Ati Gaafa Iddoo Kee Malee Dhaabatu Rakaste!!!
=============/=============
⌚⌚⌚⌚⌚
Manguddoo tokkotu dulloomee fiixee du'aarra yoo gahu ilma isaa ofiiti waamee, "yaa ilmakoo sa'aatii harkaa kana abbaa kootu naaf kenne isaaf ammoo abbaa isaatu laateefii
ture amma sa'aatiin kun gara waggaa dhibba lamaa darbeera anis ilman qabuufii waan gati jabeessa dhaalchisu si waan ta'eef siifan laadha. Garuu, dursa deemiitii manneen daldalaarra naanna'ii hangamiin akka sirraa bitan
gaafadhu" jedheen. Mucichis suuqii garaa garaa irra naanna'ee gaafachuu eegale. Daldaltoonnis 'sa'aatiin kun moofaadha, sanumaayyuu ammoo
ligidii qaba qarshii shan caalaadhaan yoo binne nuuf hin baasu' jedhaniini.
Daldaltoota jijiree biyyaa biyyatti deemee yoo gaafatus kan gadi hir'isu malee nama ol kaasuuf dhabe. Sana booda deebi'ee abbaa isaatiin
"Abbaakoo daldaltoota hedduu suuqii qaban gaafadhee qarshii shanii oliin hin binnu jedhaniiru "jedheeni. Abbaanis "amma immoo gara god-hambaa yookan muuziyeemii biyyoolessaa dhaqitii gaafadhu" jedheen.
Mucichis gaafa hoggantoota muuziyeemii biyyoolessaa dhaqee gaafatu qarshii miiliyoona lamaan sirraa binna jedhaniin, mucichis gammadaa gara abbaa isaatti deebi'ee, "abbaakoo kunoo reefan bakka ta'u deeme, isaan qarshii miliyoona lamaan sirraa binnaa fidi" naan jedhan jedhee itti hime,
➽, Abbaan isaa manguddoon beekaan kunis"Egaa argitee bakka siinmadaalle yoo dhaabbatte gatiikee gadi cabsa, si salphisa; bakka si madaalu yoo oolte garuu eebba qaba ulfina siif kenna. Kanaafuu Yoo namni si cabse si salphise hin rifatin, waan sin beekneefi. ati bakka simadaaluufi nama barbaachisummaa kee beeku biratti niikabajamta" jedhee gorse
Ati gaafa iddoo kee malee dhaabbattu rakasta malee rakasa miti.