Nuti qaama tokko
Miilaa hanga mormaa
Addaan facaatanii
Hin ta'inaa ormaa!
Wallottis dhaladhu
Wallaggaafi jimmaa
Dhabni kee dhaba koo
Dhimmi kee naaf dhimma
Harargees yoo taate
Arsii yookaan Baalee
An wol hin caalchisu
Gandaaf gooxii laalee
Booranaafi gujii
Matakkaliif shawaa
Anaafis qoricha
Wanti-isiniif dawaa
Faffaca'uun fafa
Addaan wal dhibuuni
Anaaf biyya kooti
Beddelleef iluuni...
Kutaan adda baanee
Hin dhandhamnu eelaa
Dheebuun kee Kan kooti
Beelli kee naaf beelaa
Bahaaf lixan-jennu
Kaaba yookaan kibba
Wol jaalanna sabaa
Haa jibbinu jibbaa!......
Na gahee sin hanqatuu
Cabnu woliin okkolla
Gufannus walumaani
Ceenus woliin ofkaalla!..
Ija bitaaf mirgaa
Hin laallu addatti
Hin galinaa sabaa
Hin gallu gandatti!
Tokkummaan oromummaa
Irbuu goota kumaatii
Galfata hin nyaatinaa
Dhaamsa kiyya dhumaati.
✍️ mohmed Alii
☔️☂️☂️☂️☂️☂️☂️☂️☔️
➪@Wiirtuu_wolaloo 🦋
➪@Wiirtuu_wolaloo 🦋
☔️🦋🦋🦋🦋🦋🦋🦋☔️
Miilaa hanga mormaa
Addaan facaatanii
Hin ta'inaa ormaa!
Wallottis dhaladhu
Wallaggaafi jimmaa
Dhabni kee dhaba koo
Dhimmi kee naaf dhimma
Harargees yoo taate
Arsii yookaan Baalee
An wol hin caalchisu
Gandaaf gooxii laalee
Booranaafi gujii
Matakkaliif shawaa
Anaafis qoricha
Wanti-isiniif dawaa
Faffaca'uun fafa
Addaan wal dhibuuni
Anaaf biyya kooti
Beddelleef iluuni...
Kutaan adda baanee
Hin dhandhamnu eelaa
Dheebuun kee Kan kooti
Beelli kee naaf beelaa
Bahaaf lixan-jennu
Kaaba yookaan kibba
Wol jaalanna sabaa
Haa jibbinu jibbaa!......
Na gahee sin hanqatuu
Cabnu woliin okkolla
Gufannus walumaani
Ceenus woliin ofkaalla!..
Ija bitaaf mirgaa
Hin laallu addatti
Hin galinaa sabaa
Hin gallu gandatti!
Tokkummaan oromummaa
Irbuu goota kumaatii
Galfata hin nyaatinaa
Dhaamsa kiyya dhumaati.
✍️ mohmed Alii
☔️☂️☂️☂️☂️☂️☂️☂️☔️
➪@Wiirtuu_wolaloo 🦋
➪@Wiirtuu_wolaloo 🦋
☔️🦋🦋🦋🦋🦋🦋🦋☔️