Iyoob 14:7-9
7 "Mukti yoo murame iyyuu deebi'ee waan latuuf, damee godhachuun isaas waan hin oolleef abdii qaba; 8 hiddi isaa lafa keessaa yoo dulloome iyyuu, gufuun isaa lafa keessatti yoo goge iyyuu,
9 foolii bishaaniitiin in lata, akka biqiltuu haaraas damee in baasa;
Isaayaas 40:31
31 warri Waaqayyoon abdiidhaan eeggatan garuu humni isaanii in haareffama; akka joobiraas baalleedhaan ol in ka'u; in fiigu, garuu hin dadhaban, in adeemu, garuu hin mudhukan.
Hojii Ergamootta 28:6
6 Isaan immoo amma iita'a yookiis amma lafa dha'ee du'a jedhanii eegan. Yeroo dheeraa eegaa turaniis waan tokko illee akka irratti hin ta'in arginaan, yaada isaanii geddaranii, "Inni Waaqayyo tokko" jedhan.
Roomaa 8:28-30
28 Waaqayyo warra isa jaallatan karaa hundumaa gargaaree gara gaariitti isaan in geessa; isaanoo warra akka akeeka isaatiitti waamamanii dha. 29 Warra duraan dursee beekumsa isaatiin fo'ate, fakkaattii ilma isaa isa obboloota baay'eedhaaf angafa ta'uuf jiru, akka ta'aniif yaadaan isaan qabe.
30 Warra yaadaan isaan qabe immoo waameera; warra waame immoo qajeelota isaan godheera; warra qajeelota godhe immoo ulfinaan isaan ga'eera.
Olmaa Gaarii Qabaadha!
@Getu_Official
@Singer_Megertu_Official