Aara Galfii Official


Гео и язык канала: Эфиопия, Английский
Категория: Книги


Barnootaafi tajaajiloota garaa garaa hedduu fuula kanaan isin qaqqaba.
✍️ Contact: @koriyad

Связанные каналы  |  Похожие каналы

Гео и язык канала
Эфиопия, Английский
Категория
Книги
Статистика
Фильтр публикаций








#Abdii_fi_ilma_namaa!!
Kennaan dinqisiisaan ilma namaaf kenname abdiidha.
Abdii keessa guyyaa boriitu jira
Abdii keessa jabinaafi jireenyatu jira.
Abdii keessa amantiifi ifatu jira.
Abdii keessa jaalalaafi humnatu jira
Abdii keessa qoramuufi injifachuutu jira.
Maarree kennaan ilma namaa abdiidha
@aaragalfii_official
@koriyad


👉 Hojii Airdrop guyyaa guyyaadhaan Tether dollar 0.25$ Isin argachiisuu fi affeerraa namoota 10tiin 1$ isiniif kennu kana ammuma eegala.

Guyyaa 4f affeerraa Nama tokkootiin carraa Dolara 50$ isiniif kenna
https://t.me/TronKeeperBot/app?startapp=1905154360
🎁 Join TronKeeper for a secure Tron wallet experience and start earning rewards! 💰


👉 Jireenya kee keessatti waantota 2tu si ibsa.
a) Obsa kee kan yeroo homaa hin qabnee,
b) Ilaalcha kee kan yeroo waan hunda qabduuti.
👉 Ati namoota hamaa sirratti yaadan gidduu yommuu jiraattutti obsa hin qabdu yoo ta'e ati namoota hamaa godhan sana wajjin wal hin caaltu.
👉Waaqayyo karaa amantii keetii si argee sitti siqa.
👉 Akkuma qabeenya argachaa adeemtuun,
a) Kennuun kee hir'achaa deema,
b) Dheebuun kee dabalaa deema,
c) Gammachuun kee xiqqaachaa deema.
Garuu garaa qajeelaa yoo qabaatte inuma qabaatta.
@Korsa_Yadesa_Official
@koriyad


Dhugaawwan addunyaa kanaa!!
👉Hiyyeessi gatii baasu waan hin qabneef jireenya nuffa, dureessi immoo jireenya isaa oolfachuuf jecha miliyoonotaan baasa.

👉Hiyyeessi firaaf hiriyaa dhugaa hin qabu.

👉Addunyaa kana namni dhugaan namaaf jiru yoo jiraate haadha qofa!

👉Namoonni yaada gaarii irra fuula (bifa gaarii) jaallatu.

👉Namoonni nama qarshii qabu yeroo kabajan maallaqa namichaa malee namicha jaallachuu isaanii miti.

👉Waan garaa kee argachuu gufuuwwan karaa kee irra tuulaman hundumaa qulqulleessuu qabda.

👉Namoonni waan hamaa godhan fuulduree ifu hin qaban,....

👉Dhugaan salphaa fakkaata, garuu yeroo ibsuuf yaalanitti cimina nama rakkisu qaba

@Korsa_Yadesa_Official
@koriyad
#John_us


👉Namoonni Waaqayyo biraa deebi'an qajeelota ari'achuutti deebi'u.
👉Yeroo eliyaas lola jalqabe utuu Waaqayyo isa jalaa calliseera ta'ee........dubbiin silaa gaarii hin ta'u.😁

👉Waaqayyo yeroo siwajjin loluu jalqabu arraba kee irra jecha siif kaa'a.

👉Waaqayyo wajjin adeemta taanaan humni ati ittiin mo'attu sun Waaqayyo mataa isaati..(humnichi humna keeti).

👉 Warra si dadhabsiisan wajjin oolta taanaan humna guddaa si keessa jiru dagatteetu galma milkaa'ina kee of hankaakta.

👉 Namiinni si wajjin jiraatu malee si ta'uu hin danda'an. Wajjin ooltee bultu iyyuu yeroon wal biraa hambisa.

👉 Humna ati iyyuu amanuu hin dandeenye, humni amansiisaan si keessa akka jiru ati amani.
@Korsa_Yadesa_Official
@koriyad




👉Kan Waaqayyo gatiikee guddaa godhe,
Atis gatiinkee guddaa akka ta'e kan hubatte, namni biraan humnaaf karaa isa kamiin..
a) Gatiikee ofiif sii tilmaama?
b) Akkamitti hamilee si buusa?
c) Akkamitti dirree abdiikee keessaa si ari'ata?
Yoo ati akka isaan siin jedhan taate malee!!
👉 Isaan sin beekani, garuu si beekna siin jedhu si beekna waan jedhaniif immoo si baruus hin danda'ani.
👉 Gaafa ati isaan gidduudhaa humnaan jijjiiramuu keerraan kan ka'e wallaalchifattu,
1ffaa, Abdii kutannaa malee abdii si kutachiisuuf dhama'u.
2ffaa, Waanta hamaadhaan maqaakee, hojiikee hammeessu.
3ffaa, Lubbuudhumaan akkati naannoo isaanii hin jiraanne barbaadu.
👉Ati garuu yoom iyyuu...
* Ati nama hojii ta'i.
* Kaayyoo keetti cimi.
* Sagantaa qabaadhu.
* Yoom iyyuu haa ta'u, eenyu irratti hamaa hin yaadiin.
* Garaa qulqulluu qabaadhu.
* Waaqayyo keetti gammadi, jireenya kadhannaa qabaadhu, isa galateeffadhus.


