SAGALEE MISIRAACHOO FI JAJJABINAA
_
Bara durii namicha tokkotu ture jedhan, Namichi kun dargaggessa mana isaa taa'ee isaaf ergamu,kan yeroo hundumaa waan hundumaa keessatti
"Yaa gooftaa gonkumaa abdii hin kutatin,hin aarinis wanti Waaqayyo godhe hunduu gaarii fi qajeelaadha, dogoggora hin qabu" isaan jedhu tokko qaba ture.
Guyyaa tokko Adamoodhaaf gara bosonaa lama ta'ani adeemani.
Utuu bineensa ajjeefachuuf bosona keessa adeemani namichatti bineensi bosonaa bahee isa qabatee baay'ee isa miidhe, dhaqna isaa madeessee quba harkaallee irraa kute.
Gaafa dargaggeesichi fiigee bira gahu namichi miidhamee dhiiga jira, Dargaggeesichis
"Jabaadha Gooftaako, gonkumaa hin aarin Waaqayyoo gaariidha! wanta inni godhe keessa dogoggorri tokkollee hin jiru!" jedheen.
Namichis utuu Waaqayyo gaariidha ta'ee akkamitti bineensi na miidhe rakkoo hammana ga'u narraan gaha?" jedhee gurbaa dheekkame jedhan.
Gurbichis deebisee ; Rakkoon hammi fedhe yoo sirra qaqqabellee ani ammas kanan jedhu , Waaqayyo gaariidha, hojii isaa keessa dogoggorri hin jiru, wanta hundumaa gaarummaadhaaf godhe!" jedhee deebiseef.
Namichis jecha gurbichaatti baay'ee aare, gurbicha qabee bowwaa keessatti gadi darbate, manaatti deebiyuudhaf gara laga guddaa tokkoo deemee dhiqatee galuuf gaafa deemu, gosti namaa warri bosona keessaa jiraatan,kan waaqa tolfamaa isaanif nama qalanii aarsaa dhiheessan bosona laga sana qarqaraa keessatti namicha qofaa argatanii qabatan.
Yeroo isaan qoraan isaanii iddoo aarsaa isaaniirra naqanii namicha qabanii achirra ciibsanii qalanii aarsaaf gubanii dhiiheesuuf jedhani, wayyaa irraa baasanii qaama isaa sakatta'an, namichi dhaqni isaa madayee dhiiga, qubni tokkos hir'uudha ,kana booda.
"Kun hin ta'u asii balleessa! , Namni dhiiguu fi qaama hir'uu ta'e aarsaaf hin ta'u! "
Waliin jedhanii namicha gadi dhiisan.
Namichis fiigaa gara iddoo bowwaa sila hojjetaa isaa itti darbate sanaa dhufee .
" Yaa ilmakoo Waaqayyo dhuguma anaaf gaarii ture, qalamee aarsaa seexanaa tahuuf qabameen ture garuu nama guutuu miti, dhaqni isaa madaayera quba tokkos hin qabu jedhanii na gadhiisani!
Garuu gaaffiin qaba, Erga Waaqayyo akkas gaariidha anaaf ta' ee Maaliif akkan bowwaa keessatti si darbadhuuf callisee na ilaale ?" Jedhee gaafate.
Gurbichis deebisee:- "Yaa Gooftaa koo Waaqayyo dhuguma gaariidha, utuu ati bowwaa kana keesaa na hin buusne ta'e; silaa si wajjin gara laga sanaa deema ture, silaa anaan qabanii qalanii aarsaa godhu turani , sababni isaa ani quba hir'uu fi qaama madaa waanan hin qabneef " jedhe jedhan.
Yeroo baay'ee yeroo rakkoon nu quunnamu, yeroo mudannoo adda addaa nurra gahu Waaqayyotti ni gungumna, wanti nurratti ta'u hundumtuu gaarummaaf akka ta'e daganna.
Wanti hundumtuu gaarummaadhaf narratti ta'e.
Waaqayyoo ittiin qabee waa jalaa na miliqsuuf callisee waan na dhiiseef na dagate fakkaate malee inni nan dhiisne nan dagannes.
Warra Waaqayyoon jaallataniif akka akeeka isaatti warra waamamaniif wanti hundunuu gaarummaadhaaf isaaniif ta'a(hojjeta) " jedha Ergamaan Phaawuloos Rome 8 irratti.
√ Madooftee jirta yoo ta'e Waaqayyo gaariidha, hojiin isaas qajeelaadha.
√ Darbatamtee gatamtee jirta yoo ta'e, Waaqayyo gaariidha, hojiin isaas qajeelaadha.
√ Si bira darbanii sokkanii? Waaqayyo gaariidha hojiin isaas qajeelaadha.
Tarii hiriyoonnikee si biraa milka'anii atimmoo harka qullaadha ta'a, Gooftaan ni dhufaa obsi.
Tarii gola namaati hojjettee jiraatta, warri hammakee hin geenye kan kakuu hin qabnemmoo bakkeedhaa bashananee jiraata ta'a,
Kun gaarummaadhaaf, Waaqayyo wa jalaa si miliqsaa jira, kankee eebbi kan caalutu dhufaa jiraa obsi!
Iddoo ati amma jirtu sun iddoo dhokannaati, iddoo miliqanii oolaniidha, iddoo dhumaakee fi koo miti, Haa obsinu, gaafa dukkaanii fi duumessi kun darbu aduun haaraan ba'uuf jetti!
Thanks
@Megertu_Dhugasaa
Singer_Megertu_Official
Kakuu_Studio