Mana kitaabaa mataa kee keessa jiraadhu. 📖✍️
Addunyaan kun kan hundaati, waan hundatu keessa jiraata, ittiin jiraata. Hunduu mandhee qaba. Kan bantii waaqaa keessa jiru, inni dachee diriiree jiru kanarra buufate, inni Lafa jala jiru, hundumtuu iddoo mataa isaa qaba.
Aduun waggoota biliyoonaaf ifuu erga eegaltee, kallattiidhuma duraan baatee, karuma duraan lixxuunis lixxi. Halkaniif guyyaanis akeekuma uumamaniif dalagaa jiru.
Pilaanetoonni hawaa keessa jiran Oribiitii mataa isaaniirra naanna'u. Iddoo uumamanitti dalagu, waan uumamaniif hojjetu.
Uumamni uumama jedhamu hundinuu akeeka uumameef qaba. Namni ammoo uumama aboo qabu, uumama waa kalaqu, uumama waa yaadu fi uumama uumama biroo hoogganuu danda'udha.
Ardiilee jiran kanarra namoota biiliyoona 8'tti dhiyaatantu jiru. Lakkoofsa hangas baay'atu keessaa namoonni milkaa'an kan qubaan lakkaa'amaniidha. Iccitiin milkaa'uu dhabuu namoota kaanii fi milkaa'uu namoota muraasaa maali kan jedhu hin dhabamu.
Biyya badhaatuu, maatii dureessa irraa dhalachuun nama hin milkeessu ["Abbaan daadhii dhugeef ilma Afaan hin urgaa'u" jedha Oromoon]. Biyya hiyyeettii, maatii hiyyeessa keessatti dhalachuunis milkii namaatti gufuu ta'uu hin danda'u ["Nama tattaafatu Waaqnis Namnis gargaara" Piro. Mararaa Guddinaa].
Karaan milkaa'inaa Ameerikaa jalqabee Awurooppaa keessa hin baasu, Iddoodhuma jirruu eegala. Waan hojjechuu qabnu hojjechuudha. Waan Waaqayyo nama uumeef adda baasanii beekudha. Faallaa kanaa ammoo milkaa'ina akka waan namni namaaf kennuu, harka namaa eeguu, callisanii taa'anii waaqayyoon amanachuu, abjuu qofa abjoochuudhaan waan dhufu miti.
“Namni immoo waanuma facaase in galfata.”— Gal. 6:7 Kanaafuu facaasuun dirqama.
Waan barbaadde argachuuf magaalaa guddaa keessa jiraachuu osoo hin taane mul'ataakee keessa, mana kitaabaa mataakee keessa jiraachuu qabda. Horaa bulaa!✍️ ViaYaadasaa Lammaa