Dhimma Fayyaa


Гео и язык канала: Эфиопия, Английский


💪 Everyone Deserve good Health.
💊 Medical should be free For all.
This channel is created for wellness and awareness about Health issues.
Contact: @YaadafiGaaffii_bot

Связанные каналы  |  Похожие каналы

Гео и язык канала
Эфиопия, Английский
Статистика
Фильтр публикаций


❤️ ✍️ Ergaalee miira jaalalaa ittiin ibsachuu dandeessu kanneen baay'ee barbaachisoo ta'an,...🔜 As tuquun dubbisaa.

👇👇👇👇
👉 See More 👈
👉  See More
👈
👆👆👆👆


ABUKAADOO

Abukaadoon vaayitaminootaa fi albuudota dalagaa qaama keenyaaf barbaachisoo ta'an 20 ol of keessaa qaba.
Fakkeenya abukaadoo tokko (~100 g) yoo nyaanne:-
• Vitamin K: %26 guyyatti barbaadamu
• Folate: %20guyyatti barbaadamu
• Vitamin C: %17 guyyatti barbaadamu
• Potassium: %14 guyyatti barbaadamu
• Vitamin B5: %14 guyyatti barbaadamu
• Vitamin B6: %13 guyyatti barbaadamu
• Vitamin E: %10 guyyatti qaama keenyaan barbaadamu arganna.
• Dabalataanis albuudota akka (Magnesium, Manganese, Copper, Iron, Zinc, Phosphorous, fi Vitamin A, B1, B2 fi B3) of keessaa qaba.

* Pootaashiyeemii guddaa ta'e waan of keessaa qabuuf dhiibbaa dhiigaa hirdhisuuf fudura filatamaa ta'e dha.
* Koolestirool qaama keenya keessa jiru hirdhisuu irrattis faayida qaba.
* Albuudota fi gartuulee nyaataa fayyummaa onneefi kaleetiif barbaachisoo ta'an hedduu of keessa qaba.
* 'Fiber' (nyaata qaamaan hin bullofne) guddaa ta'e waan of keessaa qabuuf gogiinsa garaa hanbisuuf akkasumas ulfaatinna qaamaa hirdhisuu irratti gahee guddaa taphata.
* Dabalataanis fayyumaa Ijaa, gogaa, rifeensa keenyaafi Kaansarii xiqeessu irratti wontoota barbaachisoo ta'an of keessaa qaba.

@Dhimma_Fayyaa 🩺


🩺 DHIBEE SUKKAARAA

MAALLUMMAA DHIBEE SUKKAARAA
➪ Dhibeen sukkaaraa wayita hammi sukkaaraa dhiiga keessatti argamu yeroo dheeraaf hamma barbaachisuu (normal value) ol ta'uudha.
➪ Kunis sababa hormoniin insuliinii jedhamu sababa adda addaan xiqaachuu yookiin dalagaa isaa sirnaan hojjechuu dhabuun kan uumamudha.
➪ Insuliinin qaama rajijii jedhamu kan garaa keessatti argamuun oomishama.
➪ Dhibeen sukkaaraa nama kamiyyuu qabuu danda’a.
➪ Addunyaa kanarratti namoonni miliyoona 500 ol dhibee sukkaaraa kan qaban yoo ta'u, akka biyya keenyatti namoonni miliyoona 2 ol dhibee kana waliin jiraatu
➪ Dhibeen kun dafee yaala hin argatu taanan rakkoo adda addaa namarraan ga'a
Dhibeen sukkaaraa:
* Miidhama kalee sadarkaa dhumaa,
* Jaamina ijaa fi
* Muramuu miila fiduun sadarkaa 1ffaa irratti argama.
➪ Namoonni miliyoonan lakkaa'aman dhibee kanaa waggaa tokko keessatti lubbuu isaanii dhabu
➪ Namni tokko dhibee sukkaaraa qaba kan jedhamu osoo nyaata hin nyaatin(sa'aatii 8 oliif) hammi sukkaara isaa irra deddeebiin 126 mg/dl ol yoo ta'eedha.

