WAA'EE QORICHA DICLOFENAC SODIUM 50MG
~\\
🐚Qorichi Diclofenac maali?
✍️ Diclofenac~Jechuun qoricha garee farra dhukkubbii fi kulkula/infilameeshiinii (Nonsteroidal anti-inflammatory drugs) jedhamuu ta'ee kan dhukkubbii,kulkula, dhiita'uu fi kkf hir'isuuf gargaara.
🐚. Qoricha Diclofenac yeroo yaalaaf fayyadamnu bu'aalee akkamii qaba?
▪︎Dehumidifier mataa.
▪︎Dhukkubbii qaamaa.
▪︎Dhukkubbii yeroo marsaa laguu.
▪︎Dhukkubbii dugdaa.
▪︎Dhibee osteoarthritis.
▪︎Dhibee rheumatoid arthritis fi kkf yaaluuf gargaara.
🐚. Qoricha Diclofenac yaalaaf fudhachuun durati maali godhuu qabna?
✍️ Namoonni alarjii qoricha Diclofenac, Ibuprofen fi qorichoota garee NSAID jedhaman qabu gonkuma qoricha kana fayyadamuu hin qabuu.
✍️ Qoricha Diclofenac yeroo yaalaaf fayyadamaa jirru qoricha Aspirin fi qorichoota garee (NSAID) ta'an kan akka qoricha Ibuprofen, Indomethacin fi kan kana fakkaatan fayyadamuu hin qabnu.
✍️ Namoonni qoricha Diclofenac yaalaaf fudhachaa jiru haalota akka tamboo xuuxuu fi alkoolii dhuguu irraa fagaachuu qaba.
✍️ Alcoolii baay'ee waliin qoricha kana fayyadamuu hin qabnu garaacha keenya rakkoo guddaaf nu saaxiluu wan danda'uuf.
✍️ Namoonni dhibee onnee ,dhiibbaa dhiigaa, madaa'uu garaachaa, asmii, tiruu, kalee, Istirookii fi kkf qaban ogeessa fayyaa gaafatu malee qoricha Diclofenac fayyadamuu hin qabuu.
✍️ Qoricha Diclofenac fayyadamuun Rakkoolee cicimoo akka dhiiguu garaachaa fi mar'iimaaniif nama saaxiluu waan maluuf qoricha kana kan hin baay'ifne hamma xiqqaa bu'aa qabeessa qofa ofi eeggannoon fayyadamuu qabnaa.
✍️ Qoricha Diclofenac yeroo yaalaaf fudhachaa jirru qorannaa fayyaa onnee fi kalee akkasumas dhiibbaa dhiigaa
Keenyaa deddeebinee yeroo hunda ofi ilaaluu(to'achuu) qabna.
✍️ Dubartiin ulfaa fi haati hoosistuu qorichaa kana fayyadamuu hin qabduu ogeessa fayyaa gaafatuu malee.
✍️ Ijoolleen waggaa 18 gadii qorichaa Diclofenac kana fayyadamuu hin qabduu.
✍️ Qoricha kana iddoo hoo'aa fi jiidhaa ta'ee irraa fageeysinee kuusuu qabna.
🐚.Qoricha Diclofenac yaalaaf akkamiti fudhachuu qabna?
✍️ Akkaatuma ogeessi fayyaa nuuf ajajeti sirriti hubannee fayyadamuu qabna.
✍️ Qoricha Diclofenac doosii hamma xiqqaa bu'aa qabeessa ta'ee yeroo gabaabaa qofaaf fayyadamuu qabna.
✍️ Qoricha diclofenac guutuu isaa osoo hin alanfatini ykn ilkaaniin hin caccabsiin bishaan burcuqoo 1 walin fudhachuu qabna.
✍️ Qoricha Diclofenac Sooratan durati sa'ati 1 ykn soorataan booda sa'atii 2 turree fayyadamuu qabna.
✍️ Namoonni ga'eessi guyyaa tokko keessati ykn sa'atii 24 keessati qoricha Diclofenac miligiraama {50~150mg} qoqodnee yeroo 2 ykn 3 fayyadamuu ni dandeenya.
🐚.Qorichi Diclofenac miidhaalee akkamii fiduu mala/danda'aa?
▪︎Haqqisuu/Lolloocuu.
▪︎Dadhabii cimaa.
▪︎Garaa kaasaa.
▪︎ Gubaa onnee.
▪︎Tempireechari qaamaa dabaluu.
▪︎Fedhii nyaataa dhabuu.
▪︎Garaan goggooguu.
▪︎Dhukkubbii mataa fi qaamni hurkuu fa'adha.
▪︎Dhiibbaan dhiigaa dabaluu.
▪︎Gurra keessaa sagalee dawwalaa dhaga'uu.
▪︎Nyaanni namarraa dalaguu dadhabuu fi kkf mul'achuu.
▪︎Rakkoon gogaa mul'achuu.
▪︎Rakkoolee onnee kan akka dhiitahuu, yeroo gabaabaa kessatii ulfaatina qaamaa dabaluu ,harganuu dadhabuu fi kkf mul'achuu.
▪︎Rakkoolee kalee kan akka fincaan xiqquma finca'uu ykn finca'uu dadhabuu, yeroo fincaanani rakkachuu ykn dhukkubuu, harkaa fi miilli dhiita'uu, dadhabiin itti dhagahamuu fi kkf mul'achuu.
▪︎Rakkoolee tiruu kan akka haqqisuu, garaa yaasaa, fincaan halluu gurraacha qabu fincaanuu, halluun gogaa fi ijaa keelloo (jaundice) ta'uu fi kkf saaxilamuudha.
▪︎Rakkoolee dhiiguu garaachaa Kan akka dhiiga qufa'uu , haqisaa buna fakkaatu haqqisuu fi kkf saaxilamuudha.
✍️ Kanaafuu yeroo mallattoolee armaan olii kana ofirrati argine qoricha kana yeruma san fudhachuu dhaabnee hatattamaan gara mana yaalaa deemnee ogeessa fayyaa beeksisuu qabna.
@Dhimma_Fayyaa ✅