Artiistii Gameessi Tasammaa Galataa
Artiistiin gameessifii buleessi Tasammaa Galataa dhibee kaansarii dhibamee haala rakkisaa keessa jiraachuun himame.
Waggoota 30 oliif diraamaawwan, fiilmii fi tiyaatiroota Afaan Oromoo hojjechuun beekamtii, dinqisifannaafii jaalala kan horate artiistichi “yeroo ammaa kana baay’ee socho’uu dadhabeera,” jedhameera.
Hiriyaan waggoota dheeraafi ‘obboleessa’ jechuun kan of ibsu Artiist Jimaa Galataa dhimma Artiist Tasammaa gara miidiyaa hawaasaatti fiduun ummanni gargaarsa akka taasisuuf gaafateera.
“Dhukkubni isaa kun dura akka onneetiin jalqabee onnee kana yaalamaa osoo jiruu baay’ee dadhabaa dhufe” kan jedhu Artiist Jimaan, “Yeroo dhiyoo ji’a tokkoo as immoo kaansariin dhiigaa irratti argame” jechuun BBC’tti himeera.
''Hojiiyyuu hojjetee hinbeeku''
Artiist Tasammaan dhibee onnee dhukkubsachuu erga eegalee waggoota lamatti akka siiqu kan himu Artiist Jimaa, sababa dhibee kanaan hojii jaalatufii ittiin ofjiraachisurraa fagaatee turuu himeera.
“Erga waggaa tokkoo as waggaatti al tokko yookiin al lamarraa kan hafe hojiiyyuu hojjetee hin beeku. Haalli inni keessa jiru hojii sana kan hojjechiisu miti” jedheera.
Artiist Tasammaa Galataa dhibee kaansarii dhiigaa dhiyoo irratti argame Magaalaa Finfinnee Hospitaala Phaawuloositti yaalamaa jiraachuu kan hime Artiist Jimaa, yeroo ammaa wal’aansa dhibee kaansarii qoricha fudhachuun taasifamufii Keemoteeraappii akka eegale himeera.
“Keemoo kana yoo xiqqaate guyyaatti qarshii 15,000-20,000 isa barbaachisa” kan jedhe Jimaan, artiistichi maallaqa ittiin of yaalchisu ofharkaa fixee deeggarsa namoota dhiyootiin yaalamaa jiraachuu himeera.
“Qorichisaa baay’ee qaaliidha. Qaala’iinsa qofas miti, mana kiraa keessa jiraata. Kana qofas miti; maatii qaba, ijoollee qaba” jechuunis haala artiistichi irratti argamu ibseera.
''Kan ittiin yaalamu dhabeera''
Sadarkaan dhibee kaansariin dhiigaa Artiist Tasammaa Galataa yeroo ammaa sadarkaa duraarra akka argamu ogeeyyii fayyaan akka itti himame Artiist Jimaa himeera.
“Dookatarootarraa akka dhageenyetti asittis yaalamuu ni danda’a. Caalmaatti garuu humna qabaannaan biyya alaa deemamee yoo yaalame dafee fooyya’uu ni danda’a kan jedhu nuuf kaasaniiru” jedhe.
Haa ta’u malee artiistichi yeroo ammaatti maallaqa yaalaaf ta’u harkaa dhabee jiraachuu himeera.
“Waan hundayyuu maallaqa ofharkaa fixeera, wanti qabu hjinjiru” kan jedhu waahilli artiistichaa kun, yeroo ammaa kana deeggarsa namoonni itti dhiyaatan taasisaniin yaalamaa akka jiru himeera.
“Wanta danda’amu uummanni Oromoo, mootummaan, dhaabbileen miti mootummaa, warri biyya alaa jiranis ummanni diyaaspooraa nucinaa dhaabbatanii mucaa kana yaalchisnee gara hojiisaa innifii ummanni jaalatutti akka deebi’u gaafanna” jedheera.
“Bara ummanni Oromoo karaarra deemee Afaan Oromoo dubbachuu sodaatutti Tasammaan immoo miidiyaatti bahee dhimma Oromoo, dhimma aadaafii aartii Oromoo dubbachaa ture” jechuun gumaata Artiist Tasammaan guddina aartii Oromoof taasises himeera.
Dabalataan “Dubbachuu qofa osoo hintaanee itti baqe, itti quucare, itti dhama’e, itti dadhabe, abidda ta’ee itti boba’ee, qaanqee ta’ee itti qaanqa’e” jedheera.
Maddi BBC
@Fiilmiin