GOSOOTA DHIBEE SUKKAARAA
Dhibeen sukkaaraa gosoota gurguddoo 3 qaba,isaanis:
1. Dhibee sukkaaraa Gosa 1ffaa ( Type 1 diabetes mellitus )-Gosti kun sababa hir’ina hormoonii insuliinin kan dhufu yoo ta’u, namoota umuriin isaanii waggaa 30 gad ta’eeratti heddummata.
2. Dhibee sukkaaraa Gosa 2ffaa (Type 2 diabetes mellitus)-sirnaan hojjechuu dhabuu hormoonii insulinii (insulin resistance) fi hanga tokko hir’achuu hormonii kanan dhufa. Namoota dhibee sukkaraa qaban 90 - 95% gosa kanadha. Irra caalatti namoota waggaa 30 olii irratti argama.
3. Dhibee sukkaaraa yeroo ulfaa (Gestational diabetes)-Dhibee sukkaara yeroo ulfaa qofa argamuudha

MALLATTOOLEE DHIBEE SUKKAARAA
➪ Baay’ee dheebochuu ykn amma amma bishaan dhuguu
➪ Fincaan yeroo kaanirra dafee dafee nama qabuu
➪ Yeroo hedduu beela’uu
➪ Ulfaatinni qaamaa hir'isuu
➪ Dadhabbii qaamaa
➪ Madaan dafee fayyuu dhabuu
➪ Infeekshinii garagaraan deddeebi'anii qabamuu
➪ Qulleessanii arguu dadhabuu (namatti duumessaa'uu

XAXALEE DHIBEE SUKKAARAAN DHUFAN
➪Iddoo 2tti qoodamee ilaalamuu danda'a,isaanis
1. KAN YEROO GABAABATTI DHUFAN
➪ Sukkaarri baay’ee dabaluu
➪ Sukkaarri baayee gadi bu’uu

2. KAN TURTII DHEERAA BOODA DHUFAN
1. Dhibee kalee
2. Dhibee ijaa
3. Dhibee narvii
4. Dhibee onnee
5. Istrookii
6. Dhibee hidda dhiigaa
7. Dhibee garaachaa
8. Dhibee qaama wal hormaataa fi kan kana fakkaatan!

@Dhimma_Fayyaa 🩺


✅ “Kanas ta'u sanas jaalalaaf gatii baasuu qabdu baasii, hanqinoota jiran waliin wal'aansoo qabi! Humna kee jabeeffachuuf qajeelfama kanneenitti fayyadami,... 👉 See More

             👇👇👇
             ✨See More✨
         .  ✨ See More ✨
               👆👆👆👆


🌹 Jaalalli hunda caala, hunda bita.... See More




🩺 DAA’IMMAN XIXIQQOON GUYYAATTI YEROO MEEQA BOBBAA BAASUU QABU?

✍️ Maatiin tokko tokko daa’imnikoo turee turee bobbaa baasa yookiin ammaa ammaa baasa maalta’eetu jedhanii yaadda’u. Akka waliigalaatti waa’ee kanaa ilaalchisee kan maatiin beekuu qaban:-
*Daa’imni dhalate bobbaa jalqabaa sa’a 24 hanga 48 gidduutti baasuu qaba(kun dirqama). Sana booda daa’imman guyyaatti yeroo meeqa akka bobbaa baasan daa’imaa daa’imatti gargari. Tokko tokkoo akkuma harma hodhaniin kanbobbaa baasaan jiru 6 hanga 10..) Akkasumas guyyaa sadii afurittis kan baasan jiru.

*Giddu galeessaan ji’a sadan jalqabaa guyyaa sadii/afur, sana booda tokko yokan lama bobbaa baasu.
*Kanneen aannan harma haadhaa qofa dhugan kanneen aannan daakuu dhugan irra ammaa ammaa baasu. Akkasumas yeroo isaan xiqqoo baasan ariitiin daayiperii jijjiiruu irra xiqqoo eeguu wayya.
*Bobbaan isaanii lallaafaa kan ta’e ta’uu qaba (baay’ees dhangala’aa ta’e yookiin gogaa ta’e ta’uu hin qabu)

HAATA’U MALEE:-
*Guyyaa afurii ol osoo hinba’iin ture.
*Garaan kan bokoku yoo ta’e,
*Haqqee qabaatan,
*Bobbaan isaan baay’ee gogaa ta’e yookiin dhangala’aa akka bishaanii ta’e
*Bobbaan waan akka dhiigaa makate mana yaalaa geessuun hakiima daa’immanii mariisisuu qabu.

@Dhimma_Fayyaa 🩺


🩺 DAA’IMMANIIF JI’A MEEQAA EEGALLEE BISHAAN KENNUUFI QABNA?

