MICHUU📚


Гео и язык канала: Эфиопия, Английский
Категория: Блоги


Ni qoosna Ni taphanna Nama hin tuqnu siyaasa hin laaqnu amantiitti hin buunu! Maaltu nu dhiphise silaa 1000 hin jiraannu🥰
Yaadaaf👇👇
@michuu_fayisaa
Chaanaalaaf👇
✍️ @Michuu_ko

Связанные каналы  |  Похожие каналы

Гео и язык канала
Эфиопия, Английский
Категория
Блоги
Статистика
Фильтр публикаций


"Ajaa'iba rabbii tafkiin ija qabdi!" Jedhe namichi. Carraa dinqii wayiitu dhufe. Carraan sun immoo barattoota bara baratanitti qabxii gaarii galmeessaa turaniif dhufe. Innis akkas ture barataan Ethiopia tokko qabxii daanga'ee ol kan qabu yoo taheef qabxii bara baratu hojjete deemee gara Qarshiitti zarazzarata. Mootummoota dhaabbata biyyooota gamtoomaniitu(UN) Ethiopia'f murtoo ajaa'iba dabarse. Qarshii tiriiliyoona Hedduun tilmaamu lammii Ethiopia' barateef arjoomuudha.

Keessumaa qabxiin university immoo widdiidha. A'n tokkoon Ishee birrii Ethiopia'tti qarshii 5000tti tilmaama. Yeroon isaa murtaa'aadha. Jaarsaa Fi jaartiin,barataa Fi barsiisaan document ' isaanii gaggalabaxaa jiru. Kaan gammachuun of wallaaleera. Kaan immoo taa'ee miira Gaabbiin hidhii xuuxa. Warri hin baranne immoo of jibbaa jiru. Mootummaa biyyattiitu gad bahee Ibsa kennaa jira. Namni hunduu Kaan YouTube 'n Kaan ammoo TV 'n ija babbaasee hordofa.

Waan nama dhibummoo barattoota waancaa Fi meedaliyaan 🏅 eebbifamaniif kennaa addaatu jira. Waan dinqiidha! Beektota biyya alaatu raajiidha jechaa jira. Mata dureen miidiyaa Qabxiif qarshii' kan jedhu qofa taate.

Anis hammuman baradhe kanatti waanan qabun yaaduu eegale. Nan ida'e,Nan hir'ise Nan baayyise,Nan hire. Document ko gadan baase homaa hin jettu na jiraachisti. Maaloo osoon yoona eebbifameera tahe jedheen hawwe. Isan Dur "maalumaafan yerooko asitti gubaa jiraa an?" Jedhee abdii kutu har'a akka seenaattan yaadachuu eegale. Hin qoosiina A Shan argannaan salphaa miti. Calculator baaseen kutaa 8 hanga 12tti walitti ida'e. Isheen Yuunivarsiitiittu waggaa 3 baradhen itti dabale. Nan karoorse.Amanuun dadhabe. Nan maraqqane haa tahu Nan dhiphadhe haa tahu naaf hin galle garuu miira kootu na oofaa jira. Hiriyoota Koo duriittan bilbila. Isaanis walitti qabachaa Akka jiran natti Himani. Kaan ammoo "Eessaa funna nuti qoosaa turreewoo"jedhanii miira abdii kutannaa dubbatu. Ijoolleen kutaa isaanii irraa sadarkaa Fi qabxii gaarii qaban maxxanfamuu eegalani. Keessumaa barattoonni Yuunivarsiitii Fi highschool adda dureen warra barbaadamanidha. Biyyaatu bayya dinqii tahe. Warra document irraa abdii kutetu Abdii horate. Ilmoo namaatu afuura baafate. Ilma hiyyeessaa Isa qabeenya dhabee gatametu beenyefamuuf jedha.

Bilbila haaraatu naaf bilbilame.Biiroo barnootaa godina keenyaa irraati. Nagaa na gaafatee dhimmaaf akkan barbaadamu naaf hime document hundas qabadhee akkan dhiyaadhus naaf himee silkiisaa cufate. Anis akkuma silkiin cufameen Yeeeessss!" Yoon jedhu Sagalee naasisaa wayiitu hirribaa naasisee na kaase. Anatu abjuun sagalee olkaasee haasofnaan mucaa nabira rafutu kolfee na dammaqse😭

Shiiiiiit😭 osoooman abjuun illee qarshiiko fudhadhee jiraadhe.

