Maaltu itti dabalame?
Paaspoortii haaraa ifoome kanarratti qabiyyeen haaraan dabalame ammoo fuula Viizaa paaspoortichi qabu hundarratti qabeenya Turizimii Itoophiyaan qabdu maxxanfameera.
"Siidaan Aksum, Gamoon Faasil, Laalibalaan, teessuma lafaa Koonsoo, dhakaa Xiyyaa, hidha Haaromsaa, masaraa Abbaa jifaar, Harar, Luusii, muuziyeemii Adawaa fi paarkiin Inxooxxoo irratti argamu" jedhan.
Paaspoortiin haaraan kuni bareedinaan kan duraarra kan caalu, qulqullinaa fi iccitummaadhaanis kan duraarra caalmaa guddaa akka qabaatu ta'e hojjetamuu eeran.
Sirna Paaspoortii haaraa ifoomsuu kanarratti kan argaman Pirezidaantiin Itoophiyaa Taayyee Atsiqasillaasee, biyyi paaspoortii qaroomina yeroon dhaqqabe waliin deemu qabaachuun kabaja lammiileetif gatii guddaa qaba jedhan.
"Paaspoortiin Itoophiyaa iccitii olaanaa akka qabaatu ta'uun milkaa'ina guddaa qofa osoo hin taane, hiriira hariiroo qaroominaa biyyoota waliin qabnu kan sirreesudha."
"Paaspoortii Elektiroonikii fayyadamuu jalqabuun keenya karaa tokkoon maqaa gaarii biyya keenyaa kan olkaasu, lammiilee keenyaaf gatii kenninu kan ibsudha. Gama kaanin ammoo nageenya biyya keenyaa eegsisuurratti gahee guddaa qaba" jedhan.
Lammiin tokko Paaspoortiin biyya isaa kan sadarkaasaa eeggate gaafa ta'u akka ofitti boonu kan gargaaru akka ta'e mudannoo isaaniirraa eeruunis ibsan.
"Yeroo Jalqabaaf biyya alaa deeme paaspoortiin Itoophiyaa diimaa, kan harkaan barraa'e ture. lammiileen biyya alaa isa nuharkatti ilaalanii 'Waan harkaan barraa'een biyya biraa deemu' jedhanii ajaa'ibsiifatu ture."
"Bakka barnootaaf biyya alaa turretti barattoonni paaspoortii isaanii waliin dorgomsiisu ture. Warri kan keenya yeroo baayyee deebiin isaanii 'Paaspoortiikoo hin qabanne' kan jedhu ture. Sababnisaas waan nama duratti dhihaatu hin turre" jedhan.
Paaspoortiin teeknolojii olaanaa qaba jedhame kuni erga hojiirra oolee fi biyya keessatti kan omishamu ta'ee ammoo tajaajilli Immigireeshinii fi tajaajila Lammummaa Paaspoortii lammii ulaagaa guute hundaaf si'oominaan akka dhiheessuu qabus dhaaman.
"Lammiin Itoophiyaa kamuu kan ulaagaa guute paaspoortii baasuuf yeroo gaafatu raakamuu hin qabu. Tajaajila paaspoortii kana argachuuf muxannoos beekumsas kan hin qabne lammiilee hedduutu jira, isaan gargaaraa. Warra waliindhooftota irraas eega" jedhan.
Sirna paaspoortii fi sanadoota imalaa Elektiroonikii Itoophiyaan ifoomsite kanarrattis angaa'onni olaanoon mootummaa, ambaasaaddaroonni fi keessummoonni hedduun argamaniiru.
Pirezedaantiin Itoophiyaa Taayyee Atsiqasillaasee paaspoortii Elektiroonikii Itoophiyaan hojiirra oolchite kana fudhachuun nama jalqabaa yoo ta'an, angaa'onni mootummaa olaanoon sirnicharratti argamanis paaspoortii haaraa kana fudhataniiru.
Paaspoortii Elektiroonikii haaraan kuni tajaajila Paaspoortii irratti rakkoo jabaa kan ture fakkeeffamee hojjetamuu sadarkaa olaanaan kan hambisu akka ta'ee fi guyyaa ifoome kanarraa eegaluun hojiirra akka oolus ibsameera.