Dandeettii sammuu (Intelligence Quoteint) fi bilchina miiraa (Emotional Intelligence) qaban irratti hundaa'uun namoota bakka afuritti qooduu dandeenya. Isaanis akka armaan gadiitti ilaalla:
1⃣. Namoota Dandeettii Sammuu Xiqqaa fi Bilchina Miiraa Xiqqaa Qaban:
⏩Namoonni akkanaa namoota rakkisoodha. Dandeettii yaaduu xiqqaa qaban irratti bilchinni miiraa isaanii yoo xıqqaate akka malee ulfaata. Naannoo keessa jiraatanitti rakkina uumuun beekamu. Qaama rakkinaa malee qaama furmaataa ta'uu hin danda'an.
➡️Qabxiin xiyyeeffannoo isaanii dhimma namoota dhuunfaan waan wal qabatuuf, yeroo mara waa'ee namoota dhuunfaa haasa'u. Namoota hamachuu fi walitti buusuun beekamu. Namoota gidduutti diinummaa babal'isu. Baratanii of jijjiiruuf fedhii dhabuu isaaniitti dabalee haalota isaan mudataniif deebiin isaan kennan deebii isaanis ta'e uummata isaanii hin gargaarredha. Itti yaadanii dubbii ogummaa hin dubbatan; akka feeteen dubbatanii namoota miidhu. Deebii namoota biraa argataniinis akka malee miidhamu.
➡️Yeroo hundumaa namoota komachuun beekamu. Nama jajan hin qaban. Namoota akkanaa waliin mana tokko jiraachuun, waajjira tokko waliin hojjechuun, gaa'elaan itti hidhamuun, hariiroo kamuu waliin qabaachuun gatii guddaa nama baasisa. Of eeggannoo guddaas nama gaafata.
➡️Walumaa galatti, namoota namummaa (personality) negetiivii qabaniidha. Baay'ee wanti nama gaddisiisu immoo namoonri hedduun sadarkaa kana irra jiraachuu isaaniiti.