📖 "Yaa Waaqayyo, ani kooluu sitti galeera, ati na eegi!" ("አቤቱ፥ በአንተ ታምኛለሁና ጠብቀኝ።")
— መዝሙር 16፥1 — Far. 16:1
✉️ Ijoolleen warra isaanii irratti amantii hammam akka qaban nama ajaa’ibsiisa. Keessumaa ijoolleen guutummaatti warra isaanii irratti hirkatanii jiru. Mucaa tokkoof warri abbaan isaa akka ilaalcha mucichaatti wanti hin danda'amne akka hin jirreetti yaada. Abbaan utuu jiruu eenyullee ija jabaatee dhufee kan isa miidhu akka hin jirre mirkanaa'aadha. Barreeffama "Abbaan tokko dura bu'oota mana barnootaa kuma irra caala" jedhu kanan dubbise nan yaadadha. Ijoollummaa kootti abbaan koo harka lamaan na qabee samiitti ol na kaasuu isaa nan yaadadha. Yeroon ol bahee gadi deebi'u kufuun danda'a jedhee sodaadhee hin beeku. Harka abbaa koo isa jabeessee na qabate ilaalaa qilleensaa fi harka abbaa koo irratti of arga. Kun yaadannoo baay'ee keenyaa ta'a jedheen amana.
Daawit nama lubbuu isaa eeguu danda’u Waaqayyo malee namni biraa fi wanti biraa akka hin jirre hubatee ture. Kanaafidha Waaqa isaatiin "Yaa Waaqayyo, ani kooluu sitti galeera, ati na eegi!" Kan jedhuuf. (Far. 16:1)
Har'a wanti nuti itti amantii dhabne maalidha laata? Wanta foonii har'a mul'atee boru akka fixeensaa badu irratti moo Waaqayyo isa bara baraa irratti? Obbolootaa, imaanaa keessan nama irra kaa'uun dhuma irratti qisaasa'ummaa (kisaaraadha). Deeggarsi keenya nama irratti yoo ta'e, namni akka ulee shanbooqqoo waan ta'eef guyyaa tokko cabuun isaa hin oolu. Gaafa cabus nama waraana. Nu miidha. Waaqayyo garuu abbaa gaarii fi amanamaadha." (Isa. 42:3). Inni dhagaa jabaa itti amanuu qabnudha. Gaafa obomboleettiin boba'uu fi taatee hamaan uumamu, yoomiyyuu nu hin dhiisu. Harka nu qabee nu oolcha.
@Getu_Official ✅