Silaa biyya kanatti abjuuman illee kaayyoo keenya garatti milkeessinu dhabne.

Mee nagaan oolaa!


Oromoo konkolaataa,mana , maallaqa jedhee sin rakkisuum Ani pls like qofa tuqii darbikaa


Elaamee Qayyoo...

Jechake tokkottii
Kudhanitti qoodee
Oolmaa kees dagadhe
Didee yoon si oode

Walarguun qoftiyyuu
Gammachuu kan malte
Har'a wal arguunis
Dubbii yoo nu dhalte

Kabaja si dhorkee
An deemnaan bitake
An salphoo namaati
Barbaadi Gita ke!

Jaarsummaas hin ergiin
Garaa kees kutadhu
Osoo yeroon jiruu
Miila ke butadhu!

Harmee ke siif da'ee
Abbaa ke siif dhalchee?
Ergan sin kabajnee
Maaltu itti si galche?

✅ Michuudha


Dhengadda kana Akka nama siinerii tokkoottaan taa'ee fresh gibbii keessaa taajjaba ture. Innaa police kaaffeetu asiif achi Ijoollee fresh kana hunkura. "As hiriiri achii deemii!"jedhee isaan arii'a. Fresh'n tokko keessaa akkas jedhe "Elaa Teacher,Ani seeraan hiriireera."jedha.

Anis beekumsa durii Fi ammaa , kitaabota namoonni gurguddoon dhimma kana irratti barreessan walitti fideen taa'ee qaaccessuu,xiinxaluu eegale. Akka yaada Remidial kanaatti waanti namatti dheekkamuu Fi Akka hiriira keenya eegnu nu qajeelchu barsiisaa qofa.😁Maalan sin sobaa miti anumtuu yeroon gibbii seene milishaan Akka ammaa kana waan hin baay'anneef kan nama reebuu Fi namatti dheekkamu hunduu barsiisaa natti fakkata ture. Egaa nuti sirna barnootaa Abbaa Fi abaabiileen keenya itti barataan keessa barnanne qubaa qabaadhaa😁

Egaa bara ammayyaa kana keessa mucaan Kun akkamitti police Fi barsiisaa adda baafachuu dadhabe kan jedhus sammuutti na dhufe😁. Maalif immoo "Elaa Milishaa..." Hin jenne jedheen yaade. Erga police Fi barsiisaa addaan baafachuun itti cimee ,Biraanuu Naggaa Fi Biraanuu Juulaa hoo adda baafachuun hangam itti cima laata kan jedhus sammuuko keessa xib' jedhe.😁

Mee innoo haa tahuuti. Isin rimidiyaalonni obboloonni keenya warri Ani jaalladhu sun,tokkoffaa barsiisaa Fi police gibbii adda baafadhaa isin fayyada. Lammaffaa Library' keessatti sagalee keessan gadi qabaati dubbisaa nun jeeqiinaa! Sadaffaa immoo bishaan guurtanii labrary' hin seeninaa baqqaa ! Walgahii Wayii waan deemaa jirtan seetanii moo waa afaan kaawwattanii dubbistu Labrary' keessattis😁 Behinnatachuu muuddii nujalaa hin balleessiinaakaa!

Isinan jaalladha isin qaxaleewwani!


Namni miindaa mana kiraa ji'a tokkoo kaffalachuuf akkamitti waggaa 16 ol walitti aansee barata? Of gaaffattanii beektuu? Innuu dhabamaa Isa jiruuwoo🙄

Wayinee balaachoo😔😔😔


Gorsa siineriin isiin kennus qabadhaaga.

Bro yeroo dubbistu yoo siif galuu dide maal Akka gootun si gorsa na hordofi.

Jalqaba waan ati dubbisaa jirtu sun siif galuu dhabuusaa check gochuu qabda.
2ffaa irratti suuta jettee bakka jirtuu kaatee gara suuqii deemta. Achiis Ancaqqee (mastiikaa) banana jedhamu qarshii 10 kiisii kessaa baastee bitattee gara dubbisa keetti deebita.
3ffaa irratti Ancaqqee sana qola irraa baastee afaan kawwatta.
4ffaa irratti akkuma dubbisa ke eegalteen harka bitaan rifeensa mataa Kee foowuu ykn maruu eegalta.
Step kana hordofuu qabda.Dubbisni siif galuun kanuma! Dubbistee yoo siif galuu dides Akka itti namaaf galu beekuun iyyuu waan tokko!

