Oduu: Abdirahmaan Mohaammad Abdullaahi filannoo pirezidantummaa #Somaalilaand mo’atan
Filannoo pirezidantummaa Somaalilaand guyyoota muraasa dura gaggeeffameen kaadhimamaan paartii mormituu ‘Waddaanii’ jedhamu kan ta’an Abdirahmaan Mohaammad Abdullaahi injifachuu Komishinii Filannoo Somaalilaand beeksise.
Paartii Kulmiyyee bakka bu’uun kan dorgoman Pireezidaantiin Somaalilaand ammaa Musee Bihii Abdii filannoo kana irratti hin milkoofne.
Jalqabumaa kaasee filannoo kana irratti morkataa jabaa tahuu akka danda’an tilmaamamaa kan turan Abdirahmaan Mohaammad Abdullaahi ykn maqaa “Iroo” jedhuun beekaman, filannicha caalmaa olaanaan injifatan.
Akkaataa bu’aa sagalee ifoomeen kaadhimamaan paartii “Waddaanii” Abdirahmaan Mohaammad Abdullaahi sagalee 63% ol argachuun injifatan. Morkataa isaanii kaadhimamaa Paartii “Kulmiyee” Musee Bihii ammoo sagalee kenname 34.81% argachuu gabaafameera.
@hiikaayaadaa