1) Hiriyaa Gaa’laa akkamiin filadhu?
--------------------------------------------------------
Hiriyaa gaa’ela akkamiin filadhu gafiin jedhu yeroo baayyee namoota gaa’ela hindhaabbanne irraa ni dhagahaama. Hiriyaa gaa’ela filachuu jechuun isa waaqayyo naafilate akkamiin adda baafadhu jechuudha. Kan adda bafachuuf qabixiilee armaan gadii hubannadhaan ilali:-
1.1. Qajeelfama waaqa biraa fudhachuu
Qajeelfama waaqa biraa fudhachuu jechuun akkaataa sagaleen waaqayyo jedhuun geggeeffamuu jechuudha. Waaqayyo qajeelfama kan inni kennu karaa sagalee isaati qofa. Kana irratti hubachuun kan nuuf malu qajeelfama waaqayyo irraa fudhachuu jechuun; gaa’ela jecha rajoonni dubbataniin dhabbachuu jechuu miti. Gaa’elli dhabbachuuf jiru sirrii ta’uu fi ta’uu dhiisuu isaa kan nuuf mirkaneessu raajota utuu hintaane sagalee waaqayyo qofaadha.
Yeroon kana jedhu Waaqayyo gonkuma karaa raajoota hindubbatu jechuu koo miti; dubbachuu ni danda’a yoo dubbate iyyuu kan inni ittiin qoramee ilaalamuu sagalee waaqayyootiin ta’u beekuun gariidha.
Isa 48:17 waaqayyo inni si furu inni qulqulluun kan Israa’el ”ani waaqayyo gooftaan kee isa wanta waa’ee siif baasu si barsiisuu fi isa karaa ati adeemtu irratti si geggeessuu dha.
1Yoh. 4:1 Michoota ko warra hafuuraan ni dubbanna jedhan hundaa hin amaniinaa Waaqayyo biraa yoo ta’an hafuurota isaan ittiin dubbatan qoraatii ilaalaa malee raajotni sobduun baay’een gara biyya laffaatt ba’aniiru
1.2. Bareedina alaa osoo hin taane bareedina keessaatti xiyyeefffachuu
Amala dhala namaa keessatti bareedina keessa caalaa kan nama harkisu bareedina alaati; yeroo kana jennu bareedina alaa hin barbaachisu jechuu utuu hin taane bareedina isa keessa irratti xiyyeefachuutu caalmaadhaan bu’a qabeessa nama godha jechuudha.
Fak. 31:30-31 simboon namarra darbiti miidhaginnis nama ni gowomsiti dubartiin Waaqayyoon sodaattu garuu ni jajamti.
Kutaa sagalee waaqayyo dubifame kana irratti waaqayyoon sodaachuun bareedina keessati. Mootiin Daawit akka inni gowomfame Bershaabeh wajiin cubbutti kufu kan isa taasise bareedina alaan mul’atuun waan boji’ameef.
1Phe 3:3-4 ofkuuluun keessan wanta alaan mul’atu mataa tolfachuudhaan warqee naqachuudhaan uffata babba’eessa uffachuudhaanis hin ta’in.Garuu of kuuluun keessan inni hin badne keessa namummaa keessanii isa dhokataadhaan haa ta’u.
1.3. Jaalalli dhugaan jiraachuu isaa mirkaneeffachuu
Gaa’ela dhabbachuuf waan nuti mirkaneefachu qabnu keessa inni hangafaa jaalala dhugaa waliif qabachuudha. Jalaalli dhugaan kun isa onnee irraa madde,miiraafi haalarra kan hin dhaabbanne ta’uu qaba. Innis boqonnaa fi nagaatu namatti dhaga’ama malee fedhii foonii duwwaan namatti hin dhaga’amu. Nama hin jeequ namas hin maraachu sababni isaa miiraan hin ogganamu. Kun jaalala keessaa; onneerra foxxoqee mul’atuudha. Sababni jaalala dhugaan jiraachu mirkaneeffachuun barbaachiseef jaalalli sobaa bayyeen waan jiruuf. Namoonni tokko tokko jaalala dhugaa utuu hin qabaatin; jaalala kee irraa kan ka’e midhaan naaf nyaatamuu didee, bishaan na dhugamuu didee jedhu. Kun soba ta’uu isaa baruun gariidha sababni isaa jaalalli dhugaan akka dhahaa galanaa tasa kan namarra yaa’u utuu hin taane wal baruu fi walitti dhihaachuudhaan kan uumamuu fi kan guddatu ta’uu isaa beekuun gariidha. Inni kan biraa jaalala dhugaa jechuun jaalala haala irratti hin hundoofneedha. Gaa’elli jaalalaan hundaa’a; gaa’elli jaalalarratti hin hundoofne dhaabachuu hin danda’u. Jaalalli kunis jaalala lamaan isaaniirraa madde ta’uu qaba.
1Qor 13:4-8 …jaalalli yoom iyyuu hin badu.
Uma 24:56-58 … “Mee intala waamnee wanta isheen jettu ni gaafanna” jedhan. Ribqaanis …eeyyeen nan dhaqa jette.[ Hisiyaaq fi Ribqaa ]
1.4. Amantaan tokko ta’uu
Namni kiristoositti amane tokko hiriyaa gaa’elaa filachuu keessatti waanti inni/isheen of eeggachuu qabu/du amantaan tokko ta’uu mirkaneeffachuudha. Kufaatii namoota baay’eef sababa kan ta’e keessaa tokko namoota hin amannee wajjin akkaataa hin taaneen walitti michoomuudha. Akkuma kanas namoota hin amanne yookaan gooftaa Yesuusiin hin beeknee wajjin gaa’ela dhaabbachuudha.