Tit. 2
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
¹² Ayyaanni Waaqayyoo kunis, nuyi Waaqayyo malee jiraachuu, kajeellaa biyya lafaa isa hamaas gannee, bara kana keessa of qabuutti, qajeelinatti, namoota Waaqayyoo taanee akka jiraannuu gorsee, gara gaariiitti nu deebisa.
¹³ Achumaan abdii keenya isa eebbifamaa fi ulfina isa deebi'ee mul'atu sanaa in eegganna. Inni mul'achuuf jiru sunis Yesus Kristos; inni Waaqayyo keenya isa guddicha, fayyisaa keenyas.
¹⁴ Inni seera irra daddarbuu hundumaa jalaa nu furuudhaaf, saba fo'amaa warra hojii gaariitiif hinaafan ofii isaatiif qulleessuudhaaf, ofii isaa nuuf kenne.
¹⁵ Yeroo gorsa kennitu, yeroo balleessaa namatti mul'iftus yaada muramaadhaan kana dubbadhu; namni tokko illee si hin tuffatin!