Maal dubbadheen maalan dhiisaa
Gatii oolmaa isaa maalan baasaa
Narraa qabaam oolmaa danuu
Waa'ee isaatiif waanan himuu
Nagaas hin daganne akkam jirtuu
Baga geessan ayyaana du'aa ka'uu
Jaalala isaatu na dhiba anaan baay'ee
Yemmuun itti yaadu gadi taa'ee
Anarraa dhiquudhaaf xurii cubbuu
Jalaana baasuudhaaf du'a lubbuu
Anaaf jedhee uleedhaan garafamee
Jirma jiidhaa baachifameee
Daddarbatamee itti ga'ifamee
Fannoorrattis fannifamee
Cinaacha isaa waraanuudhaan
Jecha ulfaataan arrabsuudhaan
Kana hundumaa obsaan baatee
Achiis du'ee awwaalamee
Ajaja abbaa isaas galmaan ga'ee
Du'ees hin hafne du'aa ka'ee
Firdii jallinaa lafaan dhahee
Furtuu jireenyaa fuudhee ka'e
Ulfinaan ol ba'eera gara mirga abbaatti
Nus nu waameera gara motummaa isaatti🙏
@Sagalee_Farafaanna
Gatii oolmaa isaa maalan baasaa
Narraa qabaam oolmaa danuu
Waa'ee isaatiif waanan himuu
Nagaas hin daganne akkam jirtuu
Baga geessan ayyaana du'aa ka'uu
Jaalala isaatu na dhiba anaan baay'ee
Yemmuun itti yaadu gadi taa'ee
Anarraa dhiquudhaaf xurii cubbuu
Jalaana baasuudhaaf du'a lubbuu
Anaaf jedhee uleedhaan garafamee
Jirma jiidhaa baachifameee
Daddarbatamee itti ga'ifamee
Fannoorrattis fannifamee
Cinaacha isaa waraanuudhaan
Jecha ulfaataan arrabsuudhaan
Kana hundumaa obsaan baatee
Achiis du'ee awwaalamee
Ajaja abbaa isaas galmaan ga'ee
Du'ees hin hafne du'aa ka'ee
Firdii jallinaa lafaan dhahee
Furtuu jireenyaa fuudhee ka'e
Ulfinaan ol ba'eera gara mirga abbaatti
Nus nu waameera gara motummaa isaatti🙏
@Sagalee_Farafaanna