NUTI QAAMA TOKKO 🌹
Nuti qaama tokko
Miilaa hanga mormaa
Addaan facaatanii
Hin ta'inaa orma!
Wallottis dhaladhu
Wallaggaafi jimmaa
Dhabnikee dhabakoo
Dhimmikee naaf dhimma
Harargees yoo taate
Arsii yookaan Baalee
An wol hin caalchisu
Gandaaf gooxii laalee
Booranaa fi Gujii
Matakkaliif Shawaa
Anaafis qoricha
Wanti-isiniif dawaa
Faffaca'uun fafa
Addaan wal dhiluuni
Anaaf biyya kooti
Beddelleef Iluuni...
Kutaan adda baanee
Hin dhandhamnu eelaa
Dheebuunkee kan kooti
Beelli kee naaf beela
Bahaaf lixa-n jennu
Kaaba yookaan kibba
Wol jaalanna sabaa
Haa jibbinu jibba!......
Na gahee sin hanqatu
Cabnu woliin okkolla
Gufannus walumaani
Ceenus waliin offolla!..
Ija bitaaf mirgaa
Hin laallu addatti
Hin galinaa sabaa
Hin gallu gandatti!
Tokkummaan Oromummaa
Irbuu goota kumaati
Galfata hin nyaatinaa
Dhaamsa kiyya dhumaati!
✨。\|/。🌷
@Walaloo_Jaalalaa24
@Walaloo_Jaalalaa24
💔。/|\。⏺
#share
#join
Nuti qaama tokko
Miilaa hanga mormaa
Addaan facaatanii
Hin ta'inaa orma!
Wallottis dhaladhu
Wallaggaafi jimmaa
Dhabnikee dhabakoo
Dhimmikee naaf dhimma
Harargees yoo taate
Arsii yookaan Baalee
An wol hin caalchisu
Gandaaf gooxii laalee
Booranaa fi Gujii
Matakkaliif Shawaa
Anaafis qoricha
Wanti-isiniif dawaa
Faffaca'uun fafa
Addaan wal dhiluuni
Anaaf biyya kooti
Beddelleef Iluuni...
Kutaan adda baanee
Hin dhandhamnu eelaa
Dheebuunkee kan kooti
Beelli kee naaf beela
Bahaaf lixa-n jennu
Kaaba yookaan kibba
Wol jaalanna sabaa
Haa jibbinu jibba!......
Na gahee sin hanqatu
Cabnu woliin okkolla
Gufannus walumaani
Ceenus waliin offolla!..
Ija bitaaf mirgaa
Hin laallu addatti
Hin galinaa sabaa
Hin gallu gandatti!
Tokkummaan Oromummaa
Irbuu goota kumaati
Galfata hin nyaatinaa
Dhaamsa kiyya dhumaati!
✨。\|/。🌷
@Walaloo_Jaalalaa24
@Walaloo_Jaalalaa24
💔。/|\。⏺
#share
#join