Dhukkubbii Dugdaa
Gosa dhukkubaa kutaa hawaasa keenyaa baayyee guddaa ta'e miidhaa jiruudha. Dhukkubni kun dur namoota umuriin isaanii guddaa ta’e irratti kan mul’atu yoo ta’u, yeroo ammaa garuu dargaggoota irrattis babal’achaa jira.
► Dhukkubbiin dugdaa maaliif uumama?
Dhukkubbiin dugdaa kutaalee qaamaa dugda nama tokkoo tolchan kamirraayyuu uumamuu danda'a.
Kunis:-
✅ Meeshaa ulfaataa sirnaan ol kaasuuf yaaluu
✅ Sochii garmalee akka tasaa
✅ Diskiin siqixa
✅ Infeekshinii lafee dugdaa
✅ Lafee miidhamu
► Dhukkubbiin dugdaa haala jireenya keenya guyyaa guyyaa wajjin wal qabata.
✅ Wantoota ulfaatoo dhiibuu ykn harkisuu
✅ Wantoota ulfaatoo baatanii deemuu yookiin kaasuun
✅ Sa'aatii hedduu dhaabbachuu
✅ Sa'aatii hedduuf taa'uu
✅ Boqonnaa malee sa'aatii hedduu konkolaachisuun
► Dhukkubbii dugdaa akkamitti ittisuu dandeenya?
✅ Sochii qaamaa
Ispoortii aerobics jedhamu hojjechuun dandeettii qaama keenyaa dabaluu qofa osoo hin taane ulfaatina keenya hir'isuun dhukkubbii dugdaa ittisa.
✅ Tamboo xuuxuu dhiisaa
Qorannoon akka agarsiisutti namoonni sigaaraa xuuxan dhukkubbii dugdaatiif carraan isaanii guddaadha.
✅ Ulfaatina qaamaa hir'isuu
Namoonni furdina garmalee qaban dhukkubbii dugdaatiif saaxilamu.
✅ Haala qindaa'ina dhaabbataa
Dhaabbii qajeelaa dugda keenya deggeruu fi yeroo taa’u harka keenya boqochiisu eeguu.
✅ Wantoota ulfaatoo sirnaan ol kaasuu.
Yeroo ulfaatina kaaftan ulfaatina kana jilba/dugda keessan osoo hin taane miila keessan irratti kaa'uun gaariidha. Yeroo wantoota sochoosan harkisuu caalaa dhiibuun filatamaadha.
✅ Kophee
Dhukkubbii dugdaa irraa of eeguuf kopheen uffannu mijataa ta'uu qaba.
✅ Yeroo konkolaataa oofan dugda keenya deeggaruun
Yoo yeroo dheeraaf konkolaachisaa jirra ta’e, yeroo yerootti konkolaataa keessaa baanee qaama kakaasuu fi boqonnaa fudhachuun sirrii dha.
✅ Firaasha Mijataa tahee filaachu
Firaanshi siree irra ciifnu qajeelaa ta'uu qaba.
Dhukkubbiin dugdaa mallattoo rakkoo fayyaa hamaa ta’uu waan danda’uuf akka salphaatti ilaalamuu hin qabu.
Kanaaf mallattoolee armaan gaditti ibsaman keessaa tokko yoo qabaatte gara giddugala yaalaa deemtee qoratamuu qabda.
Kunis:
✅ Dhukkubbiin dugdaa balaa konkolaataa tasa ykn kufaatiin dhufu
✅ Dhukkubbiin dugdaa ji'a tokkoo ol turuu fi hammaataa dhufe
✅ Dhukkubbii dugdaa kan dhukkubbii hir'isuu fi boqonnaa fudhachuun hin jijjiiramne
✅ Mudhii gadiitti naanna'uu
✅ Fincaan dhiigaa wal makee
✅ Ho'a qaamaa ol'aanaa fa'a
@Dhimma_Fayyaa 🩺