haa yaadnuu! bori matuma keenyaaf deebitiiti!

@Hiikaayaadaa
@Hiikaayaadaa
@Hiikaayaadaa






➥ Waan yaaduu qabdu qofa yaaduu yoo dandeesse waan irraanfachuu barbaaddu ni irraanfatta.

➥ Akkasuma yaadolee gadhee hedduu jireenya kee balleessan jalaa miliquu dandeessa!

https://www.facebook.com/100015659980921/posts/pfbid03836UzRU7TMFKRWeDbWDT3drTDhZLyvwEcJHmmCJW1vuWHGtkCRzeGEPbC9Qj3oRtl/?app=fbl


Репост из: 𝙃𝙞𝙞𝙠𝙖𝙖 𝙔𝙖𝙖𝙙𝙖𝙖 ✍️✍️✍
#Yaa_Jireenya_jaarraa__21ffaa
Irra caalaan hiyyeessaa,kubbaa miilaa daawwata, irra caalaan harka qalleessaa,telvizyiina jala taa’ee diraamaa laalaa bula,irra caalaan harki hujii hin beeknee,eddoo sirbaafi taphaa fedha,irra caalaan nama hujii hin qabnee,siyaasa gara isaa hin beekne irraa dubbataa jiraataa taajjabi.

Qalbi dhabeessi telvizniina guddaa bituuf deema,qalbi qabeessi bitee itti gurguruuf dhaadhessa,gowwaan kophee furdaafi sa’atii guddaa bituuf deema,qaruuteen meeshaa bifa garagaraa fidee jala qabee waliin rakkisa,kaayyoo jiraataniif beekuu dhabuufi uf jalaa dhabamuun, jiruu nama harkaa balleessitii xiinxalli.


Gaaf jirtuu Beektaa malee gaafa deemtuu hin beektuu Gaarii gochuun fakkeenya ta'ii seenaaf sii ta'a!!!


➽𝐀𝐌𝐌𝐄𝐄𝐍 𝐉𝐄𝐃𝐇𝐈 ⟰
☛Gufuu diinni kee siif kaa'e, falaxii dinnichaan bilcheeffadhu.

☛Boolla diinni kee siif qotutti bishaan jallisii boqqolloo facaafadhu

☛Qabeenyi ati hin yaanne mana kee haa seenu!🙏

𝐇𝐢𝐢𝐤𝐚𝐚𝐲𝐚𝐚𝐝𝐚𝐚
𝐇𝐢𝐢𝐤𝐚𝐚𝐲𝐚𝐚𝐝𝐚𝐚
𝐇𝐢𝐢𝐤𝐚𝐚𝐲𝐚𝐚𝐝𝐚𝐚
𝐇𝐢𝐢𝐤𝐚𝐚𝐲𝐚𝐚𝐝𝐚𝐚
𝐇𝐢𝐢𝐤𝐚𝐚𝐲𝐚𝐚𝐝𝐚𝐚
𝐇𝐢𝐢𝐤𝐚𝐚𝐲𝐚𝐚𝐝𝐚𝐚
𝐇𝐢𝐢𝐤𝐚𝐚𝐲𝐚𝐚𝐝𝐚𝐚
𝐇𝐢𝐢𝐤𝐚𝐚𝐲𝐚𝐚𝐝𝐚𝐚


