Jireenyi akka nama #biskileettii oofuuti_yoo fiigde malee dhaabattee madaala kee eeggachuu hin dandeessu. Fuulduratti 🏃🏃
Namni kamiyyuu jireenya isaa keessatti ergama mataa isaa ni qaba. uumaan tokko tokko keenyatti dirqama adda addaa kenneera. dirqama siif kenname namni biraan hojjechuu hin danda'u. kanaaf waanti nurraa eegamu kaayyoo uumamneef adda baafnee beekuufi of taanee jiraachuudha.
Akkaataa ati ofiikee itti ilaaltu akkaata ati itti tarkaanfaattu murteessa.kanaaf dandeettiikootti nan amanaa? jedhii of gaafadhu. Humna si keessa jirutti hin amantu taanaan milkaa’ina gonfachuu hin dandeessu. Bakkuma jirtutti waanuma of harkaa qabdu fayyadamiitii waan dandeessu hojjedhu. Kaayyookee irratti xiyyeeffattee waan hojjechuu dandeessu hojjennaan kanbiraa maaltu sirraa eegamaree?
Yoom akka hojjettu, maal akka hojjettu, akkamitti akka hojjettu qajeelfama nama biraa hin eeggatiin. Waan dandeessuu hojjechuudhaaf har’a siif guyyaa addaati. Kanaaf ganamaan ka’ii deemsakee eegali. Amma yoo imala eegalte karaa dhiyeeffattee bulta waan ta’eef.
Namoonni baay’een kaayyoo ofiisaanii ni beekuu, hojjechuuf garuu tarkaanfii hin fudhatan. Haala mijataa ykn nama si gargaaruu teessee eeguu irra kaayyoo uumaamteef jiraachuuf of qopheessi.
Akka nama bidiruudhaan galaana irra naanna’uudhaan bashannanuu bakkuma tokko marsaa hin ooliin. Kaayyoo uumaamteef bakka gahuu qabdu gahuudhaaf ofiikee irratti murtoo fudhadhu. Milkaa’inni waan barbaadan argachuu osoo hin taanee imala jireenyaa eegaluudha. Milkaa’inni walitti fufinsaan daandii milkaa’inaa irra imaluudha malee bakka yaadaan gahuu qofaa miti.
Kaayyoon jireenya dhala namaa tokko namoota biroof taajajila kennuu, waan gaarii yaaduufi gargaaruudha.
Galatoomaa