Haati tokko daa’imashee hanga ji’a ja’aatti harma qofa kan hoosiftu yoo ta’e hangi bishaan aannan harma haadhaa keessa jiru daa’imman dheebuu baasuuf ga’aadha waan ta’eef bishaan kennuun hinbarbaachisu. Sababni isaas qabiyyeen aannan harma haadhaa 87% bishaan waan ta’eef achi keessaa ga’aa argatu (keessumaa aannan gara jalqabaa).
Ji’a ja’aa eegalee nyaata dabalataa waan eegalaniif bishaanis dhugsiisuu qabna. Yeroo bishaan kenninuuf xuuxxoon osoo hinta’iin siinii ykn burcuqqoon xiqqoo xiqqoo dhuguu eegaluun gaariidha.

GUYYAATTI HAGAM KENNUUFII QABNA?
*Ji’a ja’aa hanga waggaa tokkootti bishaan karaa harma haadhaa fi Nyaataa argataniin dabalata hanga 250ml( (walakkaa burcuqqoo kan hincaalle) dhuguu nidanda’u. Haa ta’u malee umurii waggaa tokkoo gadiitti guyyaatti si’a ja’aa fi isaa ol kan fincaa’an yoo ta’e hanga jedhame kanarra xiqqeessanii dhugsiisuun ni filatama.
*Waggaa tokkoo hanga waggaa lamaatti haala nyaata isaanii irratti hundaa’uun burcuqqoo tokkoo hanga afurii dhuguu ni danda’u.
*Waggaa lamaa hanga waggaa shaniitti burcuqqoo tokkoo hanga shanii dhuguu ni danda’u.

@Dhimma_Fayyaa 🩺


📩 Kabaja ofii ishee fi eenyummaa isheef qabdurraa kan ka'e, yeroo hundumaa ogummaa gurguddoo 5 tti gargaaramti...👉Itti fufuun dubbisaa!
          
    👉   👇👇👇 
    👉   ✨See More✨
              See More ✨
               👆👆👆👆


🩺 ILKAAN DAA’IMMANII ILAALCHISEE (kutaa 3-ffaa)!
YOOMI KAN MAATIIN ILKAAN RIGUUFI JALQABUU QABAN!
Qulqullina ilkaan jalqabaa eeguun fayyaa ilkaan dhaabbataa hundeen isaa jalaa dhufaa jiruuf baay’ee barbaachisaa dha. Daa’imman yeroo ilkaan biqilchuu eegalanii kaasee hanga waggaa lamaatti burushii ilkaanii fi bishaan qofaadhaan galgalaa fi ganama qulqulleessuufiin. Waggaa lama booda immoo saamunaa ilkaanii hanga ija ataraa hincaalleen guyyaatti yeroo lama ilkaan isaanii qulqulleessuun barbaachisaa dha.

DABALATAANIS FAYYAA ILKAAN DAA’IMMANIIF KAN MAATIIN GOCHUU QABAN!
*Fal’aana, wantoota ittiin waa dhugan, rigaa fi kan kana fakkaatan waliin qooddachuu dhiisuu.
*Xuuxxoo fayyadamuus ta’e afaanitti baatanii rafuu hinqaban.
*Wantoota mi’aawaa (sukkaara) qaban hir’isuun barbaachisaa dha.
*Wantoota garaagaraa osoo hin qulqulleessin afaan kaa’uu dhiisuu.

ILKAAN JALQABAA BUQQISUU ILAALCHISEE
Ilkaan socho’uu erga jalqabee booda ijoollee hedduu biratti guyyoota muraasaa gidduutti ni buqqa’a . Haa ta’u malee,ilkaan dhaabbataa jalaan ykn cinaan biqiluun mul’achuu hanga hin eegalletti haga ji’a tokkoo fi isaa ol yoo ture rakkoo hin qabu.
*Amma danda’ametti garuu akka isaan sosochoosanii laaffisuun osoo hin turiin akka buqqa’u taasisuu yaalan gorsuun gaariidha.
*Akkasumas ilkaan osoo sirriitti sosocho’ee hin laafiin buqqisuuf humnaan gottotuun hundee ilkaanii waan miidhuu maluuf,humnaan harkisuu irraa of qusachuun barbaachisaa dha.