Nagaan oolaa Mee!


Yaaddannii beektuu?

Ilaalcha fayyaalessaan faayyamanii jiraachuu,garaa qulqulluu Fi qajeelaan nama waliin nagaan buluu. Sammuu Fi qalbii tasgabbaa'aan jireenya ofii gaggeessuu, garbummaa sobaa Fi fafakkeessuu jalaa bilisummaan jiraachuu! Yaaddannii beektuu 'confidence ' guutuun olii gad socho'uu,maatii jaalalaan Wal dheebotu gidduu jiraachuu,dhabdes argattees quuftes beeloftes sammuu ofitti amanamummaa sitti lallabu qabaachuu, Hiriyaa dhugaa jaallallee Akka garaa ofii waliin garaa irraa kolfuu,qe'ee safuu Fi safeeffannaa qabu keessaa dhalachuu ......

Yaaddannii beektuu??



"Kan firaaf eeleen dhaabne, Ormaaf eegee dhaabdi!"jedhani.


Maaloo adaraa"Michuukoo,lubbuukoo" jettanii nama biratti Nan waamiinaa biyyaa maatiin bilbilaanii natti dheekamaa jiru 🙄


Ijoollee keenya keessaa namuma Cuuqqoo Fi qocqocaa harkatti qabatee na dubbisee deebi'un dhabekaa dhiiro!

Warri Kaan xiyyaaraan misaa nyaatanii deebi'u. Kaan ammoo maatiitu ganamaan dhufee laaqana afeeree deebi'a.

Ani sinin mararuuyi qooyi 🙄


"Mootiiko siin barataa Yuunivarsiitii jaallachuu koof sittan boonaam ani!"jette intala kutaa 7 barattu tokkotu yeroo wayii 😁😁

Duuti Abbaa ofii bultee qoosaa taati jedhani🙄


✅Jaalala Abbaa🥰🥰🥰🥰


Kuma keessaa Kuma
Dhibba keessaas dhibba
Dhugaa waaqa lafaa
Ani ofuman jibba!

Namummaakoon haala
Jiruu koon hadheessa
Nama biraa taheen
Deebi'ee of dheessa!

Amman of yaaduurra
Diinatu naaf yaada
Anatu ofiiko
Balleessuu barbaada!

Ormatu natti aana
An ofiif bineensa
Haraamuu taheetan
Man-gumaa of geessa!

An diina kooti!


Si taajjabaam
Waaqaaf laftuu
Dhiisi lakki
Sitti haa haftu!

Deemuuf taanaan
Daandiin dheeraa
Dursee garuu
Si kadheera!

Hin muramne
Maaliif dhiigda
Lakki deemuuf
Maalif fiigdaa?

Lakki lakki lakki🥰🥰


Daa'ima tahuun Gaariidha Garuu ilaalchaa Fi amalaan tahuu hin qabu!


"I wish I will a robot. No feeling, No sadness,no pain!"


Yaadannoo durii sana!


REMIDIAL'N Gibbii dhufuuf qophiirra jirtan Nagumakaa🥰
Egaa Library'n nutti dhiphachuusheeti jechuudha mitiiree?😁

English Adviced book,Maths and physics extreme book kana qabaatanii nu fuuldura teessu mitiiree 🙄 Isa info naaf qoodimee Jettanii labrary'tti dubbisa nu dhorkitan tokkos fiddanii dhuftukaa?


Bassoo Fi qocqocaa kanas dagattannii Akka hin dhufnemee! Yoo dandeessan immoo waa harkatti qabadhaa naaf koottaakaa!

Isin qaxalee dha! Dhugaa Hedduun isin dinqisiifadha! Nagaan koottaa! Karaa gaarii!

#Madda_Walabu_university_Remidial_students_2017


Barnoonni,kalaqnii fi dalagaan sammuun malee arrabbaan hin hojjetamu! Osoo waan arrabaan hojjetamu tahemmoo xiinxaltoota keenya warra mana bunaa Fi mana xajjii oolantu Miiliyeenara ta'a ture. Garuu dubbiin dubbii sammuuti!

Isin callisaati dubbisaa bira darbaa! Dhukkubsataan qorichasaa hin wallaaluuti asii fuudhee haa liqimsu!

Nagaan bulaa!


Yaa waaqakoo! Maaloo guyyaan jireenya ko keessatti galmalee gammadu naaf fidi. Waan fedhakee naaf haa tahu!

✅Done

Показано 20 последних публикаций.