Ibsaa Mallattoo
Yeroo tokko magaalaa xiqqoo tokko keessa nama qaro dhabeessi tokko ni jiraata ture. Namni kun Yeroo hunda halkan yeroo manaa bahu ibsaa ibsame harkatti qabata ture.
Gaafa tokko galgala akkuma barsiifata isaa ibsaa qabatee manaa bahe. Akka inni karaa walakkaa gaheen namoonni afur karaattii itti dhufan. Akkuma namicha arganiin itti qoosu jalqaban.
Inni tokko akkas jedhe;"Gochi nama kanaa 'Hanqaaquu keessa huuba barbaadu' isa jedhan sana." Jedhee mammaake.
Inni lammaffaan;"Yaa harree dugda madaa maaf daaraa gangalataa maaf xaarii dabalata. "Jedhee mammaake. Wal harkaa fudhanii kolfan
Isaanis akkuma namicha bira gahaniin " Yaa namichaa,ati silaa ijaan hin argituu maaliif ibsaa baattee deemtaa?"jedhanii qoosaa fi tuffiin gaafatan.
Namichi qaro dhabeessi sun safuudhaan, "Ibsaan kun anaaf osoo hin taane, isin namoota ijaan argaa jirtaniifi. Akka anatti hin buunee mallattoo akka isiniif ta'u barbaadeeti."jedhe.
Isaanis jechii fi gochi nama sana isaan rifachiise. Dhiifama gaafatan.
safuu:
Dubbachuu kee dura si'a lama yaadi. Hojiin nama tokkoo hanga siif nama biraa hin miineetti hanga abbaa hojjachaa jiru fayyadetti keessa galanii borcuun gaarii miti.
@asoosamaafiwalaloo ✅