Lukkuun sababa namoota waliin jiraattuuf dhiboofte jedheen yaade!
Simbirootni baay'ee ogeeyyiidha. Gooboo/mana itti galan gargaarsa qaama biraan osoo hin taane ofumaaf ijaarratu. Kanaammoo hedduu nama dinqisiisa. Guuboo bareedduu nama hawwatu tolfatu. Achitti hanqaaquu buusu; achitti ilmaan ofii horatanii guddifatu. Dhaloota (gosa) ofii baay'ifatu!
Ilmi namaa kun garuu, irra jireessi isaa dhibaa'aadha. Mana hin ijaarratu. Hin qulqulleeffatu. Ogummaa hin qabu. Simbiraa olitti uumamee, simbiraa gaditti jiraata! Kan sababa qabullee sababa qaba jenna. Warri sababa hin qabne kan akka looniitti jiraatu hedduutu jira.
Lukkuun mana hin ijaarrattu. Nama waliin mana namaa keessa jiraatti. Namatu bakka isheen itti hanqaaquu buustu tolchaaf. Yookan ammoo ofumaaf bakka kosii fi dallaa yookan siree fi bakkuma argiteetti buusti. Dhibooftuudha. Ogeettii miti. Isheenuu sababa namatti hirkattee jiraattuuf dhiboofte jedheen yaade!