YOOM OGEESSA FAYYAA MARIISISUU QABU?
*Ilkaan jalqabaa hanga waggaa tokkootti tokkoyyu hinbiqille yoo ta’e.
*Osoo kan jalqabaa hin buqqa’iin (sosocho’aa kan jirus haa ta’u kan hin sosochoone) ilkaan yoo cinaan mullachuu yoo eegale hakiima ilkaanii bira geessuu.
*Erga ilkaan jalqabaa (ijoollummaa) buqqa’ee booda ilkaan dhaabbataa turtii hanga ji’a ja’aa gidduutti yoo biqiluun mul’achuu dide.
*Ilkaan ijoollummaa hundi buqqa’uun hanga waggaa 12 tti yoo ilkaan dhaabbattaan kan bakka hin buune ta’e ogeessa fayyaa ilkaanii mariisisuun barbaachisaa dha!


@Dhimma_Fayyaa 🩺




🩺 ILKAAN DAA'IMMANII (kutaa 2-ffaa)
OSOO ILKAAN HINBIQILCHIIN TURUU!
*Daa’imni tokko hanga ji’a 13 tti ilkaan tokkollee hinbiqilchine taanaan dhibeen biraa kana fide jiraachuu mala waan ta’eef ogeessa fayyaa mariisisuun barbaachisaa dha.

Sababoonni gurguddoon daa’imni ilkaan hinbiqilchiin turuuf;-
*Maatiin/qacceen kan deemu(Abbaa/haati ijoollummaan turtee yoo biqilchite)
*Osoo yeroon hinga’iin dhalachuu
*Hanqina vaayitaamin D fi kaalsiyeemi
*Hanqina nyaataa
*Hanqina hormoonii taayirooyidii
*Bakka dhabuu (ilkaan biroo keessatti dalga biqilee cufuu)
*Rakkoo kiromoosomii fi rakkoo uumama qaamaa biroo waliin walqabatu fi kan kana fakkaatanidha.


@Dhimma_Fayyaa 🩺


🩺 ILKAAN DAA'IMMANII ILAALCHISEE (kutaa 1-ffaa)
DAA’IMMAN YEROO ILKAAN BIQILCHAN MALLATTOOLLEE AKKAMII AGARSIISU?
Mallattoolee yeroo daa’imman ilkaan biqilchan mul’atan hedduu ta’anis ,kanneen keessaa kan yeroo hedduu mul’atan:-
*Amala dhabuu.
*Fedhiin nyaataa hir’achuu.
*Gororri baay’achu.
*Gurraa fi fuula of hooquu.
*Waan isaan hooqsisuuf quba isaanii dabalatee waan hunda afaanitti geessu.
*Bobbaan xiqqoo kan duraa irra qal’achuu fi kkf.
Haa ta’u malee maatiwwan tokko tokko biratti daa’imman garaa kaasaa cimaa qaban, ho’inni qaamaa dabale, baay’inaan hooqqisan, baay’ee boo’an fi kkf agarsiisan ilkaan biqilchaa jiru jechuun daa’ima rakkoo biraa keessa akka galan taasisu. Akkasumas hundee ilkaanii yaala aadaan rigsiisu.
Kanaafuu yeroo daa’imman wantoota sasalphaa ilkaan biqilchuun dhufanii alatti mallattoowan biroo mul’isan sababa ilkaan biqilchuu waan hintaaneef mana yaalaa geessuu qabu.
Mallattoolee kun giddu galeessaan guyyaa saddetiif turu jedhamee yaadama,haa ta’u malee daa’ima tokkoo tokkotti garaagarummaan jira.

MAATIIN MAAL GOCHUU QABU?
Waanti kun yoo baay’ee isaan jeeqe waantota maatiin gochuu qaban.
*Haadha buddeenaa afaan kaa’uu
*Waantota qulqulluu daa’imman ittiin taphatan kanneen tasa hinliqimsamne ykn harka keenya sirriitti dhiqannee quba keenyaan sukkuumuufi
*Waantota qulqulluu daa’imman ittiin taphatan kanneen tasa hinliqimsamne ykn harka keenya sirriitti dhiqannee quba keenyaan sukKuumuufii.
*Dawaa dhukkubbii irrisan kanneen akka ‘paracetamol” kennuufiii kan kana fakkaatan.


