Tajaajila fayyaa hawaasa giddugaleessa godhate ququllinaa fi si'oominaan kennuuf ogeeyyiin fayyaa "senior doctors (specialist and sub specialist)" dirqama ogummaa fi lammummaa isaanii bahachuu qabu.==========================
Muddee 25/2017/Bishooftuu.
Waltajjiin marii kenna tajaajila fayyaa irratti xiyyeeffate ogeeyyii fayyaa "senior doctors (specialist and sub specialist)" waliin bakka hooggantuun biiroo fayyaa Prof. Natsaannat Warqinah fi miseensonni manajimantii argamanitti geggeeffame.
Kaayyoon marii kanaas kenna tajaajila fayyaa qulqulluu,si'ataa fi hawaasa jiddugaleessa kan godhate taasisuuf qindoominaa fi hariiroo gaarii ogeessotaa fi dhaabbilee fayyaa jiddutti uumuudha. Akkasuma dhimmoota kenna tajaajila fayyaatiif hudhaa ta'an keessattuu rakkoo naamusa ogeessaan walqabatee jiru furuun kenna tajaajila fayyaa garalaafessa, aantummaa uummataa gonfatanii dirqama lammummaa fi ogummaa akka bahatan xiyyeeffannaa addaatiin hojjachuudha.
Dhiyeessiiwwan dhiyaatan irrattis ogeeyyiin fayyaa "senior doctors (specialist and sub specialist)" hospitaaloota mootummaa, yunivarsitii fi dhunfaa irraa hirmaatan marii bal'aa erga geggeeassanii booda kallattii hojii kennameen marii kana xumuuruun danda'ameera.
#share
t.me/BiirooFayyaaOromiyaa
t.me/BiirooFayyaaOromiyaa
t.me/BiirooFayyaaOromiyaa