Репост из: Gaa'ela 𓆩♡𓆪 Marriage
💖 Jaalalli firii hafuuraa keessaa tokko waan ta'eef Nama jaalachuun firii hafuuraati. Wantoota Macaafni Qulqulluun keenya cimsee ibsu keessaa tokko abbaan manaa haadha manaa isaa akka ofii isaatti jaallachuu qaba. Abbaan manaa akkuma of jaallatu haadha manaa isaa jaallachuu qaba. Utuu homaa hin dhiisin jaallachuu fi kunuunsuu qaba. Haati manaa kennaa gati jabeessa Waaqayyo kennudha. Jaalalli, gochaan mul'atu abbaa manaa fi haadha manaa gidduutti barbaachisaa dha. Jaalalaan haalduree tokko malee haadha manaa kee irraa waan barbaadde ni argatta. Haadha manaa kee galateeffadhu... siif adda ta'uu ishee itti himi.... Jecha "sin jaalladha" jedhu fayyadamuu hin dagatin!..... Haadha manaa koo, baay'ee sin jaaladha.... 💓💗💖💕
👇👇👇
@Gaaela_Gaarii
@Marriage_Counseling
👇👇👇
@Gaaela_Gaarii
@Marriage_Counseling