@Dhimma_Fayyaa 🩺




🩺 DAA'IMMAN BIYYEE NYAATAN

Daa’imman Hanga naannoo umurii waggaa lamaatti waantota naannoo isaanii jiran hunda gara afaaniitti geessuun baruu yaaluu. Hedduun isaaniis yeroo umuriin isaanii dabalaa deemu waanta gara afaanii seenuu hin qabne baruun ni dhiisu.

Haa ta’u malee daa’imman kudhan keessaa daa’imman 2 ykn 3 erga gudddatanii booda waantota nyaataaf hin oollee kanneen akka biyyee, cabbii fi kkf nyaachuu jaallatu. Darbee darbees hanga nyaata caalaa kanneen kana nyaachuu barbaadu ga’uu danda’u.
Waanti kun ‘PICA’ jedhamuun beekama. Jechi kun jecha laatinii ta’ee maqaa sinbira osoo hin filatiin waan hunda nyaachuun beekamtuu irraa dhufe jedhama.

DHIBEE KANA MAALTU FIDA?
Waantonni dhibee kana fidan guutummaa guutuutti beekamuu baatamus,kanneen gurguddoon;-
**Hir’ina dhigaa sababa elementii ayiraanii dhufuu fii hangi elementii kanaa qaama keessaa qaban hir'achuu.
**Hir’ina elementoota kanneen akka kaalsiiyeemii fi ziinkii.
*Daa’imman sababa dhibee hanqina nyaataan beela’an (Biyyeen amala fedhii Nyaataa hir’isuu waan qabuuf beela hir’isa).
*Daa’imman dhibee ‘Autism’ qaban.
*Daa’imman guddinni dandeettii sammuu isaanii boodatti hafaa ta’e.
*Daa’imman dhibee xinsammuu adda addaa fi dhibee amalaa ,kan akka baay’ee aaruu qaban fi kkf dha.

BIYYEE NYAACHUUN RAKKOO AKKAMII FIDUU MALA?
-Qaama keessa elementiin ‘lead’ jedhamu baay’achuun rakkoo fayyaa hamaa ta’e fiduu mala.
-Goginsa garaa.
-Dhibee paaraasaayitoota adda addaa godhachuu.
-Cufachuu marrummannii (obstruction) .sababa walitti qabamuu waanto akka rifeensaa fi kkf dhufu(bezoar).
-Afaanii fi ilkaan madaa’uu fi kkf.

MAATIIN MAAL GOCHUU QABU?
-Yeroo hedduu dhibeen kun sababa hanqina elementii ayiiree fi hanqina dhiigaa isaan dhufuu fi elementoota biroo waan ta’eef mana yaalaa geessuun qorachiisuun dawaa kennamu kennuufii.
-Sababa dhibee autism ykn boodatti hafinsa guddina sammuu yoo ta’e ogeessa fayyaa mariisisuun yaala gorsa xinsammuu hanga dawaa adda addaatti kennamu fudhachuu.
-Akka isaan biyyee nyaachuu dhiisan taasisuuf adabuu irraa ofqusachuun yeroo isaan gorsa fudhatanii irraa of ittisan badhaasuu yookiin jajjabeesuu!

@Dhimma_Fayyaa 🩺




🩺 Caasaalee Namummaa/Personality structures

Qorattoonni xinsammuu sammuu bakka saditti qoodu.wanti nuti amma barannee beeknu tokko suuta suuta nu harkaa badaa deema.gaafa jalqabaa odeeffannoo wanta sanaa akka barbaanne haasa'uu,odeessuu fi itti fayyadamuu dandeenya.suuta suuta gaafa irraa fagaachaa demnu irraanfachaa deemna.jalqaba eega xiqqoo itti yaanne booda yaadachuu achiimmoo guutummaatti irraanfachuudha.qoodinsi 3n kunis kanumarratti hundaa'eeti

1. Conscious: Kun kutaa sammuu bakka odeeffannoleen yaaduun alatti fi of beekuun ykn beekkuma keenyaan kan hogganamani.

2. Subconscious: Kun bakka erga yaanneen booda odeeffannoo yookiin waanta sana gara yaada keenyaatti irraa finnudha.akkasuma beekkumsi iddoo kanatti kuufama.

3. Unconsious: Kun kutaa bakka odeefannoon itti dhokotuu fi hamma feene utuu yaadnee huu nuuf hin dhufnedha. Wantoota hojjannus utuu if hin beekin kan hojjannu yoo tahu kutaa kanarratti aangoo hin qabnu.

Egaa kanarra dhaabbachuudhani caasaaleen namummaas bakka saditti kan qoodaman.

