📣 KARAA HAARAA
🎚Ibr.10:19-20
"¹⁹ Egaa yaa obboloota ko! Yesus dhiiga isaa nuuf dhangalaasuu isaatiin gara iddoo isa hundumaa irra caalaa qulqulluutti galuudhaaf ija jabina qabna.
²⁰ Inni foon isaatiin karaa haaraa, karaa yeroo hundumaa jiraatu golgaa sana keessaa nuuf bane."
⚜️Gara iddoo isa hundumaa caalaa qulqulluu ta'ee, gara Waaqayyootti dhihaachuudhaaf, karaan nuuf hin argamne ture. Nuyi, golgaa cubbuu sanaan ittifamnee Waaqayyo irraa fagaannee turre. Karaan gara Waaqayyootti geessu, karaan karaa lubootaa, karaan aarsaa foon horii fi dhiiga horiidhaan hojjetame sun, raawwatee gara Waaqayyootti ilmaan namootaa geessuu kan danda’e hin turre.
⚜️Kanaaf karaan haaraan kan biraa golgicha isa Waaqayyorraa nu ittise sana keesa nuuf darbu hojjetamuun dirqama ture. Karichis, akkuma karaan asfaaltii, dhagaa daakamaa fi reenjii dhangalaa'aadhaan hojjetamutti, Foon Kiristoos isa ciccitetu akka dhagaa daakamaatti, dhiiga isaa isa dhangalaafametus akka reenjii dhangala'aa isa dhagaa walqabsiisuutti dhangalaafamee, KARAA HAARAA, KARAA YEROO HUNDUMAA JIRAATU golgaa sana keessaa nuuf bane.
⚜️Egaa faanni dhalootaa karaa haaraa, karaa yeroo hundumaa jiraatu kanarra bu'e faana ayyaanomedha. Karaa dhiigaa fi foon qulqullaa'aa kana irraa hojjetame irra adeemuun nuuf ayyaanomuudha. Karichi xumurri isaa gara galma Waaqarraa, isa hundumaa caalaa qulqulluu ta'ee, gara mirga waaqayyo abbaatti kan nu geessudha. Nutis karaama kanaan gara mirga Waaqayyoo dhaquudhaaf mirga guutuu fi eeyyama karaa qulqullaa'aa kanarra imaluu arganneerra. Kunis tola, toluma tola tolaati! Isa kana iyyee akka nama qalbii dabarseettan gammachuu koo himadha. Haaleluuyyaa! Ameen!🙏
📝 Wabi Gobana|| Bible Preaching Site
LIKE | JOIN | SHARE 📣GWP MEDIA
🔍 | JOIN GOCHUUF |👉🏼 AS TUQI