#Eenyu_Duukaa_Buunu?
Mucaa durbaa tokkotu lafumaa ka'ee waldaa Kiristiyaanaa dhiise. Isa booda tikseen waldaa sanaa "maaliif waldaa keessaa baate? Maaliif Gooftaa irraas galagalte?" jennaan isheenis deebiftee "Ani namuma ilaaleen amantaa koo kana jibbe, gaggeessitoota hedduufi tajaajiltoonni hedduun jireenyi isaanii waan natti hin tolleef Kiristiyaanummaa koo kana irraa duuba deebihe" jette.
Gaggeessaan waldaa kanaas gaafa sambata miilanaa waldaa koottu dhimma cimaafan si barbaada jedhe. Isa booda akkuma isheen dhufteen mucaa kanatti bishaan burcuqqoo guutee itti kenne. Bishaan kana irraa homtuu osoo hin dhangala'iin waldaa kana keessa naannessii fidii koottu jedhe. Isheenis akkuma inni isheedhaan jedhe goote; bishaan kanas osoo hin dhangalaasiin xiyyeeffannaadhaan suuta jettee baattee fiddee tiksee kanatti kennite.
Innis gaaffii biraa tokko ishee gaafate. "Yeroo bishaan kana baattee deemaa turte namoonni maal hojjechaa turani?" jedhee ishee gaafate. Isheenis 'ani hin agarre' jettee deebifteef. Innis maaliif hin agarree jennaan, 'ani namoota tokko illee hin ilaalle, bishaan sun akka najalaa hin dhangalaaneef isa qofaa ilaaleen deemaa ture' jette.
Tikseen sunis deebisee, "Ilaa akkuma bishaan kana ilaalaa yeroo deemtetti waan namni gochaa jiru hin agarretti, osoo Gooftaa qofaa ilaaltee deemta tahe amantii kee irraa hin galagaltu ture' isheedhaan jedhe. Isheenis yaanni Tiksee kanaa ishee amansiisuudhaan jireenya Kiristiyaanummaa ishee Gooftaa ilaalanii deemuu qofaa irra godhatte. Kiristiyaanummaan kan Gooftaa ilaalanii jiraatanidha malee kan nama ilaalanii deeman miti.
Ergasii Yesus bartoota isaatiin, namni tokko illee ana duukaa bu'uu yoo barbaade, waa'ee #ofii_isaa dhiisee, fannoo isaa [isa anaaf jedhee baatu] of irra ka'aate, ana duukaas haa bu'u. (Mat 16:24)
Gooftaa duukaa bu'uun nama ilaalaa jiraachuu mitiitii, waahee ofii illee kan nama dhiisisudha. Kiristiyaanni yeroo hedduu guddaatu gara Kiristoos qofaa ilaaluuf gahumsa godhata. Guddina amanataa tokkos kanaan beekuu dandeessu. Warreen namaan akka markaba dhahaan qilleensaa oofuu oliif gadi deeman immoo isaan amma illee kichummaa hamaa keessa jiru. Yaa obbolaako, Gooftaan ana duukaa bu'aa jedhe malee nama duukaa bu'aa nuun hin jenne.
@Ergaa_Jireenya