✍️Kutaa 106🌹
#Bultii_ijaarrachuun_mana_ijaarrachuurra_daran_caala.
✍️1 Bultii ijaarrachuun mana ijaarrachuurra daran caala. Yeroo tokko tokko naannoo jireenyakootti dargaggoota hangan mana ijaarradhutti ykn hangan konkolaataa bitadhutti hin fuudhu jedhan hedduun dhaga’a! Wanti kun hin barbaachisu jechuun goonkumaa hin danda’aamu, Yoo gowwumni itti abshaalome malee namni akkas jedhu hin jiru, bultiikee waan hundumaan bulchuu hin dandeessu taanaaniyyuu hin fuudhin! Waantotni ani kaase kun ba’eessa ta’us garuu rakkoo mataasaa danda’e ni qabaata; shamarreen isin wajjiniin bultii ijaarrattan gaafa mana ijaaramaatti galtu miira abbummaa dhabuu malti! Waan hundumaa goolabamaatti argite taanaan mana kiraayii galtee wajjin wal hin caalu! Kununsuu, tottolchuufi kankooti jettee qabachuunsheeyyuu baayyee gadi bu’ee argama. Ykn naannicha jijjiirranna , ykn gurgurree kan biraa bitanna ykn ijaarranna ykn kutaa isa kana akkas goona ykn halluu isaa jijjiirra ykn waanuma ta’e sana kana isiniin jechuu malti ; maalif? dadhabbii mana ijaaruun qabu dhiiga namaa akka annan qoqorroo keessaa danfuutti akka inni ol ka’u si faana hin miireffanne waan ta’eef dadhabbiikeetti gatii laattus goonkumaa hanga ati itti dadhabde siif beekuu hin dandeessu! sababni isaa dur yeroo qofaakee turte ijaarte amma garuu fedhiinis kan nama lamaati, yaadnis kan nama lamaati! Kanaafuu utuu gaafa lafa bitattan waliin marii’attanii, gaafa dhagaa, ashawwaafi simintoos ta’e biyyee isaa guuruutii hanga halluu mana keessan dibattaniitti wajjin marii’achaa utuu ijaartaniitii abeet yaa gammachuu manicha keessaa! Kaan gamoo ijaaramaa keessatti wal jeeqee wal hiika kaan ammoo mana kiraayii keessatti gammachuun wal eega! Bultiis Waaqayyootu ijaara Kanaafan dubbiikooyyiu Bultii ijaarrachuun mana ijaarrachuurra daran caala jedhee eegale!
2. Konkolaataa bareedaa, mana bareedaa, uffata barredaafi waantota bareedaa yeroo barbaaddetti kireeffachuu dandeessa GAA’ELA bareedaa garuu abadan 🙅 goonkumaa kireeffachuu hin dandeessu🙅
3. Uumama keessattis bakka Waaqayyo xuqaa kaa’ee uumama uumuu dhaabee deemeetii Yesuus waggoota hedduu booda dhufee hojii eegaluun isaas waanti guddaafi ulfina qabeesi gaa’ela caalu akka hin jirre nu barsiisuuf ture. Waaqayyo Addaamiin dabalatee, samii diriirsee, dachee dhisee, bineensota, biqiltoota, ilbiisota erga taasiseen booda hojii lafa jalaafi samii gidduu Hewaaniin Addaamiif kennuutiin ykn gaa’elaan erga gudunfee as oomaayyuu itti dabalaee hin uumne. Waggoota kumaatama booda ammoo Yesuus ilmi Waaqayyoos bakkuma abbaan xuqaa kaa’eetii hojii isaa tokko jedhee mana cidhaatti dinqii jalqabaa hojjechuun tajaajila isaa eegaluun isaa Fuula Waaqayyoo duratti waanti guddaan gaa’ela caale akka hin jirre nu barsiisa.
Via :Eba Keneni Hundessati
Suuraan Siifoo koo isheen mararfadhudha.
Guyyaa gaarii qabaadhaa.
Yaada kana jaallachuu irraan kan ka'e isiniif qoodeera.
Sisay Sif Elaa Niyaana
https://t.me/+LRcKMB9yEK4xZGZk