➽ 𝐇𝐚𝐚𝐥𝐚 𝐤𝐞𝐞 𝐢𝐥𝐚𝐚𝐥𝐭𝐞
➽ 𝐘𝐞𝐫𝐨𝐨 𝐤𝐞𝐞 𝐢𝐥𝐚𝐚𝐥𝐭𝐞
➽ 𝐇𝐢𝐢𝐫𝐢𝐲𝐚𝐚 𝐤𝐞𝐞 𝐢𝐥𝐚𝐚𝐥𝐭𝐞
➽ 𝐉𝐢𝐫𝐞𝐞𝐧𝐲𝐚 𝐤𝐞𝐞 𝐢𝐥𝐚𝐚𝐥𝐭𝐞
➽ 𝐃𝐚𝐝𝐡𝐚𝐛𝐢𝐢 𝐤𝐞𝐞 𝐢𝐥𝐚𝐚𝐥𝐭𝐞
➽ 𝐍𝐚𝐦𝐚 𝐢𝐥𝐚𝐚𝐥𝐭𝐞 𝐇𝐚𝐚𝐥𝐚𝐟 𝐲𝐞𝐫𝐨𝐨 𝐤𝐞𝐞𝐭𝐢𝐢𝐟 𝐚𝐛𝐝𝐢𝐢 𝐡𝐢𝐧 𝐤𝐮𝐭𝐢𝐧 𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐰𝐚𝐚𝐪𝐚𝐲𝐲𝐨𝐨 𝐠𝐨𝐝𝐡𝐮𝐮 𝐦𝐚𝐚𝐥 𝐛𝐞𝐞𝐤𝐤𝐚𝐦𝐚.
⏎⏎⏎⏎⏎⏎⏎⏎⏎⏎⏎⏎⏎⏎⏎⏎⏎⏎⏎⏎

𝐇𝐈𝐈𝐊𝐀𝐀 𝐘𝐀𝐀𝐃𝐀𝐀
𝗛𝗜𝗜𝗞𝗔𝗔 𝗬𝗔𝗔𝗗𝗔𝗔


Seerota Ajaa'ibsiisoo Kooriyaa Kaabaa
(North Korea)

1-Kooriyaa kaabaa keessatti amantiin kamiyyu dhorkaadha. Waaqni jira jechuun nama adabsiisa.

2-Kooriyaa kaabaa keessa tiraafikii durbaa qofaatu jira. Tiraafikiin dhiiraa hin jiru

3-Filannoon Kooriyaa kaabaa waggaa 5, 5niin geggeeffama. Garuu kaardiin filannoo maqaa nama tokkoo qofaa qaba.

4-Kooriyaa kaabaa keessatti yoo yakka hojjette amma dhaloota sadii fi maatiin hundi itti gaafatama.

5-Namni kamiyyu rifeensa isaa akkaataa mootummaan eeyyamuun qofa sirreeffata. Akka pireedizantii isaanii uffachuun ta’e rifeensa sirreeffachuun dhorkaadha.

6-Konkolaataa ykn computerii bitachuuf eeyyama mootummaa argachuu qabda.

7-Akka biyyaatti TV sadii qofaatu jira.

8-Kaalendarii isaanii bara 1912 yeroo mootiin isaanii Kim sung 2ffaa dhalatee kaasanii lakkaa’u. Amma akka addunyaa 2020 irra hin geenye bara 109 irra jiru

9-Dhiirri tokko durba waliin waa’ee jaalalaa kan inni haasa’uu danda’u yoo kan ishee fuudhu ta’e qofaadha. Gaafa guyyaa gaa’ela isaanii bakka awwaalcha Kim Sung 2ffaa daawwachuun dirqamadha.

10-Kooriyaa kaabaa keessa akka biyyoota biroo taaksii fi gibirri ummata irraa hin funaanamu.

11-Yeroo mucaan dhalatu maqaa pirezidantii isaanii baasuun hin danda’amu. Yoo osoo pirezidentiin isaanii hin muudamiin dura baasaniif ta’e maatiin maqaa mucaa jijjiiruuf dirqamu.
12-Biyyattiin rakkoo humna ibsaa waan qabduuf yeroo hundaa akka guutuu biyyaatti halkan ibsaan ni bada.

13-Maatiin ijoollee barsiifachuuf gara M/B yeroo ergu taa’umsa kennuun dirqama.

14-Uffata jiinsii bifa samii (blue) uffachuun dhorkaadha. Akka sirna impeeriyaaliizimii USA tti ilaalu.

15-Magaalaa guddoo piyongyang keessa nama eeyyemameef qofaatu jiraachuu danda’a.
16-Biyyattii keessa qaama miidhamaan hin jiru. Ni ajjeefamu.

17-Humni nama baratee 100% dha. Namni hin baranne hin jiru.