Heeyyama yoo Kenniteef Ayyaanni jira!

(ፍቃድ ካለ ጸጋ አለው 😢)

👉 Siif dadhabameeraa? Hamileen si bu'eeraa? Ofii kee irratti abdii kuttee jirtaa? Akkas taanaan mee waan kana sitti nan hima! "Ayyaanni Waaqayyoo jireenya kee irratti hojjechuu kan jalqabu gaafa ati ofii keetiin eessayyuu gahuu akka hin dandeenye amantedha." Jabaadhu yaa obbolee! Ofii kee irratti abdii hin kutatin! Abbaan kee sitti dhihoo jira, waan baroota dura waa'ee kee siif arge biraan si gahuuf, si gargaaruuf. Obbolee koo waan inni dubbii isaatiin sitti hime sana siif eega, Ati heeyyama yoo kenniteef ayyaanni jira. 🙏 💯

@Getu_Official 👍
@christian_media24 ❤️

@Korsa_Yadesa_Official


Enjoy our content? Advertise on this channel and reach a highly engaged audience! 👉🏻

It's easy with Telega.io. As the leading platform for native ads and integrations on Telegram, it provides user-friendly and efficient tools for quick and automated ad launches.

⚡️ Place your ad here in three simple steps:

1 Sign up

2 Top up the balance in a convenient way

3 Create your advertising post

If your ad aligns with our content, we’ll gladly publish it.

Start your promotion journey now!


😎Nama waan ta'uu qabu ta'uu danda'u akka taatetti of ilaali.

👍Kan si bukkee jiraatee sin fayyadne,si biraa fagaateess sin miidhu.

👉Abdii hin kutatin dukkana guddaa keessa ifa xiqqon darbuu dandeessa.

😏Hin dagatin namoonni gocha gaarii baay'ee ati goote irra dogongora kee tokkittii yaadatu.

👍Yaaltee dadhabuun kufaatii miti, kufaatiin yaaluu dadhabuudha.

🤔 Diinni yoo si waraane qaama kee si madeessa,
Hiriyyaan sobaa garuu sammuu kee si madeessa.

😞Hiyyeessi yakka namaatti kan adabamaa oolu haqa dhabee osoo hin taane harkaa dhabeeti.

@Burqaa43


Dhaamsa koo👇👇
Obboleettii koo ♡
Dhumarratti Dhiira tokkotti heerumta,
Dhiira hedduutti garaa kee hin agarsiisin,
Dhiira hedduu wajjin oduu hin baay'isin.

Ati Kabajamtuudha
Kabaja kee Eeggadhu!
@Burqaa43


Bakka samiin hin jirre
Jira jettee hin yaadiin
Samiin iddoo hunda Jira
Nama qalbiin si bira hin jirre
Fira jettee hin yaadiin
Kan afaaniin Firaa gabaa jira

@Burqaajaalalaa


Utuu Iji Afaan qabaatee dubbatee
Afaan waan dubbatu dhaba ture
😍

@Burqaajaalalaa


Yoo dandeesse barrisi yoo barrisuu dadhabde fiigi! Yoo fiiguu dadhabde daddafii deemi! Yoo daddaftee deemuu dadhabde tiradhu! Yoo tirachuu dadhabde daa'imi! Yoo daa'imuu dadhabde foqoqi! Akkam yoo ta'ellee
socho'uu hin dhaabiin!

🇯‌‌🇴‌‌🇮‌‌🇳‌_‌🇺‌‌🇸👉@Burqaajaalalaa


Join Channel 👉 @Burqaajaalalaa
Gatiittiin hin qabneen,
Waanjoo narra kaa'un:
Baadhee akkan eeluufi;
Eelee akkan kufuufi;
Kufee akkan cabuufi;
Cabee akkan afuufi.
Kunoo akka kanaan,
Erga gaafa sanaa..
Ba'aa baachuu baree
Ba'aadhaan wal baree
Gatiittiin gabbatee
Saggoon naaf bal'atee
Deemsi ba'aa malee,
Ba'aa natti taate.
* * *
Abraham Tesfaye
@Burqaa43


#Beektaa?
Gaafa kolfakeetii
Firri akka heddummaatu
Gaafa gadda keetii
Firri hedduun akka badu!
...
Lafa dhabakeetti akka dagatamtu
Lafa cabakeetti tasa akka gatamtu.
...
Qaawwakee bal'isee aantiin akka banu
Hiriyaan abdatte duuba akka si ganu,

Beektaa?

Gollikee daguugamee
Gaafa qullaa ta'u
Tollikee haguugamee
Gaafa badii ta'u

Beektaa?
Dogongora lammiikeen kuftee akka cabdu
Gaaf of harkaa dhabdu akka firas dhabdu.

#Beektaa?
@Burqaajaalalaa


Balbalichi banaadha
Namni kamiyyuu gara jireenya keenyaatti galuu akka danda'u ba'uus hin danda'a
Gaafa dhufu baga nagaan dhuftee
Gaafa deemu nagaan dhaqi jennee geggeesina malee akka inni deemee debi'uun balbalicha banaa cufaa hin jiraannu
@Burqaa43

Показано 20 последних публикаций.