🔥#Sola_Scriptura
Namoonni Baay'een Hiika maqaa keetii nutti himi jechuun yeroo baay'ee na gaggaafattu! Mee sababan maqaa masoo Sola jedhamu kana jaalladheef kunooti! Sirritti dubbisaa!
Jechi ''Sola Scriptura'' jedhu jecha Laatin yommuu ta'u, innis sola fi scriptura jechoota jedhaman of-keessaa qaba. Hiikkaan isaas ''sola'' 'qofaa' jechuu yommuu ta'u, ''scriptura'' immoo 'macaafa qulqulluu' jechuudha. Yommuu walitti dhufan hiikkaa ''macaafa qulqulluu qofaa'' jedhu nuu kenna.
Sola scriptura'n akka barsiisaatti kan inni beekame waldaa kiristiyaanaa pirotestantii "Reformer" warra Roomaa Kaatolikiin mormaa turaniin giddu gala jaarraa 16ffaa keessadha. Isaanis qaamni ol'aanaan waldaa kiristiyaanaa phaappasii fi namoota hundeessan utuu hin taane macaafa qulqulluu qofa ejjennoo jedhu qabu turan. 2Phex.1:3 ilaalaa
Waldaan kiristiyaanaa kaatolikii Roomaa macaafa qulqulluu caalaa sirnaa fi aadaa adeemsa keessa hundeeffataniin geggeeffamaa turte. Sirnoota kana keessaa fknf, qulqullootaaf ykn kadhannaa haadha Yesus Maariyaam, ulfa qulqulluutti amanuu [immaculate conception] (Maariyaam cubbuu malee akka isheen dhalatte amanuu), tola-ooltummaa (kaffaltii waldaa kiristiyaanaatiif barbaachisan dabalatee) fi aangoo dura ta'aa phaappasotaa kaasuun hin danda'ama. Sababoota kanneenii fi kana fakkaataniif ''macaafa qulqulluu qofa'' kan jedhu kun cabsee ba'uun dirqama itti ta'ee ture.
Sola scriptura'n barsiisa sirna hundumaan mormu miti. Garuu, barsiisota macaafa qulqulqulluun morman ykn ilaalchota macaafa qulqulluu bakka bu'anii dhaabbachuu barbaadan hundumaan kan mormudha. Macaafni qulqulluun ifaadha. Amantii kiristiyaanaaf aangoo kan qabu fi ol'aanaadha. Dogoggora kan hin qabne ta'uu isaa irraa kan ka'e, walitti dhufeenya namni Waaqayyoo wajjin qabuuf ga'aadha. Shaakaltii fi sirnoota hafuuraa dhuunfaas ta'u waliin qabaannuuf akka sagalee Waaqayyoo ta'uun dirqama ta'uun isaa yommuu hafu mormamuutu irra jira. Kun barsiisa sola scriptura dha.
"Reformers"n macaafa qulqulluu qofaatu waldaa kiristiyaanaa irratti isa dhumaa fi isa ol'aanaa ta'uu qaba jedhanii mormaniiru. Duudhaan waldaa kaatoolikii Roomaa macaafa qulqulluu wajjin aangoo wal qixxee akka qabutti fudhatanii sagalee Waaqayyoon mormaniiru.
Haara'umsa pirotestantii keessatti maqaan isaa kan kaafamu Maartin Luuter, waldaan kiristiyaanaa kaatolikii Roomaa aboo macaafa qululluu molquu isheen mormuu isaatiin,
''Dhuga ba'umsa caaffata qulqulla'aan yoon amane malee, luqqisiileen caqase kanaan hidhameen jira; sammuun koo sagalee Waaqayyoon booji'ameera. Sammuu ofii wajjin walitti bu'uun waan sirrii waan hin taaneef homaa tokko gochuu hin danda'u. Kunoo dhaabadheen jira Waaqayyo na ha gaargaaru. Amen.''
Jechuu isaatiin ari'atamaa ture. Barsiisi ''macaafa qulqulluu qofa'' jedhu jalqabbii seenaa waldaa kiristiyaanaatii kaasee lola keessa kan turee fi utuu wal irraa hin citin sobaa fi karoora seexanaaf xiyyeeffannaa isa ijoo ta'ee kan turedha.
✍️ Abdi Teferi
https://t.me/+LRcKMB9yEK4ሽዝግዝቅ
#Argattee_Gammaduu_Malee_Dhabdee_Rakkachuu_Waaqayyo_Si_Haa_Oolchu🙏🥰
👉Waaqayyoof,jiraachuun carroomuudha 🥰
@sisay_Yadessa
https://t.me/+LRcKMB9yEK4xZGZk