18-Raadiyoo biyyattii sagalee hiri’suu malee dhaamsuun dhorkaadha.






✪𝐃𝐇𝐀𝐋𝐎𝐎𝐓𝐀✪
___
☛Dhaloota Waliif Yaaduu
☛Dhaloota Waliif ho'uu
☛Dhaloota waliif Iyyuu
☛Dhaloota walii jabeessuu
☛Dhaloota waliif Dhukkubsatu
☛Dhaloota Waliif madda'uu
☛Dhaloota wal qabannessuu
☛Dhaloota walii rakko furu
☛Dhaloota wal nyaachisuu
☛Dhaloota dhugaa walii jaallatu
☛Dhaloota Rakko walii Baatuu
☛Dhaloota Yeroof hin jijjiramne
☛Dhaloota keessoo Nagaa
☛Dhaloota keessoo Jaalala
☛Dhaloota Keessoo Arja'aa
⇌⇌⇌⇌⇌⇌⇌


⇕𝐆𝐚𝐭𝐢𝐢 𝐃𝐡𝐚𝐥𝐨𝐨𝐭𝐚 𝐁𝐞𝐞𝐤𝐢𝐢 𝐃𝐡𝐚𝐥𝐨𝐨𝐧𝐧𝐢𝐢 𝐀𝐛𝐝𝐢𝐢 𝐄𝐠𝐞𝐫𝐢𝐭𝐭𝐢

𝐇𝐈𝐈𝐊𝐀𝐀 𝐘𝐀𝐀𝐃𝐀𝐀 𝐂𝐇𝐀𝐍𝐍𝐄𝐋

@𝐇𝐢𝐢𝐤𝐚𝐚𝐲𝐚𝐝𝐚𝐚


NGAT

Galmeen Qormaata Digirii Lammaffaa Biyyaalessaa (NGAT) Gurraandhala 27 hanga Bitootessa 1, 2017, hanga sa’aatii 12:00 halkaniitti karaa liinkii galmee https://ngat.ethernet.edu.et/registration qofa banaa ta’uu ministeerri barnootaa beeksise.

Gaaffii galmee waliin walqabatu yoo qabaattan sa'aatii hojiitti ngat@ethernet.edu.et ykn 0920157474 (Enatnesh Gebeyehu) fi 0911335683 (Fasil Tsegaye) irratti nu qunnamaa jechuun beeksisi ministeerichaa eereera.

Guyyaan qormaataa boodatti kan beeksifamu ta’a.

Odeeffannoo barnootaa qofa bakka tokkotti argachuuf @hiikaayaadaa University irratti hordofaa!

SABA GU


#Hin_Jarjariin
***
Bara duriiti jedhan Gurbaa dargaggeessa tokkotu Durba isaaf taatu barbaadutti baay'ee dhiphachaa Waggoota dabarse. booda keessa #waa_himtuu biyya fagoo  bira dhaquuf  utuu karaa deemuu, Leenca tokkotti dhufe. Leenci sunis Gurbaa kanaan "Eessa dhaqxa ?" Jedheen. Gurbaanis Iddoo dhaquu fi waan dhaquuf itti hime, Leencichis "Anis Waanan nyaadhu dhabeen eenyuun akkan gaafadhu wallaaleetii adaraa anaafis naaf gaafadhu" jedheen. Gurbaanis "Tole " jedhee bira darbe.

