17 Yommuun isa arge akka nama du'ee miilla isaa jalatti nan kufe. Inni immoo harka isaa mirgaa ana irra kaa'ee, "Hin sodaatin! Inni duraa, inni booddees ana; 18 inni jiraatus ana. Takka illee du'een ture, amma garuu kunoo, baraa hamma bara baraatti jiraachuuttan jira; du'a irratti, balbala iddoo warra du'anii banu irrattis ani gooftummaa qaba.