RAAMMOO KOOSOO (TAPEWORM)!
Raammoon koosoo kan nama qabu harki caalaan FOON DHEEDHII nyaachuu irraati!
Mallattoo
■ Dhibeen kun mallattoo agarsiisuu dhiisuu nii danda'a
■ Yoo mar'imaan keessatti baay'ate ammaa raammoo adii, kan battee ta'e, bobbaatii waliin yookiin akkanumatti dhufee ba'uu.
■ Garaa ciniinnaa/dhukkubbii.
■ Haqqisiisaa/balaqqamsiisaa.
■ Dadhabbii (general weakness).
■ Fedhiin nyaataa baduu fi kkf dha.
Akkamiin ofirraa ittisnaa?
■ Foon akka gaariitti bilcheessuun soorachuu (haga 63 oC)!
■ Foon gogsuun ashaboo /amoolee/ itti firfirsuun yeroo dheeraaf yoo kaa'uu.
■ Nyaata kamuu nyaachuu fi qopheessuun dura harka ofii sirriitti dhiqachuu.
■ Foon haga guyyaa torbaa, qurxummii ammoo haga sa'aa 24, Firiijii (refrigerator) keessa (haga -35oC) kaa'uu.
■ Bobbaa beeyladoota manaa fi kan namaa seeraan dhabamsiisuun akka beeyladoonni manaa hin qabamne taasisuu.
■ Beeylada manaa keessumaa saroota dhukkuba kana qaban yaalsisuu.
Yaala ni qabaa?
■ Haala salphaadhaan qoricha liqimsamu fudhachuun garaa keessaa dhabamsiisuu ni danda'ama.
■ Erga garaa keessaa dhabamsiifnee ammoo maloota ittisaa armaan olii hojiirra oolchuudha.
@Dhimma_Fayyaa 🩺