Utuu deemuu Intala Muka jala teessee boossu arge. Isheenis "Eessa dhaqxa ?" Jetteen. Innis Iddoo dhaquu fi waan dhaquuf itti hime. Isheenis Adaraa anaafis naaf gaafadhu jetteen. Tole jedhee bira darbe.
Amma muka Bishaan guddaan jala Yaa'u garuu goggogee dhaabbatu arge, Mukni kunis "Eessa dhaqxa?" jedheen, Gurbaanis  iddoo dhaquufi waan dhaquuf itti hime, Mukni kunis adaraa anaafis naaf gaafadhu, bishaan na jala yaa'a garuu Ani dheebuudhaan goggogee" jedheen. Gurbaanis "tole"Jedhee darbe.
Utuu deemuu #waa_himtuu bira ga'ee Erga nagaa Wal gaafatanii booda, Rakkoo isaa hunda itti himate. #waa_himtuunis Furmaata rakkoo isaatii Akka inni yeroo dhihoo keessatti argatu itti hime. Jarreen sadan Sanaafis gaafatee isaaniifis waa himtuun Furmaata isaanii itti hime. Gurbaanis dafee galee Abdii isaa kana mana isaatti eeggachuudhaaf Fiigaa sokke, Achii booda Muka sanatti dhufe mukichis "Anaaf hoo maal jedhe?" Jechuun gaafate. Gurbaanis "Ati wanti bishaan si dhowwe albuuda Baay'eetu, si marsee jira, kanaaf Bishaan karaa sitti goru dhabee, namni dhufee albuuda qotee baasu yoo argame  Bishaan argatta" Jedhe, jechuun itti himee darbe,
Intalatti dhufe, Intallis  "Kan ko maal jedhe?" Jetteen. "Kan kee Gurbaa jarjaraa tokkotu sitti dhufa inni si fuudha'" Jedhe, jechuun itti himee darbe.
Leenca sanattis dhufee.Leencichis "Kan koo hoo maal jedhe?" Jennaan .Ati gurbaa gowwaa tokkotu sitti dhufaa isuma nyaadhu" siin jedhe jennaan "Gowwaan sumaati jedhee isuma nyaate" Jedhama.




@Hiikaayaadaa
@Hiikaayaadaa




Namaa Seenaaf,Lafaa Seenaaf Sammuu keessaa hin Dhabamiin....??


AMALOOTA NAMOOTA MO'ATOO TORBA (7)

1. Waan gaarii fi cimina ofii isaanii fi kan nama biraa arguu danda'u. Hir'inaa isaaniirratti malee hir'ina namaa irratti hin xiyyeeffatan. Waan qabanii fi waan danda'anirratti xiyyeeffatu.

2. Namoota (hiriyyoota) gaarii ta'an naannoo isaaniitii qabaatu. Hiriyyoota kaayyoo, ergama fi ilaalchaan waltumsuu danda'an of biraa qabu.

3. Kufaatii isaanii dhoksuuf hin dhama'an, akka barumsa argatanitti yaadu.

4. Abdii hin kutani. Yoo kufan ka'uu akka danda'an beeku.

5. Waa'ee doggoggora darbee deddeebi'anii yaadanii of hin dhiphisan, garuu irraa baratu.

6. Yeroo kaayyoof jedhanii miidhamni, dhiphinni fi rakkiinni irra ga'u waan isaan miidhe caalaa waan miidhama sana keessaa argatan yaadu.

7. Murtoo murteessuuf dudduuba hin deebi'an. Murtoon jireenya keessatti barbaachisaadha, namoonni mo'atoon ni murteessu.

****
Mo'atoo isin haa taasisu rabbi!


Ilaalchii kee kaayyoof Fuullee akka ta’ee Beekta!!!


#MoE

Eebbifamtoonni qormaata ba’iinsaa Waxabajjii 2017 fudhachuuf jiran waraqaa eenyummaa(National Id ) baafachuu qabu. - Ministeera Barnootaa

Eebbifamtoonni qormaata ba’iinsaa WAXABAJJII 2017 fudhachuuf jiran qormaata kana fudhachuuf waraqaa eenyummaa Dijaataa seera qabeessa ta’e (Faayidaa) qabaachuu akka qaban ministeerri barnootaa seekulaarii dhaabbile barnoota Olaanoof ergeen beeksiseera.

Kunis odeeffannoo barattoota bifa seera qabeessa ta’eefi qindaa’aa ta’een walitti qabuufi kuusuuf kan tajaajilu ta’uu ibsa Seekulaariin kun.

Haaluma kanaan barattoonni qormaata fuula dura jiruuf Waraqaa eenyummaa dijitaalaa kana dhaabbilee kennan adeemuun fudhachuufi of qopheessuun barbaachisaadha.

Показано 20 последних публикаций.