Репост из: DHALOOTA DABAREEN GA'E!
Dhugaadhaaf lafti in bari'a!
"Dhugaan ni qal'atti malee hin cittu!" dubbiin jedhu mammaaksa qofa miti. Dhugaa walii galaati. It is a universal truth! Hammamuu haa qal'attu, hammamuu waan cittu haa fakkaattu malee dhugaan cittee badduu hin baatu.
Eenyu iyyuu yoo ishee awwaale awwaala dhugaan diigdee hin kaane hin jiru. Maaliif? Dhugaan dhugaadhakaa!
"Karaan sobaan darban gala nama dhiba!" inni jedhamus mammaaksa humna guddaa of keessaa qabudha. Sobaan hamma ta'e deemuun ni danda'ama. Rakkoon isaa garuu karaa sobaan darban sana irra lammaffaa deemuun hin danda'amu! Sobni sobadha. Raawwatee dhugaa ta'uu hin danda'u.
Qannoo fi qananii sobni nama gonfitu irra gidiraa dhugaan nama agarsiistu wayya. Quufa sobni hamma handhuurri nama hiikkatutti nama quubsitu mannaa godoo dhugaa keessatti beela'uu wayya👌
Biiftuu sobaa qarri ishee ija nama waraanu irra dukkana dhugaatu humna qaba. Yeroof malee, yeroo booda biiftuun sobaa jaamtee dukkanni dhugaa bari'uun hin oolu waan ta'eef.
Biyyi koo namoota akaakuu lama qabattee tirachaa jirti.
Muraasa sobni kabajjee fi miliyoonota dhugaan gidirsitu🥺
Lachuufuu ergaan koo kunooti👇
Bor akka har'aa miti. Sobatti dhihuuf, dhugaaf immoo bari'uutti deemaa jira. Kanaafuu, namoonni dhugaatti cichitanii dukkana dhugaa keessa jirtan abdii hin kutiinaa🎤 Sobni akka bari'etti dhugaan immoo akka dhi'etti hin hafu! Darbuun isaa dirqama!
.
.
.
Durri Kun kan mo'ichaati sagaleen kiraaraaf weedduu haa dhaga'amu....
https://t.me/+n8nZdY2wzoEzN2M0
Na quunnamuuf 👉@Toliishaa