Rom. 6
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
¹ Egaa ayyaanni Waaqayyoo akka baay'atuuf, cubbuutti jiraachuu itti fufna jennaa ree?
² Kun matumaa hin ta'u! Nuyi warri cubbuu jalaa duune, si'achi attamitti cubbuu jala jiraanna ree?
³ Yookiis nuyi warri Kristos Yesusitti dabalamuudhaaf cuuphamne, du'a isaattis isatti dabalamuudhaaf akka cuuphamne in wallaaltanii ree?
⁴ Nuyi cuuphamuudhaan du'a isaatti isatti dabalamnee isaa wajjin awwaalamneerra; Kristos humna abbaa isa ulfina-qabeessaan warra du'an keessaa akkuma kaafame, nus immoo jireenya haaraatti in jiraanna.
⁵ Akkuma du'a isaatti isaa wajjin walitti dabalamne, akkasuma du'aa ka'uu isaattis isaa wajjin walitti in dabalamna.
⁶ Nuyi deebinee garba cubbuu akka hin taanetti, dhagni inni cubbuu hojjetu akka badduu baafamuuf, namummaan keenya inni moofaan isaa wajjin akka fannifame in beekna.
⁷ Namni yommuu du'u humna cubbuu jalaa in ba'a.
⁸ Kristosii wajjin yoo duune garuu, Kristosii wajjin immoo akka jiraannu in amanna.
⁹ Kristos warra du'an keessaa erga kaafamee, deebi'ee akka hin duune, duunis si'achi isa irratti gooftummaa akka hin qabne beekna.
¹⁰ Du'a al tokko, waa'ee cubbuutiif du'e; jireenya isaa ammaa immoo Waaqayyoof in jiraata.
¹¹ Isinis immoo akkasuma akka warra cubbuu jalaa du'anii, karaa Kristos Yesus Waaqayyoof jiraataniitti of lakkaa'aa!
¹² Ammas cubbuun warra kajeellaa fooniitiif abboomaman akka isin hin godhannetti, dhagna keessan isa du'e keessatti isa hin moosisinaa!
¹³ Bu'aa dhagna keessanii mi'a jal'inaa gochuudhaaf harka cubbuu jala hin galchinaa! Garuu akka namoota warra du'a keessaa ba'anii jireenya argataniitti, Waaqayyoof of kennitanii, bu'aa dhagna keessanii mi'a qajeelinaa gochuudhaaf harka Waaqayyoo jala galchaa!
@Jaala_Dhugaa