1. "ID"/it : kun gara afaan laatin irraa gara afaan keenyaatti yoo deebi'u isa(it) taha.caasaan namummaa kun kan waliin dhalannuu yoo tahu caasaalee lamman kaaniif bu'uradha.innis kutaa sammuu unconscious waliin walitti hidhata. Fedhiiwwaan, wantoota akka nuti raawwatamuu isaa barbaannu fi kkf. kutaan kun kutaa ofittummati. kanaaf baayyaachuun isaa ofittummaaf nama saaxila. kanas kan goonu of beekuun miti, akkasumas too'annookeenyaan ala. kanaaf kutaa sammuu "unconscious" waliin kan walitti hidhatuuf. kana males wanta nuti balleessine tokkoof itti gaafatamummaa si hin fudhachiisu. kanaafi maqaan isas "isa" jechuun kan mogga'e.waanti ati balleessitu si utuu hin tahin isaan ykn isaaniin taha jechuudha. Kanaaf namoonni yeroo baayyee qofatti waa balleessuu ni sodaatu.gareen garuu waa tokko itti hin fakkaatu.maaliif??

2. “Ego"/I: Ana
kun gara afaan keenyaatti "Ana" jechuu bakka bu'a.
Caasaan namummaa inni kun yeroo ijoolleen of baruu jalqaban kan uumamaa dhufudha. kanaaf caasaan kun waggaa 2-5 eega dhalannee booda uumamaa dhufa. Achiin nuufi duudhaa hawaasaa ykn wanta safuu tahe gidduutti murteessaa dhufa. kanaaf kutaa sammuu "conscious"waliin walitti hidhata. Takka takka immoo "subconscious"waliin(xiinxaluu fi yaaduu) waan barbaachisuuf.

3. “Superego"/beyond I: Anaa Ol
kun afaan keenyaan "Anaa ol"jechuu yeroo tahu lamman darban booda ykn waggaa 5n booda uumamaa dhufa.
Kanaanis daa'imni duudhaa, aadafi safuu barachaa deema. waan sirrii hin taane hojjechuun akka gaarii hin taane maatiin ni barsiisu. kana beekuudhaan yeroo hunda beekkumsa kana yaadachaa fayyadamna. kutaa sammuu "subconsious" waliin walitti hidhataa jechuudha. Kanaaf waan gadhee hin dalagnu. Namoonni gaafa walitti qabaman qofaa waan hin taaneef anummaan hafee gara anaa olitti deebiuun itti gaafatamummaan kan hundaa taha. kun immoo isa ykn "it" kan jenne jalqabaaf bakka bana. kanaaf heddumminaan waa balleessun kan hin sodaatamneef. maalif jennaan isaantu balleesse male ana miti kaa.

Fakkeenyaaf utuu walgahii teessuu "ID"n amma sekondii kanatti nyaadhu jedha. "superego"n immoo walgahii keessatti nyaachuun "baalagummaa )" dha jedha. Isaan lamman gidduu galuun "Ego"n murtee kenna: walgahii barbaachisaa keessa waan jirtuuf amma nyaachuu hin dandeessu jedha.

Faayidaa/bu'aa kanaa:
Namoonni itti gaafatamummaa fi ceephuu jalaa of baasuuf akkasumas dhiphina irraa bahuuf caasaalee sammuu kanniin ni fayyadamu. Kunis Qolachuu ykn "defense mechanism" jedhamuun waamama.

Fakkeenya:- yoo qormaata utuu hin dubbisin qoramtee fi sitti cime, hin dubbisne jechuurra qormaanni ni cima jetta......maaliif?


@Dhimma_Fayyaa 🩺


✅ Jaalallee yookiin haadha manaa baay'ee jaallattu waliin umurii dheeraa turuu yoo barbaadde wantoota 5n kana gochuu hin dagatin,... See More

🎺 See More
      See More


💘 Maaliif barbaachise,... Itti fufuun dubbisi!


