#Hojjechuu • #Milkaa'uu •
#Namni hunduu, biizinasii eegaluuf fedhii ni qaba. Garuu baay'een namootaa maalif akka yaadanitti eegaluu fi milkaa'uu hanqatan, kun gaaffii nama hundaati.
Ogeeyyonni diinagdee (Economist) hedduun, “yaada biizinasii gaarii yoo qabaatte, maallaqni rakkoo hin qabu” jedhu. Garuu #Biizinaasii jeechuun maalii.? Namni tokko, matii tokko madda galii godhate, hojatee, ifaajaafi, humna isiin of jirachuu hundii biizinaasii jedhamaa. /Employee, Self Employed, Business Owner and Investors/ kitaaba Roobert Koyaasaakiidha
Anis yaada kana ittan walii gala. Garuu biizanasii akkamitti eegalla? Maallaqni Eessan dhufa? Kan jedhu gaaffii nama hundaati.
Biizinasii eegaluuf;
1. #Fedhii qabaadhu:- Wanti hundi fedhiirraa madda. Fedhiin ati waan tokko gochuf qabdu milkaa’ina keetif murteessadha. Dhugumaan biizinasii eegaluu barbaaddaa?
2. #Kutannoo qabaadhu:- gara daldalaa yoo seentu qormaanni hedduudha. Bu’aa-bahii baay’etu jira. Keessattuu biizinasichaaf haaraa yoo taate wanti hundi ni ulfaata. Rakkoowwan akka qulqullina omishaa (product quality), hidhata gabaa (Market linkage), dorgommii (Competition), baasii (cost of production) fi kanneen biroo hedduun ija baasanii si eegu. Kun akka jiru beektee, kutannoo guutun gara biizinasii seenuu qabda.
3. #Obsa qabaadhu:- Hudhaaleen armaan olitti ka’an irra aanuf, obsi (patience) akkaan barbaaachisaadha. Rakkoolee hundaaf furmaata laachaa, nama mariisisaa deemun jala darbuuf yaaludha malee abdii kutachuun hin barbaachisu.
4. #Cichoomina qabaadhu:- Cichoominni (perseverance) biizinasiis ta’ee jiruu keenya guyyaa guyyaa keessatti faayidaa ol’aanaa qaba. Waan fedhii keetin itti amantee eegalte gufuu xiqqoofis ta’ee guddaaf hin dhiisin, itti cichi, haga dhumaatti deemi,
5. #Filannoo Biraa (plan B) qabaadhu:- Gaafa daldala eegaltu waan tokko qofa irratti hin xiyeeffatin. Wantoota lama ykn isaa ol akka filannoo biraatti qabadhu (Business Diversification). Fakkeenyaaf, Yoo mana rifeensa dhiiraa yookiin dubaraa banuu barbaadde, cinaatti dibata gara garaa, urgooftuwwan (shittoo) banii daldali. Yoo qonna jal’isii qotuu barbaadde, loon furdisuu, lukkuu horsiisuu faa akka filannoo biraatti qabadhu.
6. #Galteewwan (Inputs) eenyurraa akka argattu beeki: Daldala keessaatti, waa omishuuf ykn tajaajila (service) wayii kennuuf madda galteewwanii (Sources of Inputs) keetii haalan beekuu barbaachisa. Glateewwan na fayyadan maal fa’a? hagamtu na gaha? Eenyurraayyin argadha? Gaaffiwwan jedhan deebisuun dirqama. Inni biraa galteewwan kana haala itti gatii salphaan argachuu dandeessu yookiin karaa ofuma keetii ofii dhiyeessuu dandeessuu irratti itti yaadi. Fakkeenyaaf, Mana Nyaataa (Hotel) qabda yoo ta’e horii qalmaa gabaarraa bituu moo, sangaa isa xiqqaa bittee erga gabbistee booda, qalmaa dhiyeessuu wayya kan jedhu irratti “Cost-benefit” isaa itti yaaduu barbaachisa.
7. #Fedhii fayyadamtootaa (demands) beekuu:- Bu’uurri wanta hunda maamila kee waan ta’eef fedhii isaanii addaan baastee beekuu barbaachisa. Wanta hawaasni tokko hin feene yoo eegalte hin ta’u. Fakkeenyaaf Hawaasa alkoolii hin dhugne keessatti mana dhugaatii banuun faayidaa hin qabu.
8. Waan #addaa (Unique) ta’e jalqabi: Asirratti baay’ee yaadun barbaachisaadha. Waan addaa yoo jennu waanuma haaraa qofa jechuu miti. Waanuma jiru bifa adda ta’een dhiyeessuu jechuudha. Fakkeenyaaf, buna jabanaa gurguruu yoo barbaadde, waanuma namoonni biroo kana dura godhan hin godhin. Xiqqoo waa fooyyessii koottu. Qulqullina bunaa, filannoowwan gargaraa kan akka buna aannaniin, shaayii, Bunaaf shaayii walitti (Ispiriisii), aannan duwwaaa, nyaata dafee qaqqabu (fast food) kan akka Saambusaa, Chiipsii, qoqarii fi kan kana fakkaatan cinaatti jalqabi!
9. #Maamiloota kee yaada gaafadhu (feedback): Yeroo hundaa nama waa sirraa fayyadamee deemu maaltu akka fooyya’uu qabu gaafadhu. Namoonni baay’en fedhii isaanii sitti himuu dhiisuu danda’u, garuu dandeettii fuula isaanii irraa waa hubachuu horachuu danda’uu qabda. Fedhiin maamila dugugguruu dugdaa biizinaii keetii waan ta’eef fedhii isaa guutuu qabda.
@Ergaa_Jireenya