Kutaa 111🙏🥰
#Hamma_Lafa_Yaadamteef_Geessutti_imala_Kee_Addaan_Hin_Kutin!
✍️Jireenya keenyaaf wanti guddaa fi barbaachisaan galma yaadamneef geenyee argamuudha.
✍️Namni galma manaa baheef hin geenye, kara deemaadha.
Nama karaa deemu immoo waan baayyeen akka barbaachisuu fi waan baayyeen karaatti illee itti dhufuu akka danda'u beekuun dirqama kara deemaa tokkooti.
Namni jireenya isaa keessatti wal'aansoo waan jedhamu arguu hin barbaadu, jireenyi galma yaadameef deeman immoo wal'aansoo guddaa qaba.
✍️Wal'aansoo guddaa booda ulfinni guddaan akka jiru beekuu qabna.
Namni kaayyoo manaa baheef beeku tokko,eenyuun ilaalee akka deemu beeka.
✍️Kanaafuu namni akkasii kun hamma galma kaayyoo isaa gahuutti,akka nama waan tokko illee hin dhageenyetti, cichoomuun kaayyoo isaa fiixaan baasee darba.
✍️Kufaatii nama baayyeef sababii guddaa kan ta'e adeemsa kaayyoof gufannaa jiru bira darbuu dadhabuun,balaa guddaa itti ta'uudha.
✍️Kanaafuu hamma lafa yaadamteef geessutti imala kee addaan hin kutin.
✍️Waanuma namni fiiguuf fiigna osoo hin taane, figicha kaayyoo keenya biraan nu gahu fiiguu qabna.Fiigicha kaayyoo keetti milkooftu fiiguu yoo barbaadde immoo, Yesuus wajjin hariiroo sirrii qofa qabaadhu,dhugaa keessa kee wajjin waliif gali, ofiif amanami, hamma waan barbaaddu sana bira geessutti, waan duubatti si harkisu irraa fagaadhu.
✍️Dadhabbii obsuun lafa yaadamteef sana gahuuf shaakala godhi.
✍️Dhalli namaa namummaa isaa kan mirkaneessuuf barbaacha isaa wajjin yoo wal argateefi waaqayyoo wajjin waliif galee jireenya dhugaa yoo jiraateedha.
✍️Kanaafuu lafa yaadamteef sana gahuu fi lafa Waaqayyo itti si barbaadutti argamtee jireenya inni sirraa jaallatu jiraachuuf of qopheessi.
✍️https://t.me/+LRcKMB9yEK4xZGZk
@sisay_Yadessa