Sagalee wal irraa hin cinneen yeroo isheen iyyitu, ani naasuudhaaf lafaa ka'uun dadhabe. Abbaan suutumee bakka ciisu ka'ee maalinji maal taate intalaa jecha balbala isa gidduu banate. shugguxxii isaa uffata jala qabatee harka tokkoon immoo baatirii ibsatee as ba'e. Shuguxxii quba keessa galfatee of fuuldura qabachuudhaan miira dhiphuu keessa gale. Ani guutummaa ija koo utuu hin mullisiin uffata xiqqoo of irraa saaqee ilaala waanan jiruuf achumaan du'aaf harka laadheen ciise, waaqayyo maaliif as na fidde harra, yoo na ajjeesuuf karoora qabda ta'e akka hiriyoonni koo hunduu naaf gaddanitti moorama keessatti naaf hin wayyuu kan seenaa koo balleessitun jedhe. Kanuma gidduutti haati suutumeee utaaltee kaatee shuqquxxi sana irratti qabatte. Innis achumaan gadi deeffatee yeroo gara suutumeetti dhufu, isheen hantuutatuu quba ciniinee dhiiga irra dhangalaase malee nagaadha. Kanumaan jarri madaa sana hidhanii fi deebi'anii dhaqanii rafani. Anis akka nama rafaa jiruuttin kurruufee rafuu jalqabe. Erga xiqqoo rafnee booddee, suutumeen suuta jette bakka ani rafu dhufte. Na rurukkutte "ka'i natti qorree si biran rafa malee uffanni koo xiqqoo taate" jette. Ani immo kun matumaa ta'uu hin danda'u jedheen falmachuu jalqabe. Isheenis yoo ati na raffisuu didde immoo nan iyya waan ta'eef abbaan koo dhufee si ajjeesa nan jette. Waanan godhu gaafan dhabu. Rafi jedheen uffata koo laadheefi achi irraa gala galeen rafuu jalqabe. Ammas na waamtee as natti gala gali na hammadhu yoo kana ta'uu baate ammas nan iyya jette. Kana boodde furmaatan dhabe. Nan rakkadhe, irra deddeebite na rakkiste, ani immo maali kun ya waaqayyo, kaniin lallabee hin beekne, harruma amanamummaa lallabeen harruma qorama moo, maalif akkas na goota jedheen bo'uu jalqabe. Isheen immo utuu akka feete boosse iyyu ani si hin dhiisu harra, yoo du'uu hin barbaanne ta'e na hammadhu naan jette. Kana irratti waan irra deddeebitee na rakkisteef abban ishee yoo ka'e na ajjeesa jedheen sodaadhe. Kanaafuu boor qalbiin jijjiirradha jedheen itti gala galee haammachuuf jedhee yeroon cinaacha gala galu, sagalee guddisee na waamun dhaga'e, harkakee irraa kaasi, anadha jaalalleen kee. Ana haammadhu malee of hin xureessin naan jedhe. ,mee dammaqiitii isqeel 16:4 irraa kaasii dubbifadhu naan jedhe. Anis na'ee yeroon utaalee ka'u hoomtu ana bira hin jiru. Lakkaan abjuudha. Macaafa koo banadheen kutaa naaf kenname kana dubbifachuun jalqabe...His. 16⁴ (barreeffama kana hiriyoota koo irraan fudhadhe)
https://t.me/haadha_mana_ogeetti
https://t.me/haadha_mana_ogeetti