• • • #Abrahaam_Linkeen • • •
= = = = = = = = = = = = = = = ====
Abrahaam Linkeen dorgomee injifatee gara piresidaantummaa Ameerikaatti yeroo ol ba'etti abbaan isaa nama kophee miilaa hojjetu ture. Sababa kanaanis Linkeen namoota sammuun isaanii dadhabaa ta'an baay'ee isaanii biratti 'Ilma abbaa suphituu kophee' jedhamuun beekamu kun gara pireesidaantummaatti ol ba'uun isaa baay'ee isaan hinaafsisa ture.
yeroo jalqabaatiif Linkeen haasa'aa isaa gochuuf yaa'ii mana maree duratti ol ba'e. Kana gidduutti garuu namichi sooressi tokko namoota gidduudhaa lafaa olka'ee, "Yaa Abrahaam Linkeen, maatii koof kophee kan suphuu fi qulqulleessu abbaa kee ta'uu isaa hin dagatiin," ittiin jedhe. Uummatni achitti argamanis ‘kitkit kitkit kitkit’ jedhanii kolfa itti gaggaban. Sababni isaas immoo Linkeen dubbii dureessichi dubbatetti baay'ee qaana'eera jedhanii waan yaadaniif.
---------------------------------------------------
Namoonni tokko tokko garuu uumamuma isaanii tiin hubannaa addaa gonfatanii dhalatu mitii ree? Linkeenis namoota hubannaa addaa sana waliin dhalatan kanneen keessa tokko waan ture natti fakkaata. Dureessicha namoota itti kolfisiise sana ija, ija isaa keessa ilaalaa deebiin inni kenneef kan akkas jedhu ture; "Yaa Gooftaa koo, abbaan koo maatii keessaniif akka kophee hojjetu anis beeka. Akkasumallee isiniif qofa osoo hin taanee namoota mana maree kana keessatti argaman hedduu isaaniif illee dabalatee isatu kophee hojjeta. Sababni isaa immoo akka abbaan koo itti babbareechee hojjetutti namni kan biraan waan hin dandeenyeefi dha. Inni kophee ni hojjeta jechuun qofti abbaa koo hin ibsu; lubbuuma itti uuma malee!
Mee isinumaanan gaafadha, kophee abbaan koo isiniif hojjete irratti komii qabduu? yoo jiraateef anis ogummaa sana waanan qabuuf kophee kan biraa isiniif hojjechuu nan danda'a. Garuu hangan fedhe bareechee yoon isiniif hojjedhe iyyuu hamma abbaakootii akka inni hin bareedne beeka. Sababni isaas ogummaa abbaan koo kophee hojjechuu irratti qabu jabeessee waanan beekuufi. Egaa anumti mataan koo iyyuu ogummaa isaa kanaan baay'een abbaa kootiin boona," jedhe deebiseef. kana irratti namoonni mana maree sana keessatti argaman martinuu gab jedhan. Xinnaa guddaan afaan qabatan. deebii A.Linkeen deebisettis ni dinqisiifatan, hamma sila itti kolfan dabaree isaanii morma isaanii cabsan.
* * * * * * * * * * * * * * *
#EGAA_ATIS_HUBADHU!

Hanga ati hin eyyemnetti eenyu iyyuu simiidhuu hin danda'u. Yeroo kam illee yoo ta'e kan numiidhu wanta nu mudate osoo hin taanee wanta nu mudate/nurratti ta'e/ sanaaf deebii nuti laannuudha. #Bidiruun bishaan isatti marsee jiruun hin liqimfamu. Bishaanichi hanga barbaade bal'atus ta'e baay'atus yeroo kamiyyuu bidiruun irra ni adeema. Garuu bishaan kunniin qaawwaa (uraa) argatanii yoo keessa isaa seenan yeroo sanaa kaasee gadi dhugamuu jalqaba.
Bishaanichi bishaan xiqqoo yoo ta'e illee irra keessa adeemuu hin danda'u; in dhugama, in nyaatama, in dhokatas! Egaa atillee akkasumadha. Wanta siin jedhamu, naannoo keetti wanta hojjetamu, jechoota mogolee sibuusan kan namni haasa'u maratti yoo karaa cufte, akka inni keessa kee seenu yoo gochuu dhaa baatteef yeroo hundumaa ati MO'AA dha. Diddee garuu wantoota kanneenif karaa laatta yoo ta'e in MO'AMTA, in INJIFATAMTAS! kanaafuu moo'uu fi mo'amuu kee kan murteessu Waaqayyotti aansee si mataakee ta’uu hubadhu.Waaqayyo wanta si dhoksee keessaa si haa baasu.
#_KAN_SI_MIIDHU_SI_QOFAA_DHA!
👉https://t.me/+LRcKMB9yEK4xZGZk