Hunduu ni jijjiirama!🔵
Hiriyaan yeroo hammaa
Yoo ta'es inni qaataa
Yeroodhaaf afaan dammaa
Lafaa fuudhee sibaataa
Utuukkam sijaallatee
Firrat eegdu garaattii
Gaafa rakkoo laallatee
Sidagata karaattii
Hundinuu yeroo dhumaaf
Akka shiinii sidhiqaa
Siwaliin dibbee tumaa
Haala laalee miliqaa
Qabeenyaan si madaalee
Siguddisa akka arbaa
Dhibnaan garuu takaalee
Kuffisee sirra darbaa
Firri aanteef dhiignikee
Hiriyaan kees sidheessuu
Hin galuufi hiiknikee
Yeroof sitti fakkeessuu
Kanati dhagaa seetu
Hin ga'u hamma baalaa
Hin fedhu nagaa keetuu
Afaaniin damma caalaa
Hundas mitii yakoodee
Of duraa gadda kaasii
Hin dhabuu namni qoode
Gingilchii adda baasii
Hin jedhiniin maaf turaa
Kan sittin yaanne shiraa
Kan akkuma gaaf duraa
Citee sittafut jiraa
Namaan cabus dirrikee
Kan waammattu tooftaadhaa
Hiriyaaniif firri kee
Hinni dhugaan gooftaadhaa
Kan godoonsaan diigamne
Hin qabnes summii bofaa
Kan buleen jijjiiramne
Tokkicha rabbii qofaa
✨。\|/。🌷
@Walaloo_Jaalalaa24
@Walaloo_Jaalalaa24
💔。/|\。⏺
#share
#join
👍 ❤️ 💬 ♂️
ˡⁱᵏᵉ ʳᵉᵃᶜᵗ ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ ˢʰᵃʳᵉ
Hiriyaan yeroo hammaa
Yoo ta'es inni qaataa
Yeroodhaaf afaan dammaa
Lafaa fuudhee sibaataa
Utuukkam sijaallatee
Firrat eegdu garaattii
Gaafa rakkoo laallatee
Sidagata karaattii
Hundinuu yeroo dhumaaf
Akka shiinii sidhiqaa
Siwaliin dibbee tumaa
Haala laalee miliqaa
Qabeenyaan si madaalee
Siguddisa akka arbaa
Dhibnaan garuu takaalee
Kuffisee sirra darbaa
Firri aanteef dhiignikee
Hiriyaan kees sidheessuu
Hin galuufi hiiknikee
Yeroof sitti fakkeessuu
Kanati dhagaa seetu
Hin ga'u hamma baalaa
Hin fedhu nagaa keetuu
Afaaniin damma caalaa
Hundas mitii yakoodee
Of duraa gadda kaasii
Hin dhabuu namni qoode
Gingilchii adda baasii
Hin jedhiniin maaf turaa
Kan sittin yaanne shiraa
Kan akkuma gaaf duraa
Citee sittafut jiraa
Namaan cabus dirrikee
Kan waammattu tooftaadhaa
Hiriyaaniif firri kee
Hinni dhugaan gooftaadhaa
Kan godoonsaan diigamne
Hin qabnes summii bofaa
Kan buleen jijjiiramne
Tokkicha rabbii qofaa
✨。\|/。🌷
@Walaloo_Jaalalaa24
@Walaloo_Jaalalaa24
💔。/|\。⏺
#share
#join
👍 ❤️ 💬 ♂️
ˡⁱᵏᵉ ʳᵉᵃᶜᵗ ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ ˢʰᵃʳᵉ