Kottaagaan hin deemnaa jedhanii nu fuudhanii deeman. akkuma mana tokko bira geenyeenis immuttiin barriisaa bantee "sabbiraayiz!" Naan jette. Isasheen akkas jettutti kolfaa maalif akkasheen jette gaaffii natti ta'e. itti seennee Gaafan manichatti ol galu abbaan iftuu miillarratti na kufe. Akka na joonjessuu woyii ta'e. "Dhiifama mucaakoo sitti balleesseera adaraa naaf dhiisi kanan godhetti gaabbeeraa kunoo naafis hin taane ijooleekoos woliin nagaa hin arganne. Kanan qabuttis hin boqonne." Jennaan Lafaa kaasee jennaan natti marame. Simaleenimmoo "ergati biyyaa baatee Abbaan iftuu dhufee si dhabee ture. Kanaaf anis si barbaachan carraa woliin dhufe. Gatii kanaan dura abbaakeerkaa dabaan fudhataniifis harraan booda manni akkas bareedu kun kankeessani. Waan ittiin hojii jalqabdus qarshii muraasa natti siif kennaniiru. Wan hundaafuu dhiifamatu caala." Jennaan abbaan iftuus harri guyyaa gammachuu kooti kottaa baanee nyaannee dhugnaa. Jennaan iftuun eebbaatti bilbiltee dafii kottu jetteen. Deemnee nyaannee dhugnee taphannee gidduutti simaleen lafaa kaatee qubeelaa tokko natti laattee ofii isheetiis tokko fuutee natti keessee anis itti kaa'e. XUMURAMEERA! SI-MALEE!
Waan dubbiftaniif galatoomaa. Asoosama kanarraa waa akka barattan shakkii hin qabu. Yaadaa fi jajjabina qabdan nattin qusatinaa namni kamuu yaada fi jajjabina qabu karaa comment ykn karaa keessaà naaf barreessuu danda'a.
Asoosama birootii haa fufuu warronni barbaaddan comment godhaa ✅
Share➠ @asoosamaafiwalaloo
Share➠ @AsoosamaafiWalaloo