Simaleen immoo mataa raaftee "mucaa nuti barbaadaa jirru" Jettee imimmaan lolaasuu jalqabde. Iftuunis "Abdii jechuun isa kanaa?" Jettee deebiteemmoo yaadashee deebifattee "tasgabbaayi" naan jettee jennaanin anis naa galuu dinnaan taa'ee imimmaan maddiirra na yaa'e. Simaleen ol jettee
"maal taatee Abdiiko maalif garaa jabaattee? Maalif hamma kana of dhoksite? Kan badde barbaacha baatee maalif nama barbaadan taate? Kan deemte deebisuuf jettee maalif deebi'uun si dhibe?" Naan jennaan homaa dubbachuu dadhabeen ka'ee miilla isheetti kufe. Gad jettee lafaa ol na kaaftee natti maramte. Teenyees waanan ta'e hunda utuun hin hambisinan itti hime. Iftuun kitaaban akka tasaa fidee dhufe utuu gala gaggalchituu walaloo tokkotti baate. "Abdii Walaloo mata dureensaa simalee jedhu tokkon arge isiniifan dubbisa " jette. "Lakki natu dubbisa" jedheen kitaaba wol harkatti qabne. Achumaan simaleen "lamaan keessaniyyuu kennaagaan an nan dubbisaa" jettee kitaabicha fuutee walalocha dubbisuu jalqabde.
"•••SIMALEE•••
Deemus hamman barbaade
Miillakoo fageeffadhee
Naaf tolus natti hirratus
Waanan fedhes argadhee
Obsees obsa yoon dhabe
Yoon dadhabes si eeguu
Turtus daftee naaf dhufuu
Yoo nuffites na arguu
Simalee homaan qabu
Suma rakkoof furtuunkoo
Siin ala dua kooti
Eenyun beeku onneenkoo
boollati buutu buutee
Gaarati baatus baatee
Daandiiti ceetu ceetee
Rakkinas dandamattee
Qaaritee dhufte diddee
Onneen simalee jettee
Gaarummaa tokko dhabdus
Taatus gara laafessa
Onneen koo suma jetti
Simalee maaltu baasa."
Jettee ija keessa na ilaaltee ija narraa fudhachuu didde. Anis takka callisee ilaaleen "kottu na cina taa'i" n jedheen. Tole jettee dhuftee na cina teesse. Gammachuudhaan guutameen "ati garuu yoom dhufte. Iftuu woliin karaa maalii fira?" Jedheen gaafadhe. Achumaan simaleen "ati kan duraan iftuu wallaalteyyuu nama ajaayiba" naan jette. Anis gaaffii natti ta'ee "jechuun" jedheen deebiseef. Simaleenimmoo "iftuu jechuun obboleettii carraadha. Carraa isa gaafati hidhamtee si gaafachuu dhufne na woliin dhufe." Jennaan fuullikoo gurraachatti deebi'e. Edaa hirmii maatiikootiin nyaachaa jira kan abbaakoo narraa fixe abbaa iftuuti ture. an garuu harra akkanni hin duuneef jabeesseen eegaa jira. Yaa anaa, sagaleekoo ol kaaseen "maal hojjechaa jirtuu? Maaf na maraachituu? Maalan isin godhee? Abbaankee maatiin qabu hundumaa narraa fixee mangaagaa rakkinaatti na rakkisee kunoo immuttiillee rakkina kootiif narraa addaan baasee gaafanni ofii caffaru an isan eega. Ammammoo maal na gochuufi? Kan hafe ana. Eessan deemaree isiniif." Jedheen sagalee guddaadhaan dubbadhe. Simaleenimmoo gatiittiikoorra harka keessee ija keessa na ilaaltee "maaf waan hundumaatti ariifattaa?. Kaleessi harra miti borimmoo guyyaa biraadha. Akkuma maatiikee diige balleessaasaatiin adabamee kunoo haadha manaasaa dhabee ijoollee isaatti utuu hin araaramin jira. Eenyullee gatii harkasaa hin dhabu kan kennuufimmoo si'i utuu hin taane. Hojii harkasaati. Waan abbaan iftuu yakka hojjeteef iftuun adabamuu qabdii? Namni tokko maatii tokkos ta'e biyya tokko bakka hin bu'u. Balleessaa ofiitti ofumaa gaafatamu. Kanaaf tasgabbaa'i. Akkumati deemteen hojii baayyeerra turre. Fedhesaanis immuttii fidee torban tokkoo ol si eegee dhabee woraqaa ragaa mana barumsaatii baaseefii isa biratti barachaa jirti. Kaleessayyuu as finfinnee isaan woliinan ture. Immuttiinis baayyee si yaaddeetti..." Naan jettee Utuu isheen haasaa mi'aawu kana natti himtee hin xumurin "eessa jirtiree ka'aa hin deemnaa ka'aa maaloo" jennaan simaleen "dura haasaa Amma dubbatteef iftuu dhiifama gaafadhu" naan jette. Anis ka'een "iftuuko dhiifama guddaa" jedheen itti maramee "kottaagaan hin deemnaa" jedheen akka maraachuu woyii ta'e. Isaanis natti kolfaa simaleen fedhesaatti bilbiltee hoteela naannoo keessan jiru sanatti nu eegaa jetteen. Iftuunimmoo nu dudduubatti haftee silkii haasa'uu jalqabde. Fixxees nu qaqqabde maalif akkasheen nu dhoksite naan galle.Akkuma hoteelicha geenyeenis gara immuttiitti fiigeen itti maramee ittii bahuu dide fedhesaas ammadhee nagaa gaafadheen hanga sa'atii 11tti achuma turre.
.
.
.
@AsoosamaafiWalaloo ✅