✍️Kutaa 112✍️
#Dhibaa'ummaatti_Akka_Hin_Jiraanneef_Of_Eegi.
✍️Dhibaa'ummaatti akka hin jiraanneef of eeguun baay'ee barbaachisaadha.
Dhibaa'ummaa jechuun waan gochuu dandeenyu, akka waan hin dandeenyetti hojjechuu dhiisuudha. Dhibaa'ummaan jireenya keenya balleessuu keessatti gahee guddaa qaba. Namoonni baayyee jireenya gaarii ni hawwu, garuu dallaa dhibaa'ummaa keessaa bahuun baayyee itti ulfaata.
Osoo baayyee nutti dhaga'amuu jireenyi keenya rakkinaa fi dhiphina hedduun qabamee otoo jiruu, Waaqayyos osoo hin gammachiifne ofii keenyaas osoo hin gammanne Kellaa dhibaa'ummaa keessa jiraanna.
Inni nuti ta'uuf hawwinu kan biraa, kan nuti jiraannu kan biraa ta'ee jireenya keenya gammachuu malee xumurra.
✍️Sababii kanaaf yeroo baayyee nama komachaa jiraanna.
Dhibaa'ummaa irratti dammaquun kan inni fayyadu abbaadhuma.Dhibaa'ummaan harka duwwaa nama taasisa. Dhibaa'ummaan kaayyoo jiraannuuf nu hanqiseetu lafa onaa irratti kadhataa nu godha.
Namoonni jireenyi isaanii dhibaa'ummaan kuulame, yeroo hundumaa jireeya hawwii jiraatu.
Hawwiin immoo hin nyaatamu. Kanaafuu akkuma dubbiin Waaqayyoo jabaannee akka hojjennuuf fakkeenyummaa guddaa nuuf kennu nutis dammaqoo ta'uun keenya barbaachisaadha.
✍️Waanuma hojjennu hundumaaf dadhabbii tokko malee dhalootaaf fakkeenya sirrii taanee darbuutu nurraa eegama.
✍️Dhibaa'ummaa dhiisanii nama dhiibbaa uumu ta'uun baayyee barbaachisaadha
Bu'aan dhibaa'ummaa maali?
1) Hiyyummaadha.(Poverty)
“Namni dhibaa'ummaadhaan hojjetu in hiyyooma, namni cimsee hojjetu garuu in sooroma;”
— Fak. 10:4
2)Hirriba ulfaataa namatti fida.
“Dhibaa'ummaan hirriba ulfaataa namatti fida, hojii malee taa'uunis beela irra nama buusa;”
— Fak. 19:15
3) Mana duuffisa.
“Dhibaa'ummaan mana in duuffisa, harka dachaafatanii taa'uunis mana in dhimm'isiisa;”
— Lal. 10:18
4) Nama irraa adda nama fageessa.
“Nama tokkotti illee ba'aa akka hin taaneef halkanii fi guyyaa hojiitti dadhabnee hojjenne malee, utuu gatii hin baasiniif nama tokko irraa buddeena illee hin nyaanne.”
— 2Tas. 3:8
“Nuyi yommuu isin bira turre, hojjechuu dhiifnee dhibaa'ummaatti hin jiraanne; isinis fakkeenya keenya duukaa bu'uun hammam barbaachisaa akka ta'e ofii keessanii iyyuu in beektu.”
— 2Tas. 3:7
Waan dubbiftaniif ulfaadhaa.
#Share waliif godhaa.
@Sisay Yadessa.
https://t.me/+LRcKMB9yEK4xZGZk