🩺 Qaamni saalaa dhiiraa gosoota garagaraatu jira.
Qaamni saalaa dhiiraa tokko kan biraatiin waan hundaan wal hin fakkaatu. Hundi isaanii "quality" mataa isaanii qabu. Gosoota qaama saalaa dhiiraa keessaa muraasni :-
1. Qaama saalaa osoo hin ka'in xiqqoo ta'ee gaafa ka'u garuu baay'ee guddaa ta'u (Growers)
2. Qaama saalaa osoo hin ka'in guddaa ta'e, gaafa ka'us jabeenya malee guddinni isaa baay'ee hin jijjiirame (Showers)
3. Qaama saalaa gaafa ka'es xiqqoo ta'e (Inch 3 gadi)
4. Qaama saalaa gaafa ka'e baay'ee guddaa ta'e (Inch 7 ol)
5. Qaama saalaa jalli isaa furdaa ta'ee, fiixeen isaa qal'aa ta'e
6. Qaama saalaa jalli isaa qal'aa ta'ee fiixeen isaa furdaa ta'e
7. Qaama saalaa gara oliitti jallatu
8. Qaama saalaa gadi jallatu
9. Qaama saalaa gara bitaatti jallatu
10. Qaama saalaa gara mirgaatti jallatu
11. Qaama saalaa gaafa ka'e hidda dhiigaa gurguddaa qabu
12. Qaama saalaa rifeensa qabu (Hairy penis) fi kan kana fakkaatan! Isaan kanneen keessaa kamtu baay'ata jettanii yaaddu?


@Dhimma_Fayyaa 🩺


🩺 Durbummaa Uumamaan Dubartoota hundatu qabaa? Erga badeehoo deebi'uu ni danda'aa? Nama malee bineensonni ni qabuu? Dubbisaa!

Durbummaan waan baay’ee haphii taatee fi ulaa qaama saalaa durbaa haguugdee jirtu, kan afaan ingiliffaan hymen (thin film of membrane) jedhamtuudha. Faayidaa beekamee kana jedhamu hin qabdu. ‘Hymen’ yookiin durbummaan kun haphii waan taateef yeroo baay’ee qunnamtii saalaa jalqabaa irratti tarsaati.

Hymen ykn durbummaan kun kan durba hundaa walfakkaataa miti, gosaan addaa adda dha. Akka salphaatti garee kana jalatti addaa addummaa isaanii laaluu dandeenya, isaanis:
1. Haphii fi qaawwa kan qabu (septate, cribiform, microperforate): kun gosa durbummaa ykn hymen qaawwa xixiqqoo tokko (microperforate) ykn isaa ol (cribiform and septate) qabuudha. Gosti kun dubartootni hedduun kan qaban ta’ee qunnamtii saalaa jalabaa irratti ni tarsa’a, dhiigni xiqqoonis qaama saalaa keessaa dhangala’a.
2. Cufataa yookiin qaawwa kan hin qabne (imperforate hymen): kun tarsa’uudhaaf rakkisaa fi yoo tarsa’e ammoo akka malee dhiiguu danda’a. Yeroo tokko tokko gosti kun, tajaajila baqaqsanii hodhuutiin malee haala biraan hin tarsa’u. Kun dubartoota dhibbeentaa 0.1 (0.1%) irratti kan argamudha.
3. Yeroo tokko tokko ammoo uumamaan dubartootni durbummaa hin qabnes jiru. Kun garuu lakkofsaan hedduu, hedduu xiqqoodha. Qorattoonni hundi yoo dhalatan durbummaa ni qabu jedhanis ni jiru.

Dabalataan durbummaan miidhaa adda addaatiin tarsa’uu yookiin baduu ni danda’a
Fakkeenyaaf:-
-Ispoortii ciccimoo akka atileetiksii, isplintii, utaalchoo, fardaan gulufuu.
-Gobaa ykn muka irratti kufuu
-Qorannoo fayyaa eyyama isaaniitiin qaama saalaa dubartootaa irratti taasifamuun fi kan kana fakkaatan!

Durbummaan takkaa badnaan ykn tarsaanaan deebi’ee hin fayyu ykn hin margu!!! Garuu tajaajila baqaqsanii hodhuu (hymenorrhaphy) jedhamuun suphuun ni danda’ama.

Durbummaa kan qabu dhala namaa qofa osoo hin taane, beeyladoonni fi bineensonni akka: Fardaa, Arba, Saree, Adurree, harre diidoo, chimpaanzii fi kanneen biroo hedduun ni qabu.

@Dhimma_Fayyaa 🩺


💐Jaalallee ofii amala gaaridhaan qabachuudhaaf dubbiilee akkamii akka fayyadamtu,....👉 Asitti bu'ii ilaali!

👉 See More
       See More

Показано 20 последних публикаций.