Filmii Afaan Oromoo Kalee isa kaleessa jedhu kan Artis Eliyaas Kifluun hojjetame, yeroo dhiyootti Gara Awstiraliyaa deemuun Hawaasa Oromoo fi jaallattoota Aartii Oromoof agarsiisuuf qophii isaa xumuree jira.
Koreen qindeessituu imala kanaa ji'oota Muddee fi Guraandhala keessa kutaalee biyyattii adda addaatti agarsiisa fiilmii gaggeessuuf qophii ta'uu beeksise. Imala keenya isa duraa irratti magaalaa tokko keessatti agarsiisa taasifnee turre. Amma immoo Magaalota adda addaa keessatti agarsiisa dabalataa qabannee deebi'aa jirra.
Kanaaf hawaasni Oromoo biyya Awstiraaliyaa kutaa biyyattii adda addaa keessa jirtan imala kanaaf simannaa akka gootaniif waamicha Oromummaa isiniif dhiyeessina.
Koree Qondeessituu Agarsiisa Filmii Kalee Isa kaleessaa.
@Fiilmiin