SALPHAA WANTI NUTTI FAKKAATU RAKKOO GUDDAA NUTTI FIDUU DANDA'A.
▬▬▬▬▬▬▬▬
✧ Sinbirroo tokkotu bosona keessaa weeddisaa turte. Qonnaan bulaan tokko saanduqatti raammoo guutee bosonicha keessa darbaa ture. Sinbirattiinis qonnaan bulticha agartee, "Saanduqa keessatti maal naqxee jirta? Eessas deemaa jirta?" Jettee gaafatte.
✧ Qonnaan bultichis saanduqa keessatti raammoo guutee akka jiruu fi raammoo kana gurguree baallee bitachuuf gabaa deemaa akka jiru sinbirattiitti hime. Sinbirattiinis, "Ani baallee tokko buqqisee siifan kenna kunis raammoo barbaacha ijaajjuu irraa na baraara, jette. Qonnaan bultichis raammoo saanduqatti baatee ture sinbirrattiif ni kenne.
✧ Sinbirattiiniis baallee ishee tokko buqqistee qonnaan bultichaaf kennite. Guyyaa itti aanus akkanuma godhan. Guyyoota dheeraaf akkanatti qonnaan bultichi sinbirattiif raammoo kennee, baallee ishee fudhachaa erga turee booda, dhuma irratti baalleen sinbirrattii irraa dhume. Sababa kana irraan kan ka'e sinbirattiin barristee raammoo barbaaddachuu ni dadhabde. Bifti ishees waan fokkiseef gammachuun weeddisuu dhaabde.
✧ Kanumaan yeroo muraasa booda ni duute.
◉ Seenaa kana irraa wanti barannu, tooftaa salphaan sinbirrattiin ittiin nyaata argachuuf filatte dhuma irratti rakkoo guddaa isheetti fide. Jireenya keessas wanti kanaan walfakkaatu hin jiruu?
◉ Yeroo baay'ee karaa salphaa dhaan waan hawwinu argachuuf barbaadna.
◉ Garuu dhuma irratti karaa salphaan kun rakkoo ulfaataa keessa nu buusa.
◉ Of eeggannoon murteessaa dha. Share gochuun hiriyyoota keef qoodi!
Share◈Share◈Share