🩺 DAA'IMMAN BIYYEE NYAATAN
Daa’imman Hanga naannoo umurii waggaa lamaatti waantota naannoo isaanii jiran hunda gara afaaniitti geessuun baruu yaaluu. Hedduun isaaniis yeroo umuriin isaanii dabalaa deemu waanta gara afaanii seenuu hin qabne baruun ni dhiisu.
Haa ta’u malee daa’imman kudhan keessaa daa’imman 2 ykn 3 erga gudddatanii booda waantota nyaataaf hin oollee kanneen akka biyyee, cabbii fi kkf nyaachuu jaallatu. Darbee darbees hanga nyaata caalaa kanneen kana nyaachuu barbaadu ga’uu danda’u.
Waanti kun ‘PICA’ jedhamuun beekama. Jechi kun jecha laatinii ta’ee maqaa sinbira osoo hin filatiin waan hunda nyaachuun beekamtuu irraa dhufe jedhama.
DHIBEE KANA MAALTU FIDA?
Waantonni dhibee kana fidan guutummaa guutuutti beekamuu baatamus,kanneen gurguddoon;-
**Hir’ina dhigaa sababa elementii ayiraanii dhufuu fii hangi elementii kanaa qaama keessaa qaban hir'achuu.
**Hir’ina elementoota kanneen akka kaalsiiyeemii fi ziinkii.
*Daa’imman sababa dhibee hanqina nyaataan beela’an (Biyyeen amala fedhii Nyaataa hir’isuu waan qabuuf beela hir’isa).
*Daa’imman dhibee ‘Autism’ qaban.
*Daa’imman guddinni dandeettii sammuu isaanii boodatti hafaa ta’e.
*Daa’imman dhibee xinsammuu adda addaa fi dhibee amalaa ,kan akka baay’ee aaruu qaban fi kkf dha.
BIYYEE NYAACHUUN RAKKOO AKKAMII FIDUU MALA?
-Qaama keessa elementiin ‘lead’ jedhamu baay’achuun rakkoo fayyaa hamaa ta’e fiduu mala.
-Goginsa garaa.
-Dhibee paaraasaayitoota adda addaa godhachuu.
-Cufachuu marrummannii (obstruction) .sababa walitti qabamuu waanto akka rifeensaa fi kkf dhufu(bezoar).
-Afaanii fi ilkaan madaa’uu fi kkf.
MAATIIN MAAL GOCHUU QABU?
-Yeroo hedduu dhibeen kun sababa hanqina elementii ayiiree fi hanqina dhiigaa isaan dhufuu fi elementoota biroo waan ta’eef mana yaalaa geessuun qorachiisuun dawaa kennamu kennuufii.
-Sababa dhibee autism ykn boodatti hafinsa guddina sammuu yoo ta’e ogeessa fayyaa mariisisuun yaala gorsa xinsammuu hanga dawaa adda addaatti kennamu fudhachuu.
-Akka isaan biyyee nyaachuu dhiisan taasisuuf adabuu irraa ofqusachuun yeroo isaan gorsa fudhatanii irraa of ittisan badhaasuu yookiin jajjabeesuu!
@Dhimma_Fayyaa 🩺