Anis nan boqodha! 🤝
Akkam jirta jedhee
Nagaa sigaafachuuf
Anoo akkan qabuu
Hojiin koo siyaaduu
Si arguuf araaduu
qofa akka ta'e
hunduu quba qabu
Ati garuu beektaa
Rakkoo kee isa kalee
Hubatteettaa laata
Sijaallee maraachuuf
Qarqara gahuukoo
Mee maaloo maal jettaa
Guyyuma jalqabaa
Gaafan si arge san
Keessi koo dhibamee
Midhaan bishaan miti
Haasaa namaattiyyuu
Qaatan nagaa dhaame
Yeroon karaa deemu
Namnin ani argu
Hunduu si fakkaata
Yeroon gara manaa galus
Girgiddaa mana koo
Bifuma kee baata
Yoon achi ilaalu
Yoon asis ilaalu
Suuruma keen arkaa
Yoon hirriba rafus
Na dursitee kortee
Hirriba na dhorkaa
Boqonnaa dhoowwitee
Lapheekoo rarraastee
Maal argattaa egaa
Maali yoo garaa laaffatte
Miidhamuun koo kunii
Maal bu'aa sii qabaa
Maalii yoo na dhiifte
Sinjaaladhuu anii
Sin barbaadu jettee
Yoo garaa na kutte
Maaf natti taphatta
Maaf na maraachita
Kun cubbuu guddaadhaa
Dawaa dhukkuba koof
Falasaa barbaadi
Anis nan boqodhaa!
✨。\|/。🌷
@Walaloo_Jaalalaa24
@Walaloo_Jaalalaa24
💔。/|\。⏺
#share
#join
Akkam jirta jedhee
Nagaa sigaafachuuf
Anoo akkan qabuu
Hojiin koo siyaaduu
Si arguuf araaduu
qofa akka ta'e
hunduu quba qabu
Ati garuu beektaa
Rakkoo kee isa kalee
Hubatteettaa laata
Sijaallee maraachuuf
Qarqara gahuukoo
Mee maaloo maal jettaa
Guyyuma jalqabaa
Gaafan si arge san
Keessi koo dhibamee
Midhaan bishaan miti
Haasaa namaattiyyuu
Qaatan nagaa dhaame
Yeroon karaa deemu
Namnin ani argu
Hunduu si fakkaata
Yeroon gara manaa galus
Girgiddaa mana koo
Bifuma kee baata
Yoon achi ilaalu
Yoon asis ilaalu
Suuruma keen arkaa
Yoon hirriba rafus
Na dursitee kortee
Hirriba na dhorkaa
Boqonnaa dhoowwitee
Lapheekoo rarraastee
Maal argattaa egaa
Maali yoo garaa laaffatte
Miidhamuun koo kunii
Maal bu'aa sii qabaa
Maalii yoo na dhiifte
Sinjaaladhuu anii
Sin barbaadu jettee
Yoo garaa na kutte
Maaf natti taphatta
Maaf na maraachita
Kun cubbuu guddaadhaa
Dawaa dhukkuba koof
Falasaa barbaadi
Anis nan boqodhaa!
✨。\|/。🌷
@Walaloo_Jaalalaa24
@Walaloo_Jaalalaa24
💔。/|\。⏺
#share
#join