Guyyaan Alaabaa Yeroo 17ffaaf Onkololeessa 04/2017 Waajjiraalee Barnootaa, Manneen Barnootaafi Kolleejjota Barnootaa keessatti ni kabajama.
------------
BBO-02/02/2017 Guyyaan Alaabaa yeroo 17ffaaf Onkololeessa 04/2017 akka biyyaatti kabajamu bu'uura gochuun waajjiraaleen barnootaa godinaa, bulchiinsa magaalaafi aanaa, Manneen Barnootaa, Kolleejjotni Barnootaa hunduu wixata 04/02/2017 ganama keessaa sa'aatii 4:30 irratti Alaabaa baasuun/fannisuun/ kabajuuf qophii xumuruun beekameera.
Haaluma kanaan kabaja ayyaanichaa irratti kaayyoo kabaja ayyaanichaa, maalummaafi hiikkaa Alaabaa hirmaattota/barattoota/ sirna kabaja ayyaanichaa irratti argamaniif ibsuun barbaachisaadha.
Alaabaan birmadummaa, bilisummaa, kabajaa biyya tokkootiif barbaachisummaan inni qabu olaanaa akkuma ta'e, waliigaltee biyyaalessaafi obbolummaa sabdaneessaa cimsuun tokkummaa biyyaalessaa dhugoomsuu keessatti gahee guddaa qaba.
Alaabaan keenya, ibsituu tokkummaa waloo biyyaalessaa, mallattoo birmadummaafi bilisummaa biyya keenyaa, agariiftuu heddumminaafi waliin jireenyaa, wabii itti fufiinsa bilisummaafi birmadummaa biyya keenyaati.
Alaabaan keenyaa lamnii biyya keenyaa sadarkaa addunyaatti mallattoo ta'ee kan mul'isuudha.
Kanaafuu, Lammiin jaalala biyyaa qabu alaabaa biyya isaatiif hanga wareegama lubbuutti dhaabbataaf. Kanaafis fakkeenya kan ta'u #Raayyaa_Ittisa_Biyyaafi_Atileetota byya keenyaa fudhachuun ni danda'ama.
Walumaa galatti, Manneen Barnootaa keessatti dhaloota saayinsiifi teeknooloojiin gahoome, jaalalaafi kabajaa biyyaafi ummataa qabu, aadaa waliin jireenyaa amanu, birmadummaafi bilisummaa biyyaalessaa kabajuufi kabajsiisu, kan haqaaf dhaabbatu, kan naamusa qabu, sirna dimokiraatawaa dagaagsuu keessatti gahee kan fudhatu, alaabaaf kabajaafi jaalala qabu horachuuf sirni kabaja alaabaa waggaa waggaan gaggeeffamu kun faayidaa olaanaa waan qabuuf Onkololeessa wixata 04/2017 sa'aatii 4:30 irratti dhaabbilee barnootaa naannoo keenyaa keessatti haala ho'aan guyyaan Alaabaa ni kabajama.
Oromia Education Bureau