Yoo ol kaa`an; Ol ka`anii Fuudhatu!
==
Diinagdeen of ijaaraa deemuuf aadaa hojii qabnu jijjiiruu qofa osoo hin taanee aadaa qusannoo keenyaa gabbisuu qabna. Egereen jireenya boruu kan ijaaraamuufi abdatamu wanta namni har`a argatuun osoo hin taane kan inni wanta argate irraa har`a qusatuun murtaa`a. Waan guyyaan argatan fixanii ooluufi kan ji`aan argatan fixanii taa`uun rakkoof nama saaxila.
Abbootiin keenya(maanguddoon Oromoo) dhimma qusannaa mammaaksan yeroo ijoollee barsiisan “Ol kaa`atan malee ol ka`aniif hin fuudhan” jedhu. Kana malees “Bu`aa ganamaa hin nyaatan” jedhu. Kunis yeroo humna qaban wanta argatan qusatu jechuu dha. Oromoonis osoo sirni bulchiinsa maallaqa ammayyaa baankiin hin jalqabin dura akka sabaatti aadaa qusannaa gabbataa qaba. Midhaan galfatu irraa sanyii adda baasee ol kaayyata.
Diinagdee ofii tarkaanfachiisuuf qusannoon cimuun murteessaa dha. Hojii tokko irraa gara biraatti guddachuuf, qonnaan bulaa irraa investera ta`uufi kkf irratti milkaa`ina argachuuf qusannoon har`a qusannu bu`uura.
Qusannaan waan guddaa argatanii kan irraa qusatan osoo hin taane namni waanuma argatu irraa qusachuu qaba. Kanaaf immoo karoora dhuunfaa barbaachisa. Fedhii ofii har`aa osoo hin taane mul`ata boriin hogganamuu gaafata. Aadaan qusannoo guddachuunis biyya guddisa.
Odeeffannoo Dabalataaf
Facebook:
https://www.facebook.com/oromiabc
------
Telegram: https://t.me/Oromiacommunicationaffairsbureau
------
Twitter: twitter.com/OromiaBureau
------
YouTube:
https://www.youtube.com/@BKONews
------
TikTok: tiktok.com/@oromiacommunicationbureu
------
kallachaOromia: https://m.facebook.com