Paaspoortii haaraa Itoophiyaan ifa gooterratti qabxiilee beekuu qabdan

Ibsa waa'ee suuraa,Paaspoortiin ammayyaawaadha jedhame kuni biyya keessatti qophaa'e
21 Guraandhala 2025
Tajaajilli Immigireeshinii fi Lammummaa Itoophiyaa paarspoortii fi sanadoota imalaa gara Elektiroonikiitti jijjiiruu waggaa tokkoo oliif irratti hojjechaa ture xumuruun har'a Finfinneetti ifoomse.
Sirna paaspoortii fi sanadoota imalaa haaraa ifoomsuu muuziyeemii Saayinsiitti qophaa'e kanarratti haasaa kan taasisan Hoggantuun Tajaajila Immigireeshinii fi Lammummaa Itoophiyaa aadde Salaamaawit Daawit, paaspoortiin amma dura ture hanqinoota hedduu kan qabu akka ture eeran.
"Waggoota 20 darban paaspoortii maashinaan dubbifamutu hojiirra oolaa ture. Yeroo kana qulqullinni omishasaa gadi aanaa ta'uun dafee dulloomuun, maashinaan sirnaan dubbifamuu diduu, fakkeeffamee hojjetamuun isaan ijoodha" jedhan.
Paaspoortiin elektiroonikii haaraan ifoome kuni paaspoortii lammiilee idilee ammaan dura diimaatti dhihaatu ture gara cuquliisaatti kan jijiiramee fi abaaboo birraa ofirraa kan qabudha.
Tajaajilichi rakkoo qulqullinaa fi dhiheessii paaspoortii irratti mul'atu kana furuuf rifoormii gaggeesse keessaa ijoon paaspoortii fi sanadoota imalaa yeroon barbaadu qopheessuu akka ture himan.